ABDII SABAA
Open in Telegram
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! @Abdii_Sabaa π¬Contact Usπ¬ @AbdiiSabaaDm π―BARNOOTAAF @abdii_sabaa_university π―MARIIF @Garee_Abdii_Sabaa
Show more2025 year in numbers

561 306
Subscribers
-6024 hours
-667 days
-1 01230 days
Posts Archive
Join gochuu miidiyaa Abdii Sabaa deeggaraa.
πππππππππππ
https://t.me/ABDII_SABAA/19325
β€ 27π€ 17π₯ 4π 2π 2
Photo unavailableShow in Telegram
Meeshaalee Pilaastikaa Salphaa Fayyadamuu fi Oomishuun Seeraan Nama Adabsiisa jedhame.
Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo dhorkaan oomishaalee pilaastikaa tajaajila yeroo tokkoof qofa oolan irratti darbe Guraandhala 23, bara 2018 irraa jalqabee guutummaatti hojiirra akka oolu fi tarkaanfii fudhachuu akka jalqabu beeksiseera.
Qabxiiwwan Ijoo:
π Daangaa Yeroo: Yeroon ce'umsaa ji'oota jahaaf kenname Guraandhala 1 ni xumurama. Kana booda pilaastika salphaa oomishuu, biyya keessatti galchuu fi fayyadamuu seeraan nama gaafachiisa.
π Dhiyeessii Filannoo: Warra waraqaa fi meeshaalee naannoof mijatoo ta'an biroo oomishaniif, maashinaroota galchaniif dhiifama qaraxaa fi dhiyeessii liqii mijeessuuf hojjetamaa jira.
π Hojii To'annoo: Abbaan taayitichaa qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoomuun, raabsama pilaastikaa seeraan alaa gabaa keessatti mul'atu to'achuuf qophii xumureera.
π¨ Hubachiisa: Daldalaan yookiin oomishaan kamiyyuu hamma Guraandhala 1tti qophii barbaachisu taasiisuun gara oomishaalee filannoo birootti akka ce'u waamichi dhiyaateera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
β€ 227π 21π«‘ 11π₯ 7π€¬ 7π’ 6π€© 5π€― 1π€ 1
Photo unavailableShow in Telegram
Hooggantoota 20 fi ogeessota raawwachiiftuun 159 irratti tarkaanfiin fudhatame.
Biiroon Galiiwwan Finfinnee baatiiwwan 5n darban keessatti hojjettoota 179 irratti tarkaanfii diisiippilinii fudhachuu isaa beeksiseera.
Sababa Tarkaanfichaa: Hanqina tajaajila kennuu, yakka malaammaltummaa fi hojimaata badaa, akkasumas hir'ina naamusaa wajjin kan wal qabatuudha.
Qaama Adabame: Hooggantoota 20 fi ogeessota raawwachiiftuun 159.
Malleen Hordoffii: Hanqinaalee kallaattii kaffaltoota gibiraa (mystery shopping), kaameeraa neetworkii (surveillance camera) fi gamaggama raawwii karooratiin adda ba'anidha.
Xiyyeeffannoo Fuulduraa: Tajaajiloota akka E-filing (Gabaasa gibiraa toora interneetiin), E-payment (Kaffaltii dijitaalaa) fi kenniinsa lakkoofsa eenyummaa kaffaltii gibiraa (TIN) ammayyeessuun, rakkina kaffaltoota gibiraa hir'isuu.
Biiroon kun gara fuulduraattis hordoffii cimaa taasisuun hojii galii haqa qabeessa ta'een sassaabuu cimsaree akka itti fufu ibseera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
β€ 134π 45π 12π€― 3π₯ 2π± 1
Photo unavailableShow in Telegram
Jeneraalli Raashiyaa Moskootti ajjeefamuu gabaasni RT ni mulβisa.
Jeneraalichi haleellaa boombii konkolaataatiin ajjeefame.
Koreen Qorannoo Raashiyaa duβa jeneraal olaanaa mirkaneessee qorannoo isaa itti fufee jira.
Kutaa kibba magaalattii keessatti konkolaattonni hedduun barbadaa'aniiru, konkolaachisaan tokko ammoo madaa'eera.
