ar
Feedback
ABDII SABAA

ABDII SABAA

الذهاب إلى القناة على Telegram

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! @Abdii_Sabaa 💬Contact Us💬 @AbdiiSabaaDm 🎯BARNOOTAAF @abdii_sabaa_university 🎯MARIIF @Garee_Abdii_Sabaa

إظهار المزيد
2025 عام في الأرقامsnowflakes fon
card fon
561 095
المشتركون
-9524 ساعات
-2237 أيام
-1 04730 أيام
أرشيف المشاركات
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU: Turkiin Paatroolii Qilleensaa eegalte. Haleellaa Israa'el Qaatar irratti raawwatte hordofuun TurkiinPaatiroolii qilleensaa eegalte jechuun marsariitiin Middle East Eye hime. Humni Qilleensaa Turkii haleellaa Israa’el Doha irratti raawwatte hordofuun buufataalee Diyarbakir fi Malatya irraa xiyyaarota waraanaa walduraa duubaan furguggisee jira. Xiinxalaan humna ittisaa Turkii tokko akka jedhutti, Turkiin yoo daangaan qilleensaa ishee sarbame biyya Jeettii Ameerikaa F-35 qilleensa irra kuffiftu ta’uu dandeessis jedhe Turkiin yoo barbaachisaa ta’e tarkaanfii cimaa fudhachuu akka dandeessu maddi Ankaaraatti dhihoo ta’e mirkaneessuun akkas jedhee jira; "Erga Waraana laafaa booda miseensa NATO kan jalqabaa xiyyaara Raashiyaa kuffifne turre! Yoo muddamni kun hammaates F-35 kuffisuun kan jalqabaa ta'uu dandeenya" jedhee jira. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
إظهار الكل...
241👍 29😁 13🥰 12🤯 6😱 4
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU:Hojjettoonni fayyaa ammas yaada mormii dhiheessuuf akka ta'e eerame. Hojjettoonni fayyaa mormii marsaa lammaffaaf qophaa'aa akka jiran himame. Hojjettoonni fayyaa mormii marsaa lammaffaa Fulbaana 5 irraa eegalee gaggeeffamuuf qophaa’aa akka jiran Amnesty International gabaaseera. Kaffaltiin fooyya’aa fi haalli jireenyaa fooyya’aa ta’e ammallee gaaffilee hojjettoonni fayyaa kaasan keessaa tokko ta’uu maddi kun beeksiseera. Mootummaan gaaffilee kanaan dura hojjettoonni fayyaa kaasan kanneen akka haala hojii fooyya’aa uumuu, mindaa gatii madaalawaa, inshuraansii fayyaa, tajaajila mana jireenyaa fi geejjibaa uumuuf deebii kennuu dhiisee hojjettoota fayyaa hidhuun himatamaa ture. Kana malees,Mootummaan Waldaa Hojjettoota Fayyaa Ogeessota Itiyoophiyaa diiguu yaadachuun, mootummaan deebii sirrii kennuuf fedhii dhabuun himatamaa tureera. Mormiin marsaa lammataaf qophiin kan eegalame mootummaan deebii sirrii kennuudhaaf fedhii akka hin qabne ilaalchi waan jiruufi jedhameera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
إظهار الكل...
246👍 44🤯 9🥰 7
Photo unavailableShow in Telegram
#ADS Asbeks hojjechuu eegalaa. Asbeks yeroo hojjettan doolaara tokko yeroo geessu kallattiin “Withdraw” taassifattee baafachuu dandeessa. Asbeks guyyaa guyyaan siif kafala. Dabalataan Doolaara 200 injifadhaa! Asbeks sagantaa badhaasaa Doolaara 200 qopheessee jira , hojii kee hojjechaa, wanta dalagde baafachaa sadarkaa keessa kan baatu taanaan injifataa ni taata. @asbeksplatform hordofuun hirmaadhaa. Carraa Gaarii! Karaa Tiiktookii hordofuuf👇👇👇 https://vm.tiktok.com/ZNdXGmxTU/ Karaa Teeligiraamaan hordofuuf @asbeksplatform Hojjechuu eegaluuf https://t.me/asbeksbot/start/?startapp=myadrefNjMwNzk2NTQ2Mg
إظهار الكل...