Letenaant Jeneraal Faanil Sarvarov itti gaafatamaa leenjii hojii akka turan himameera.
Humnoonni nageenyaa ammallee haala ajjeechaa kanaa qorachaa akka jiran himameera.
Moskoonis tajaajilli basaasaa Yukireen dhimmicha keessatti harka qabaachuu mala jechuun shakkiti.
Sarvarov leenjii ogeeyyii olaanoo qopheessuu fi indaastirii ittisaa keessatti gitoota hojii adda addaa qabachuun beekama ture.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
β€ 104π 6π 5π 3π’ 2
Photo unavailableShow in Telegram
Owner 1win
1win
The owner of 1win created a channel where he talks about the life of one of the world's largest crypto casinos.
I read the channel and wondered:
What is the secret to 1win's success?
The answer is simple:
They always pay, whether you win $100 or $20 million, 1win pays quickly. That is their main rule: always pay, and pay fast.
Ad. 18+
β€ 59π± 4π 2π₯ 1π₯° 1π€― 1π 1
Join Now!
Advertise via AdsGram
Masrii Itiyoophiyaa waliin Waldhabdee hin barbaadu jette.
Pireezidaantiin Masrii Abdul Fattaah Al-Sisiin akka jedhanitti, Masriin Itiyoophiyaa waliin hidha Haaromsaa ilaalchisee waliigaltee seeraa dirqisiisuu irratti βrakkina biraa hin qabdu.β
Pireezidaantichi kana kan ibsanii yeroo walgahii ministeerota Afrikaa fi Raashiyaa Kaayirootti taasifamee irratti, biyyoota Afrikaa garaagaraa irraa dhufan waliin mariβataniiru.
Al-Sisiin Masriin mirga fayyadamiinsa bishaan laga Abbayyaa akka hin tuqamne mirkaneessuu qofa barbaaddi; kanaaf waliigalteen seeraa Itiyoophiyaa waliin akka dirqamaatti mallatteffamuu akka qabu gaafataa jiru.
Torban muraasa dura Ministirri Dhimma Alaa Masrii, Badir Abdellatii, akka jedhanitti, marii waggoota 13 Itiyoophiyaa waliin gaggeeffame buβaa hin argamsiifne, kanaaf Masriin mirga isii seera addunyaatiin eeguu akka qabu ifatti dubbatan.
Hidha Haaromsaa Itiyoophiyaa keessatti ijaarame waggoota 14 keessa, mariin Itiyoophiyaa, Masrii fi Sudaan gidduutti yeroo hedduu addaan citee deebiβee ture. Masriin akkaataa itti hidhi itti bulmaata itti fufiinsaan hordofamuufi qooda bishaan Abbayyaa itti argattu waliigaltee seeraan dirqisiisaan mallatteeffamuu akka qabu gaafate, garuu Itiyoophiyaan fudhachuu didde.
Masriin yaaddoo bishaan Abbayyaa irraa akka hirβatu danda'u ibsuun, waliigalteen bara koloneeffannaa 1959 masriif fayyadamuu kennee ture akka jijjiiramu barbaadu.
Itiyoophiyaan garuu itti fayyadama laga Abbayyaa haqa-qabeessaa fi madaalawaa taβeen qooda ishee mirkaneessuu irratti fuulleffatte.
Pireezidaant Al-Sisiin biyyattiin garaagarummaa jiru irratti mariβachuuf qophii qabaachuu isaanii ibsuun, βMasriin Itiyoophiyaa doorsiftee hin beeytuβ jedhan.
Haa taβu malee, qondaaltonni Masrii yeroo adda addaatti hidha Haaromsaa hordofuun, dantaa biyya isaanii fi nageenna bishaanii eeguuf tarkaanfii barbaachisaa akka fudhatan irra deddeebiin ibsanii jiru.
Itiyoophiyaan garuu waliigalteen akkasii bilisummaa fi dantaa biyyattii akka hin miine akka taβe akeekkachiiftee turte.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
β€ 325π 32π₯° 15π€© 14π 5π 3π 3π€― 2π’ 1π€ 1
Photo unavailableShow in Telegram
Yeroo boqonnaa keessanii fayyadamuun jiβa 4-5 gidduutti marsaariitii akkasumas mobile app kalaquu baradhaa.
Galmee xumuraa jirra sababa taβeef dafaa galmaaβaa.
Barattooti full stack website development fi mobile app development lafa feetan teessanii hojii keessaniifi barumsa keessan haala hin miineen barachuu feetan galmeen xumuramaa jira sababa taβeef @jonamiyet qunnamuun galmaaβaa.
Galmaaβuuf Laptop/Desktop qabaachuun ykn argachuu dandaβuun dirqama.
Ibsa ballaa argachuuf as tuqaa
Galmaaβuuf as tuqaa
β€ 182π 43π€¬ 20π€― 4π₯ 1
Itiyoophiyaanotni %57 ta'an Seera Biyyattii cabsuun torbee kana Sa'udii ari'aman.
Saβudii Arabiyaan torban tokko keessatti namoota seera biyyattii cabsan 19,576 ol humnoota nageennaa fi dhaabbilee mootummaa waliin taβuun toβannaa jala oolchuu Ministeerri Dhimma Biyya Keessaa beeksiseera.
Duulli seera kabachiisuu kun badii seeraa gurguddoo sadi irratti kan xiyyeeffate tahuu gabaasaaleen ni mul'isi.
Isaan keessaa namoonni 12,506 eeyyama jireennaa cabsuun, 4,154 seera eegumsa daangaa cabsuun, akkasumas 2,916 seera hojii hojjettootaa cabsuun toβannaa jala kannee oolfamaniidha.
Tibba kana namoonni 1,418 daangaa seeraan alaa ceβanii mootummaa seenuuf yaalan qabamanii kan jiran yoo ta'u, Kanneen keessaa 57% lammiilee Itiyoophiyaa, 41% lammiilee Yaman, akkasumas 2% lammiilee biyyoota biroo taβuun ibsameera.
Dabalataanis namoonni 24 mootummaa seeraan alaa gadhiisuuf yaalan, namoonni 16 immoo namoota seera cabsan geejjiba, mana jireennaa fi hojii dhiyeessaniif toβannaa jala oolfamaniiru.
Waliigalaan lammiileen biyya alaa 30,427 (dhiira 28,718 fi dubartoota 1,709) adeemsa seeraa jala jiru.
Torban darbe keessatti namoonni 12,365 biyyaa ariβaman; 21,803 ammoo dookumentii imalaa argachuuf gara ergama dippiloomaasii isaanii ergamaniiru.
Akkasumas namoonni 5,202 adeemsa imala isaanii xummuruuf bakka qabannaatti ergamanii jiru.
Ministeerri Dhimma Biyya Keessaa namni kamiyyuu namoota seeraan alaa mootummaa seensisuuf qarqaarsa kennu yoo argame, adabbii hidhaa waggaa 15 hin caallee fi adabbii maallaqaa hanga riyaala Saβuudii miiliyoona 1 (SR1M) akka adabamu akeekkachiiseera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
Yeroo boqonnaa keessanii fayyadamuun jiβa 4-5 gidduutti marsaariitii akkasumas mobile app kalaquu baradhaa.
Galmee xumuraa jirra sababa taβeef dafaa galmaaβaa.
Barattooti full stack website development fi mobile app development lafa feetan teessanii hojii keessaniifi barumsa keessan haala hin miineen barachuu feetan galmeen xumuramaa jira sababa taβeef @jonamiyet qunnamuun galmaaβaa.
Galmaaβuuf Laptop/Desktop qabaachuun ykn argachuu dandaβuun dirqama.
Ibsa ballaa argachuuf as tuqaa
Galmaaβuuf as tuqaa
Photo unavailableShow in Telegram
Barattoota Itoophiyaatiif Carraa Barnoota Bilisaa gama Indiyaatiin kennameef.
Sagantaan carraa barnoota bilisaa Ministeera Barnootaa fi Inistiitiyuutii Teeknooloojii Indiyaa gidduutti waliigalame ifatti eegalachiifame.