434👍 96🥰 18😁 15👏 6🤯 1
Oduu Ammee ODUU:Bu'aan qabxii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa boru ifooma Bu'aan qabxii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 boru ifooma. Qabxicha ilaalchisee boru waaree booda sa'aatii 10:00: eegalee ibsi kan kennamu ta'uu Ministeerri Barnootaa himeera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
إظهار الكل...
1 151👍 285👏 81💔 78😭 73🥰 37🤬 31👌 30🕊 30🔥 28🤯 28
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU: Ministira Bishaaniifi Inarjii akkasumas Ameerikaatti Ambaasaaddara Itoophiyaa kan turan Doktar Injiinar Siilashii Baqqalaa akka jedhanitti Dukkana miliyoonotaa kan ibsuufi kabaja Itoophiyaanotaa kan olkaasu hidhi Haaromsaa eebbifameera Boqonnaan ittaanu ulaa galaanaa deebisuudha jedhan. Haasaa isaaniitiin hidhi anniisaa giiggaa waattii kuma 15 maddisiisu kun gabaadhuma amma jiruunuu yoo shallagame waggaatti galii doolaara biliyoona tokkoo ol argamsiisas jedhan. Anniisaan maddu babal’ina industiriiwwaniifi guddina sektaroota biroof galtee guddaadha. Horsiisa qurxummiifi qonna jallisiin wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun ala hawwata turiizimii isa guddaadhan jechuun dubbatan. Tajaajila konkolaattota elektirikii faalama qilleensaarraa bilisa ta’an dhugoomsuuf, tekinoloojii manneen barnootaa keessatti babal’isuun qulqullina barnootaa mirkaneessuuf, madda anniisaa cileefi qoraan hanbisuun fayyaa hawaasaa mirkaneessuuf gaheen hidhichaa daran olaanaadha jedhaniiru. Akka isaan jedhanitti, Lagni Abbayyaa dafqa sabootaafi sablammootaan waan ijaarameef faajjii tokkummaa Itoophiyaanotaati. Itoophiyaan ala biyyoota 11 hidhaa jaalalaan walitti hidhee waan jiruuf faajjii tokkummaa Afrikaanotaati. Misoomuun Laga Abbayyaa anniisaa elektirikiin caalaattuu tokkummaa biyyoota yaa’a lagichaa jabeessa. Dhageettiifi kabaja Itoophiyaanotaa bakkawwan hundatti olkaasa. Boqonnaan ittaanu akkuma hidha Haaromsaa gaaffii Itoophiyaa hafan karaa nagaa itti adeemuu barbaachisa. Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Doktar Buzaayyoo Daggafaa gamasaaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan wayita ijaarsa dhagaa bu’uuraa hidha haaromsaa keessu biyyoota baay’ee biratti akka qoosaatti ilaalamaa ture. Biyyi hiyyeettiin hidhaa guddaa akkasii ni ijaarti jedhamee baay’otaan hin amanamne. Boodarra garuu hojiin ijaarsa hidhichaa akkuma dabalaa dhufeen dhiibbaan hawaasa addunyaas dabalaa dhufe jedhan. Dhimma Ulaa galaanaa ilaalchisee yaada isaanii akkkana jechuun ibsan "Buufatni Doonii Asab seenaanis seeraanis haala fudhatama hinqabneen Itoophiyaa harkaa ba’e Bara Itoophiyaan mootummaa ce’umsaa dhimma biyyattii murteessuu hindandeenyeen bulaa turte buufata doonii kana dhabde"jedhan. "Kun ammoo ulaa galaanaa kana deebifachuuf gaaffii mirgaafi yaada ka’umsaa addunyaa biratti fudhatama qabudha, Kanaafuu, gaaffiin ulaa galaanaa hoggansa sirriin yeroo sirrii keessatti ka’e, Ammaan tana gaaffiin kun %50 addunyaa biratti fudhatama gonfateera jechuun nidanda’ama" Jedhan. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
إظهار الكل...