Sagantichi dandeettii dhaabbilee gabbisuu qofa osoo hin taane, tumsa Kibbaa-Kibbaa kan cimsu ta'uu, De'eetaan Ministeera Barnootaa Korraa Xushunee dubbataniiru.
Ministirri Muummee Indiyaa Naareendiraa Moodii Itoophiyaa wayita daawwatanitti, carraan barnootaa sadarkaa lammaffaa fi sadaffaa barattoota Itoophiyaatiif kennamu bifa dhaabbattummaatiin akka kennamu waliigalteen mallattaaβuu obbo Korraan ibsaniiru.
Dhaabbilee barnoota ol-aanoo idil-addunyaa Indiyaa 8 kan haammate carraan barnoota bilisaa kun, Yuunivarsiitiiwwan guutuu Itoophiyaa keessatti argamaniif bifa dhaabbattummaatiin kan kenname taβuun ibsameera.
Sagantaa kana irratti bakka buβoonni dhaabbilee Teeknoolojii Indiyaa dameewwan qoβannoo dhaabbilee isaanii keessatti kennamu ilaalchisanii ibsa kennaniiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
β€ 309π 53π 17π₯ 4
Yeroo boqonnaa keessanii fayyadamuun jiβa 4-5 gidduutti marsaariitii akkasumas mobile app kalaquu baradhaa.
Galmee xumuraa jirra sababa taβeef dafaa galmaaβaa.
Barattooti full stack website development fi mobile app development lafa feetan teessanii hojii keessaniifi barumsa keessan haala hin miineen barachuu feetan galmeen xumuramaa jira sababa taβeef @jonamiyet qunnamuun galmaaβaa.
Galmaaβuuf Laptop/Desktop qabaachuun ykn argachuu dandaβuun dirqama.
Ibsa ballaa argachuuf as tuqaa
Galmaaβuuf as tuqaa
Photo unavailableShow in Telegram
#Komii
Barattootni fayyaa waggaa 4ffaa koollejjii daandii boruu damee jimmaa bara kana eeybaaf qormaata bahiinsaa ji'a amajjii keeysa fudhachuuf qophaawaa osoo jirruu maqaan keeysan Ministeera Barnootaa biratti hin galle kanaaf amajjii keeysa qoramuu hin dandeeysan jedhamne jechuun komii isaanii kara miidyaa Abdii Sabaa dhiyeeyfatan.
Haaluma kanaan nuti barattootni ji'a gurraandhala 30 bara 2014 dura galmaawan qormaaticha akka fudhatan ministeerri barnootaa ibse. Nuti ammoo bitooteysa 5, 2014 keeysa galmooyne sababa garaagarummaa guyyaa 5niif jecha qormaata bahiinsaa ji'a Amajjii akka fudhachuun dandeenye nutti himan.
Guyyaan galmee dhumuuf guyya 2tu hafe waan taheef laffaatii teenya tan waggaa meeqaa bilaash akka nu jalaa hin taane qaamni dhimmi kun ilaallatu yeroon furmaata akka nuuf kennu gaafanna jechuun Barattootni kun iyyannoo isaanii dhiyeefatan.
Nutiis komii isaanii kana adda baasuuf bilbilaan Hoggansa moorichaa qunnamuuf yaallee jirra. Garuu odeeyfannoo guutuu nuuf kennuuf fedhii hin qaban.
Yaalii Maaster Abinet Kebbedee.
Maaster Abinet kebbedeen yeroo hammaa kana hospitaala guddaa biyya keenyaatti argamu keessaattii hordoffii yaala fayyaa taasisaa Jira.
Gargaarsa rabbiitiin haalli inni hamma irra jirus gaarii Akka ta'etu himame.haaluma kanaan murtoo Ogeeyyii fayyaa hordofuun yeroo Itti aanutti gara biyya alaa adeemuudhaan ykn biyyuma keessatti yaala fayyaa isaa kan hordofu ta'unis himame.
Maaster Abinet kebbedeen hordoffii yaala fayyaa isaa xumuree gara hojii Deeggarsa namummaa fi tola ooltummaa isaattii Akka deebi'uus abdi qabna.