486👍 57🤯 15👏 14🫡 14😢 10🥰 9🔥 3🤗 1
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU GADDAA: Balaa Tiraafikaa guyyaa har'aa muudateen lubbuun namoota hedduu darbuun himame. Konkolaataan Uummataa Godina Gujii Bahaa, Magaalaa Nageellee irraa imalaa ture, iddoo addaa Kuchoo jedhamutti magaalaa Adoolaa Reeddee keessatti balaa isa mudateen namoonni hedduun miidhamuu isaanii himame. Konkolaatan kun Gujii Magaalaa Nageellee irra gara Magaalaa Hawasaa deemaa kan ture yoo ta'u Namoonni hedduun du’uu himama jira. Reeffii fi namoonni Miidhamaan hunduu Hospital Adoolaa jirus jedhamee Jira. Haa ta'u malee namoonni meeqa akka lubbuun darban hanga hammaatti adda hin baane . SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
إظهار الكل...
😭 580 258😢 70🤬 19🕊 12👏 9🥰 4🤯 4😱 3
Photo unavailableShow in Telegram
Feesbuukii kijibaa maqaa miidiyaa @Abdii_Sabaa n banamuun burjaajjii uumaa jiru irraa of eegaa. Feesbuukii miidiyaa @Abdii_Sabaa hordoftoota kuma 100,000 ol qabu karaa https://www.facebook.com/AbdiiSabaaFb tiin hordofaa . Kanaan ala fuulonni jiran miidiyaa @Abdii_Sabaa kan bakka hin buuneefi “Fake Account “ ta’uu isin beeksisna. Fuulaa Feesbuukii miidiyaa @Abdii_Sabaa isa sirrii qofa hordofuun odeeffannoowwan dharaa irraa of eegaa. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
إظهار الكل...
538👍 112🥰 48😁 47👏 31🔥 19🤯 18🎉 14😨 11
Photo unavailableShow in Telegram
#kutaa_12ffaa #update Bu’aan kutaa 12ffaa haga yoonaa hin gadhiifamin jiraachuufi barattoota dabalatee maatiin barattootaa burjaajjii irraa akka of qusatan tajaajilli madaallii barnootaafi qormaataa biyyaalessaa dabarse. Tibba qormaati gadhiifamuuf jedhu goyyomsaan akka heddummatu kan dhaaman aanga’ooni tajaajilichaa, bu’aa yeroon gadhiisuuf tattaaffii taassisaa jiraachuu himaniiru. Qaammee 4/2017 ni gadhiifama jedhamee eegamaa kan ture qormaati biyyaalessaa, haala gaariin Qulqulleessuun gadhiisuuf jecha yeroo hin beekamnetti achi siquufi yeroo gadhiifamutti dursanii miidiyaalee biyyaalessaafi qabatamoo ta’aniif odeeffannoo akka kennan tajaajilichi beeksiseera. Barattoonniifi maatiin barattootaa obsaan akka eegan dhaamameera. Bara kana barattoonni kuma 500 fi 80 qormaata kana fudhachuun ni yaadatama. Miidiyaan @Abdii_Sabaa dhimma kana xiyyeeffannoon hordofaa kan jiru yommuu ta’u akkuma baroottan darbanii jala bu’uun yeroon kan dabarsu ni ta’a. Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa! SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
إظهار الكل...
810👍 167😭 85🔥 45😁 45😢 13👏 12🤯 9🤬 6👌 5😱 2
Photo unavailableShow in Telegram
Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa! SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
إظهار الكل...
228🤯 30👍 21👏 11
Photo unavailableShow in Telegram
Bara barnootaa 2018f Barattoonni Miiliyoonni 11 ol galmaa'uun isaanii heerame. Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa 2018’f  Barattonni miiliyoonni 11 ol galmaa’uu isaanii BB naannicha hime. Wiixata dhufu Manneen Barnootaa hundi adeemsa baruu fi  barsiisuu kan eegalan ta’uu Sadarkaa itti aanaa Biiroo Barnootaa Oromiyaatti Gorsaan Biirichaa Obbo Efreem Tasammaan  himaniiru. Biiroon Barnootaa Oromiyaa Manneen Barnootaa naannicha keessa jiran hundi 05/2018 irraa egalee  adeemsa baruufi barsiisuu akka gaggeessaniif kalaandara barnootaa bara 2018 hanga manneen barnootaatti gadi buusuu dubbatan. Haaluma kanaan galmee barattootaa Hagayya 26, hanga Qaammee 5/2017 gaggeeffamaa tureen  barattootni Mana Baruumsaa  Bu'uura Boruu hanga kutaa 12ffaa jiran miiliyoonni 11 galmaa’uu himaniiru. Biirichi Barattoota miiliyoona 13 galmeessuuf karoorsee turuu yaadachiisaniiru. Mariin waliigalaa caasaalee barnootaa dhimma baruufi barsiisuurratti xiyyeeffate boru irraa eegalee kan gaggeeffamu  ta’uus eeraniiru. Haaluma kanaan guyyaa boruu Fulbaana 3, 2018 hoggansa, Ogeessa Biiroo, Waajjiraalee Barnootaa Godinaalee, Magaalootaa fi aanoleen kan mari'atamu ta'uu himan. Fulbaana 04/2018 immoo, Barsiisonni hundi kan mari'atan ta'uu obbo Efreem akeekaniiru. Akkasumas fulbaana 10 , 2018 maatii barattootaa waliin mariin kan gaggeeffamu ta'uu himaniiru. Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa! SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
إظهار الكل...
739👍 146👏 41🔥 31🤯 22🥰 21😱 17😁 15
Photo unavailableShow in Telegram
Bara barnootaa 2018f Barattoonni Miiliyoonni 11 ol galmaa'uun isaanii heerame. Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa 2018’f  Barattonni miiliyoonni 11 ol galmaa’uu isaanii BB naannicha hime. Wiixata dhufu Manneen Barnootaa hundi adeemsa baruu fi  barsiisuu kan eegalan ta’uu Sadarkaa itti aanaa Biiroo Barnootaa Oromiyaatti Gorsaan Biirichaa Obbo Efreem Tasammaan  himaniiru. Biiroon Barnootaa Oromiyaa Manneen Barnootaa naannicha keessa jiran hundi 05/2018 irraa egalee  adeemsa baruufi barsiisuu akka gaggeessaniif kalaandara barnootaa bara 2018 hanga manneen barnootaatti gadi buusuu dubbatan. Haaluma kanaan galmee barattootaa Hagayya 26, hanga Qaammee 5/2017 gaggeeffamaa tureen  barattootni Mana Baruumsaa  Bu'uura Boruu hanga kutaa 12ffaa jiran miiliyoonni 11 galmaa’uu himaniiru. Biirichi Barattoota miiliyoona 13 galmeessuuf karoorsee turuu yaadachiisaniiru. Mariin waliigalaa caasaalee barnootaa dhimma baruufi barsiisuurratti xiyyeeffate boru irraa eegalee kan gaggeeffamu  ta’uus eeraniiru. Haaluma kanaan guyyaa boruu Fulbaana 3, 2018 hoggansa, Ogeessa Biiroo, Waajjiraalee Barnootaa Godinaalee, Magaalootaa fi aanoleen kan mari'atamu ta'uu himan. Fulbaana 04/2018 immoo, Barsiisonni hundi kan mari'atan ta'uu obbo Efreem akeekaniiru. Akkasumas fulbaana 10 , 2018 maatii barattootaa waliin mariin kan gaggeeffamu ta'uu himaniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