Dhimma isaan Wal qabatee wantoota haarawaa jiran hordofnee kan isin biraan geenyu ta'a
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
β€ 1 145π 109π’ 105π 75π 31π€― 9π± 8π 8π₯ 6π€© 4
#Komii Barattoota Mana barumsaa addaa sadarkaa 2ffaa #Godina Booranaa.
Barattoonni mana barumsa addaa sadarkaa 2ffaa Godina Booranaa Aanolee garaagaraa irraa qoormaata fudhachuun filatamanii 2017 Barnoota isaanii sadarkaa 2ffaa mana barumsa addaa kanattii barachuu eegalan rakkoowwan isaan muudatan miidiyaa Abdii sabaaf himan.
Haaluma kanaan Barattoonnii kunneen Akka jedhanitti rakkoo Bishaanii,nyaata qulqullinnii isaa eegamee fi rakkoo meeshaalee Barnootaaf mijatu dhabuudhaan rakkoo keessa Akka jiran himan.
Barattoonni kunneen "yeroo jireenyi akkanaan qaala'e kanattii maallaqni maatii irraa nuuf ergame nyaatallee nuuf bitaa hin jiru waan ta'eef wayita kana magaalaa ya'aballoo keessatti rakkoo hamaaf saaximaa jirra" jechuun komatan
Kanaafuu qaamni Dhimmichi ilaallatu deebii Akka Itti nuuf kennu barbaadda jechuun Barattoonni kunneen yaada isaanii nuuf qoodan.
Nutis dhimmuma kana ilaalchisuun Itti gaafatamaa mana barumsichaa bilbilaan qunnamnus deebii kennuuf eeyyamamaa ta'uu hin dandeenye.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
β€ 203π 26π 18π₯° 11π€― 7π₯ 3
#Komii Barattoota fi Eebbifamtoota muummee Barnoota #fayyaa beeyladootaa(Veterinary).
"Biyyi keenya qabeenya Beeyladaatiin badhaatuu taatus nuti dargaggoonnii muummee barnootichaan Eebbifamnee beekkumsa ga'aa qabnu garuu hojii keessa galuu dadhabnee teenyee harka namaa eeggachaa jirra" Eebbifamtootaa muummee Barnootichaa.
Biyyii keenya Itoophiyaan hoorsiisa Beeyladaatiin kan beekkamtu yoo taatu keessumayyuu yeroo kana xiyyeeffannoon Itti kennamee irratti hojjetamaa kan jirudha.
Egaa Naannoo Oromiyaattiis dhimma xiyyeeffannoo guddaadhaan irratti hojjetamaa jiruu fi Haawwaasa keenya qotee bulaa birattiis bu'aan isaa fudhatamummaa guudaa kan qabudha.
Haaluma kanaan yunivarsiitii fi koolleejjiiwwan garaagaraa biyya keenya keessatti argamanis Waggaa waggaadhaan muummee Barnoota qonnaa fi fayyaa beeyladootaa (Veterinary) irrattii Barattoota hedduu simachuun kan barsiisanii fi Eebbisiisan hedduudha.
Haa ta'u malee humni nama baratee ga'aan osoo jiruu karaa gama fayyaa beeyladootaatiin Haallii Eebbifamtootaa muummee Barnoota kanaa hojii keessa Galchuu kan hin mul'annee fi humni nama baratee kanaa akkasumaan qisaasaa'aa jiraachuun Barattoota gosa barnooticha baratan komachiisee Jira.
Barattoonni muummee Barnoota kanaan Eebbifaman miidiyaa Abdii sabaatti Akka himanitti yunivarsiitiiwwan garaagaraa irraa eebbifamuun Waggoottaan hedduuf hojii keessa osoo hin galiin Akka jiranii fi beeksiisni muummee Barnootichaatinillee gama mootummaa fi Dhaabbilee dhuunfatiinis ba'aa Akka hin jirre himan.
Kanuma hordofee Dhuunfaa isaanittii hojii eegaluuf maatii harka qalleeyyii kanneen qaban hedduu rakkachaa akka jiranis dubbatan.
"Biyyi keenya qabeenya Beeyladaatiin badhaatuu taatus nuti dargaggoonnii muummee barnootichaan Eebbifamnee beekkumsa ga'aa qabnu garuu hojii keessa galuu dadhabnee teenyee harka namaa eeggachaa jirra" jechuun miidiyaa Abdii sabaatti himan
"Dhimma kana irrattii mootummaan xiyyeeffannoo guudaa Itti kennee osoo irratti hojjetee gaariidha, Humni dandeettii fi ga'umsa ga'aa qabu akkasumaan qisaasa'uu hin qabu"jechuun yaada isaanii fi komii qaban nuuf qoodanii jiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
β€ 296π 59π 31π€― 16π 13π€© 10π₯° 7π₯ 1
Photo unavailableShow in Telegram
Dvβn hafeera
Ameerikaa. lootarii DV waggaa waggaadhaan gaggeeffamu addaan kutte
Pirezidaantii Doonaald Tiraamp torban darbe Yunivarsiitii Biraawun keessatti dhukaasa jumlaa raawwatameen namoota lama ajjeefamuu hordofuun Lootorii Kaardii Magariisaa Ameerikaa (DV) addaan kutaniiru.
Lammiin Poorchugaal haleellaa kana raawwachuudhaan shakkame, lootarii DV bara 2017 moo'achuun gara Ameerikaa kan seene yoo ta'u, kaardii magariisa argateera.
Ministirri Nageenya Biyya keessaa Kiriistii Nooam akka jedhanitti, sagantaan Dv loterii kun qajeelfama Tiraampiin yeroodhaaf addaan kan cite yoo taβu, ''sagantaa kanaan lammiileen Ameerikaa kana booda akka hin miidhamneef'' jedhan.
Angawoonni U.S. shakkamaan ganna 48 Claudio Neves Valente jalqaba torban kanaa piroofeesara Inistiitiyuutii Teeknooloojii Masaachusets Nuno Lurero akka ajjeese ni amanu jedhan.
Sagantaan Lootorii DV waggaatti namoota kuma 50 aaf balbala lammummaa U.S. bana.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
π 238β€ 185π 21π 20π 15π₯ 15π€© 10π± 8π€ 7π₯° 4π€― 4
Photo unavailableShow in Telegram
"Dogoggoran raawwadheef akka mucaa keessaniitti na ilaaltanii dhiifama naa gochuu qabdu jechuun uummata dhiifama gaafate "-Tiktokarri Joon Daaniβeel
Tiktokarri Joon Daaniβeel Erga Hidhaarraa Bahee Booda Dhiifama Gaafate.
Tiktokarri beekamaan Joon Daaniβeel, adabbii hidhaa waggaa tokkoof jiβa afurii erga xumuree booda, ergaa viidiyoo karaa miidiyaa hawaasummaa qooddeen dhiifama gaafateera.
Joon Daaniβeel ergaa isaa kanaan, yeroo hidhaa keessa turetti wanti hin eegamne tokko battalatti jireenya namaa gara kallattii hin qophaa'initti jijjiuruu akka dandaβuu fi gatii guddaa akka nama kaffalchiisu barachuu isaa dubbateera.
Qabxiilee ijoo inni ergaa isaa keessatti kaase:
Dogoggora kanaan dura raawwateen kan mufachiise Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa, miseensonni nageenyaa fi uummanni Itiyoophiyaa akka dhiifama taasisaniif gaafateera.
Dogoggora raawwateef "akka mucaa keessaniitti na ilaaltanii dhiifama naa gochuu qabdu" jechuun uummata gaafateera.
Tureetiin isaa mana sirreessaa keessatti dabarse jireenya keessatti barnoota guddaa akka isa barsiise ibseera.
Hidhamuun Joon Daaniβeel yeroo sana dhimma dantaa biyyaa fi itti fayyadama miidiyaa hawaasummaa irratti falmii guddaa kaasee akka ture ni yaadatama. Ergaa inni amma dabarse kunis namoota dhibbaa miidiyaa hawaasummaa irratti qaban hundaaf of-eeggannoon akka barbaachisu barsiisa guddaa kan kennudha.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
β€ 377π 48π€© 24π€¬ 17π₯° 2
Photo unavailableShow in Telegram
π₯ 'Appilikeeshinii mobaayilaafi Marsaariitii (website) ' hojjechuu baradhaa!