#ADS Asbeks hojjechuu eegalaa. Asbeks yeroo hojjettan doolaara tokko yeroo geessu kallattiin “Withdraw” taassifattee baafachuu dandeessa. Asbeks guyyaa guyyaan siif kafala. Dabalataan Doolaara 200 injifadhaa! Asbeks sagantaa badhaasaa Doolaara 200 qopheessee jira , hojii kee hojjechaa, wanta dalagde baafachaa sadarkaa keessa kan baatu taanaan injifataa ni taata. @asbeksplatform hordofuun hirmaadhaa. Carraa Gaarii! Karaa Tiiktookii hordofuuf👇👇👇 https://vm.tiktok.com/ZNdXGmxTU/ Karaa Teeligiraamaan hordofuuf @asbeksplatform Hojjechuu eegaluuf https://t.me/asbeksbot/start/?startapp=myadrefNjMwNzk2NTQ2Mg
إظهار الكل...
417👍 69🔥 38🤯 35😱 18🥰 14😁 4👏 1
Oduu Gaddaa Tajaajilaan Gaa'ela saala walfakkaataa Mormuudhaan Beekamu Ajjeefame! Chaarlii Kirk, aktiivistiin konsarvaatiivii fi hundeessaan dhaabbata “Turning Point USA,” kaleessa 10/9/2025, sagantaa Yunivarsiitii Utah Valley Orem keessatti qophaa’e irratti rasaasaan rukutamee, haala nama gaddisiisuun du’aan addunyaa kanarraa boqotee jira. Tajaajilaan kun Ganna 31 yoo ta'u Taateen kun kan mudate sagantaa “American Comeback Tour” jedhamu irratti, wayita inni mormii nageyaa barattoota fuula duraatti dhaabbatee mata duree “Prove Me Wrong” jedhu qopheesse, barattoota waliin wal-gaafataa turettidha. Namoonni argan akka himanitti , dhukaasa tokkoon morma isaa irratti rukutame jedhu. Gara hospitaalaatti ariitiin geeffamulle miidhaan irra gahe ulfaataa waan ta'eef yeroo muraasaan booda lubbuun isaa darbuun himame. Dhukaasi itti dhukaafame “ijjeechaa siyaasaati” jechuun bulchaan Yuutaa, Spencer Cox, ibsa kan Kennan yoo ta'u gochi kun guyyaa dukkanaa’aa kutaa biyyattii fi saba hundaaf akka ta'e bulchaan kun ibsuun gocha kana balaaleffateera. Qondaaltonni seera kabachiisan shakkamaan tokko to’annaa jala akka jiru mirkaneessanii jiru FBIn taatee kana jala bu’ee qorachaa jiraachuu isaas ibseera. Chaarlii Kirk namoota Ameerikaa yaada konsarvaatiivii deeggaran biratti nama jaallatamaa ture, karaa “Turning Point USA” jedhamuun dargaggoota sochoosuuf carraaqqii gochuun beekama. Akkasumas michuu pirezidaantii Doonaald Tiraamp ta'un nama Tiraamp akka filamuuf bara 2024 dhiibbaa guddaa uumeedha. Mooraa kolleejjii fi Yunivarsiitii hedduu keessatti yaada konsarvaatiivii guddisuu keessatti gahee olaanaa taphateera. Duuti isaa yeroo malee hawaasa biyyattii birratti dhiibbaa guddaa kan uume yoo ta’u, hoggantoota adda addaa du’a isaatiif gadda dhageesisaniiru. Pirezidaantiin Doonaald Tiraamp du’a Chaarlii Kirk’f deebii kennaniin, “Ameerikaaf yeroon kun yeroo dukkanaati” jedhaniiru. Chaarlii Kirk “nama dhugaa bilisummaaf wareegamedha” jechuun ibseera. Tiraamp ajjjeechaa siyaasaati jechuun balaaleffateera. Maatii isaaf jajjabinnas hawweera. Chaarlii Kirki fuudhaa fi heerumaa saala wol-fakkatanii mormuunille beekkama. Namoota yaada isaa deeggaran turan du’a isaatti gaddaniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
إظهار الكل...