Fedhii Weebsaayitii mataa keessanii akkasumas Appilikeeshinoota garaa garaa hojjechuu qabaattanii carraafi yeroo kan dhabdan akkasumas Youtube ilaaluu qofaan barachuu yaaltanii garuu hojii keessan gabaa addunyaaf dhiheessuufi qacaramtanii dalaguuf ofitti amanamummaa kan dhabdan,
Tiwoorii qofa barachuu dhiisaa! Koorsii Piroograamiingii Yuunivarsiitii Abdii Sabaa keessatti galmaa'uun ogeessa gabaan barbaadu ta'aa. Mul'ata keessan gara qabatamaatti jijjiiraa!
Koorsiin Kun Eenyuufi? (Fedhii Keessan Guutuuf)
β’ Namoota Hojii Barbaadan: Namoota dandeettii gabaan barbaaduu fi 'portfolio' cimaa qabaatanii addunyaa AI kanaan durfamu keessatti hojii kaffaltii olaanaa argachuu barbaadaniif.
β’ Kalaqtoota Mul'ata Qaban: Dizaayinaroota, Hoji uumtota (entrepreneurs), barattootaa fi aartistoota namoota birootti hojii kennuu (outsourcing) dhiisanii, aappiiwwan (apps) fi weebsaayitii mataa isaanii akkuma yaadanitti ijaarrachuu barbaadaniif.
Maal Barattu?
π» Misooma Weebsaayitii Guutuu (Full-Stack Web Development)
β’ Weebsaayitii ammayyaa fi meeshaa kamirrayyuu hojjetu (responsive) jalqaba irraa kaasuun ijaaruu.
β’ Fireemworkiiwwan (Frameworks) ciccimoo gadi fageenyaan barachuu.
β’ Caaseffama pirojektii,
'deployment' fi adeemsa hojii (workflow) ogummaa sadarkaa olaanaa barachuu.
π± Misooma Appii Moobaayilaa (Mobile App Development)
β’ Appiiwwan moobaayilaa dhugaa (production-ready) kan Android fi iOS irra hojjetan, Swift, Android Studio, React Native, fi Flutter fayyadamuun ijaaruu.
π»β’ Node.js Backend: Express.js, REST APIs, Authentication, fi Nageenyummaa (Security).
β’ Python Backend: FastAPI fi Django (filannoodhaan) appilikeeshiniiwwan daataa irratti hundaa'aniif.
β’ Cloud-Integrated Backend (BaaS): kanneen akka Firebase fi Appwrite fayyadamuun authentication, kuusaa daataa (database), fi hosting barachuun yeroo qusachuu fi hojii salphisuu)
π€ AI Misoomsitootaaf (AI for Developers)
β’ Meeshaalee AI fayyadamuun koodii saffisaan barreessuu, dogoggora sirreessuu (debugging), fi hojii of-saffisiisuun "High-efficiency developer" ta'uu.
β’ Amaloota AI (AI features) appilikeeshinii mataa keessanii keessatti galchuu barachuu.
Bu'aa Isin Argattan (The Result)
β’ Dandeettii 'Full-stack' guutuu (front-end, backend, deployment).
β’ 'Portfolio' cimaa pirojektoota dhugaa kan hojii irra oolan of keessaa qabu.
β’ Dandeettii appii moobaayilaa gabaaf qophaa'e hojjechuu.
β’ Dandeettii misoomaa kan AI'n deeggarame (kan yeroo ammaa gabaa hojii keessatti barbaachisaa ta'e).
β’ Yaada kalaqaa kamiyyuu of-itti-amanamummaan gara oomisha dijitaalaatti jijjiiruu danda'uu.
π Amaloota Sagantichaa (Overview)
β
Haala Kenniinsa: 100% Onlaayinii (Toora Interneetiin).
β
Dhaqqabummaa: Viidiyoowwan hundi fe'amaniiruβYeroo barbaaddanitti, bakka barbaaddanitti ilaaluu dandeessu.