838😢 475😭 252👍 123😁 42🤯 31👏 28🥰 22🤩 21💔 11🔥 9
Photo unavailableShow in Telegram
Bara 2018 bara milkii bara dagaaginaa hawwina. Miidiyaan @Abdii_Saba ummata Itoophiyaa maraaf barri 2018 bara milkii akka ta’u hawwa. Baga bara 2018 nagaam geessan. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
إظهار الكل...
601👍 82🙏 61🎉 35🏆 22🥰 17😱 15🤩 15🤯 14🤬 12🆒 8
Photo unavailableShow in Telegram
#ADS Doolaara 200 injifadhaa! Asbeks sagantaa badhaasaa Doolaara 200 qopheessee jira , hojii kee hojjechaa, wanta dalagde baafachaa sadarkaa keessa kan baatu taanaan injifataa ni taata. @asbeksplatform hordofuun hirmaadhaa. Carraa Gaarii! Karaa Tiiktookii hordofuuf👇👇👇 https://vm.tiktok.com/ZNdXGmxTU/ Karaa Teeligiraamaan hordofuuf @asbeksplatform Hojjechuu eegaluuf https://t.me/asbeksbot/start/?startapp=myadrefNjMwNzk2NTQ2Mg
إظهار الكل...
288🔥 39😁 14👍 13👏 5😭 4🤯 3
Photo unavailableShow in Telegram
sadarkaan dureessuummaa Elan Maski irraa fudhatame. Dureessummaan addunyaarraa sadarkaa jalqabaarra kan ture Elan Maski hundeessaa dhaabbata Ooraakil kan ta’e Laarii Eelisaniin caalame. Qabeenya waliigalaa Doolaara biiliyoona 300 fi biiliyoona 85 kan qabu Elan Mask Laarii Eelisaniin Doolaara biiliyoona 8 caalamuun sadarkaa isaa gadi lakkiseera. Akka gabaasa guyyaa kaleessaa baheetti qabeenyi waliigalaa Laarii Eelisan Doolaara biiliyoona 300 fi biiliyoona 93 qaqqabuun dureessa addunyaa sadarkaa jalqabaarra gahe ta’uu isaa CNN gabaaseera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
إظهار الكل...
727😁 144👍 114🥰 44😱 41🎉 23💔 23🤯 19🫡 19🔥 18😢 18
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU: Daangaan qilleensaa keenya ''irra deddeebiin sarbameera'' jedhe humni waraanaa Poolaandi. Dirooniin Raashiyaa daangaa qilleensaa Poolaandi seenuu hordofee Poolaandi buufataalee xiyyaaraa isii cufuun oppireeshinii gaggeessaa jiraachuu ibsite. Poolaandi buufata xiyyaaraa isa guddaa biyyattii keessaa magaalaa Waarsootti argamu dabalatee buufataalee xiyyaaraa afur cufuu beeksifte. Raashiyaan haleellaa diroonii hedduu naannoolee Yuukireen gara daangaatti dhiyaatanii jiran irratti gaggeessiteetti. Daangaan qilleensaa Poolaandi 'wantoota akka diroonii' Raashiyaa irraa ergamaniin sarbameera. Daangaan qilleensaa Poolaandi 'wantoota akka diroonii' Raashiyaa irraa ergamaniin sarbamuu Poolaandi beeksifte. Buufataaleen xiyyaaraa gurguddoon lamaan Poolaandi Chooppinii fi Buufata Xiyyaaraa Waarsoo Modliin jedhaman cufamaniiru. Buufata Xiyyaaraa Rizezów-Jasiyonka jedhamu kan daangaa Yuukireenitti dhiyoo jirus cufameera. Xiyyaaronni waraanaa Poolaandii fi NATO qilleensarra ka'uun oppireeshinii gaggeessaa jiru. Ajajaan waraana biyyattii fuula X irratti akka beeksisetti humni waraanaa biyyattii ''wantoota daangaa qilleensaa seenan adda baasuun haleeluuf'' oppireeshinii gaggeessaa jiraachuu hime. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
إظهار الكل...
517👍 99🥰 31🤯 28💔 25👏 19🆒 4🎉 1🕊 1
Photo unavailableShow in Telegram
Dr. Lammaa Magarsaan ergaa Baga gammaddanii dabarsan. Pirezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Ministeerri Ministeera raayyaa Ittisa biyyaa duraanii Dr.Lammaa Magarsaa Eebbifamu hidha haaromsaa Guddichaa Itoophiyaaf ergaa Baga gammaddanii Lammiilee Itoophiyaaf dabarsan. Qabeenya, dafqaafi beekumsa Lammiilee Itoophiyaan kan ijaarame Pirojektiin guddaan ardii Afrikaa eebbifamutti Lammiilee Itoophiyaa hunduu baga gammaddan jedhan. Dr Lamma Magarsaan"Abbaayyaan ijaaruuf xiqqaafi guddaan,Jaarsaafi Jaartiin waan qabanirraa gumaata taasisaa turan, hoggantoota Abbaayyaafi bu'uura ta'aniif xumursiisaan galateeffachuun barbaadaa"jedhan. "Lammiileen Itoophiyaa akkuma Abbaayyaan tokkoomne ijaaarre xumurre nageyaaf hojjachuun dirqama"jechuun ergaa isaanii gudunfaniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
إظهار الكل...
2 004👍 310🥰 95👏 59🔥 47😁 43👌 41🙏 40😱 29🤯 22❤‍🔥 3
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU: Misir Itoophiyaa irratti himata bante. Mootummaan Misir Itoophiyaarratti himannaa haaraa banuuf Xalayaa Mana Maree Nageenna Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif galchite. Akka gabaasa Anadolu'tti Mootummaan Al siisii hidha haaromsaa Guddichaa Itoophiyaa kun walabummaa Lammiilee Misir ifatti kan sarbe jedhan. Itoophiyaa hidha haaromsaa Guddichaa Itoophiyaa bakka hoggantootni biyyoota Afrikaa garagaraa argamanitti guyyaa har'aa eebbisuun kan yaadatamuu yoo ta'uu, Mootummaan Misir Itoophiyaa gara Waliigaltee ofii barbaaddetti deebisuuf akka hojjattu ibsuun, aarsaa Kamiiyyuu ni kaffallaalle jedhaniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
إظهار الكل...
😁 557 382👍 74🔥 30🤬 22😢 17🤩 17👏 14😱 13🤗 8🤯 6
00:53
Video unavailableShow in Telegram
Oduu Ammee Israa’el magaalaa guddaa Kuwaataar Doha haleelte. Guyyaa harraa Israa’el haleellaa Dohaa irratti taassisuu amante. Haleellaa hooggantoota duraanii Hamaas Dohaa jiraatan haleeluuf jette Israa’el mirkaneessiteetti. Halleellaa kana ofumaa keenyaa karoorfanne ofumaaf raawwannes jette Israa’el. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
إظهار الكل...
IMG_9172.MP410.10 MB
547😢 61👏 52😁 48🤬 38👍 37😱 29😨 23🔥 22🤯 4🤩 3