β
Wal-qunnamtii: Sagantaa Kallattii (Live Classes) barsiisaa waliin qabame ni qabaata.
β
Adeemsa: Hojii Qabatamaa (Practical)βDubbisuu qofa osoo hin taane, ijaaruu irratti xiyyeeffata.
β
Ga'umsa Barsiisaa: Barsiisaa muuxannoo waggootaa dheeraa qabuun kan kennamu.
π° Gatii:
Carraan kun hunda bira akka ga'uuf gatii madaalawaa dhiyeessineerra:
β’ Simisteera 1: Qarshii 1000
β’ Waggaa 1 (Filannoo hunda caalu): Qarshii 1850
βοΈ Amma Galmaa'aa: galmaaβuuf @jonamiyet dubbisaa. Nama hedduu keessummeessina sababa taβeef Warri galmeef qunnamtan βHi β osoo hin jedhin kallattiin gara dhimmaatti seenaa.
Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa!
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
β€ 226π€¬ 18π«‘ 9π 8π 6π 5π€― 5π₯ 3π₯° 3
Photo unavailableShow in Telegram
Puutin hoggantootni Awurooppaa 'isin booyyeedha' jedhan.
Pireezidaant Vilaadmiir Puutin hoggantoonni Awurooppaa 'isin booyyeedha' ittiin jedhe waliigaltee nagaa Ameerikaan dhiyeessite yoo hin fudhatan ta'e, Raashiyaan daangaa Yukireen seenuun lafa dabalataa humnaan ni fudhatti jechuun dhaadatan.
Konfaransii ittisaa Raashiyaa kan waggaarratti haasaa taasisaniin, Puutin biyyi isaanii adda waraanaa hundaan injifannoon deemaa jirti jechuun Raashiyaan galma kaawwatte karaa dippilomaasii ykn karaa humnaatiin ni milkeessiti jechuusaanii Rooyitars gabaaseera.
"Yoo gamni kaanis ta'e michoonnisii alaa marii nagaa buusuurratti karaa hiika qabuun hin hojjetan ta'e, Raashiyaan lafa seenaashii karaa humna waraanaatiin ni milkeeffatti," jedhan.
Bulchiinsi pireezidaantii US Doonaald Tiraamp waraana kana dhaabuuf yaada dhiyaaterratti Mooskoo, Kiiv, akkasumas hoggantoota Awurooppaa waliin addatti dubbataa jira.
Haata'u malee, hanga ammaatti waliigalteen irra gahame hin jiru.
Yukireeniifi michoonnisii Awurooppaa daangaa dabalataa Yukireen qabachuutti cichuu Raashiyaan yaadda'aniiru.
Raashiyaan ammoo lafa Yukireen waliigalaa keessaa %19 akka qabatteetti dubbatti.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
β€ 193π€© 28π₯° 5π€― 2
Photo unavailableShow in Telegram
D/r Abiy Taaddesee waa'ee dhukkuba Maaster Abinet dubbate.
"Dhukkubni Maaster Abinnet baayyee yaaddessaadha"Jedhe Dr Abiy Taaddesee
"Namoonnii hedduun dhimma dhukkuba Maaster Abinet na gaafachaa turan haa ta'u malee anis haala dhukkubichaa beekus yerichatti deebii kennaa hin turre"kan jedh Dr Abiy Taadeseen haala dhukkuba Maaster Abinet dubbate.
Dhukkubni Maaster Abinet Yaala ariifachiisaa kan barbaadudha, kanaafuu firoottanii fi dinqisiifattoota isaa irraa wanti eegamu har'aa boru osoo hin jedhiin Akka yaalii ga'aa argatuuf dhiibbaa uumuudha.
Dabalataanis Maaster Abinnet rakkoo cimaa keessa Akka jiruu fi obbooleessa keenya Akka hin dhabneef dursinee fayyummaa isaaf dhiibbaa haa uumnuus Jedhe.
Egaa nutis Akka maatii Abdii sabaatti Maaster Abinnet fayyummaasaa guutuutti Akka deebi'u hawwii keenya.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
β€ 849π 259π’ 91π 58π 37π 27π₯° 12π 12π¨ 10π€― 9
