ABDII SABAA
Open in Telegram
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! @Abdii_Sabaa π¬Contact Usπ¬ @AbdiiSabaaDm π―BARNOOTAAF @abdii_sabaa_university π―MARIIF @Garee_Abdii_Sabaa
Show more2025 year in numbers

561 241
Subscribers
-4424 hours
-1327 days
-1 00130 days
Posts Archive
Sooriyaan Israa'eliin akeekkachiifte.
Siiriyaan daawwannaa muummichi ministeera Israaβel Beeniyaamin Netaaniyaahuu gara kibba biyyattiitti taasisan balaaleffattee, gocha weeraraa jechuun himatte.
Ministeerri Dhimma Alaa Siiriyaa ibsa kenneen, Tel Aviiv abbaa biyyummaa fi qulqullina naannoo Siiriyaa sarbaa jirti jedheera.
Daawwannaan Netaaniyaahuu murteewwan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi gocha babalβina kan cabsee taβuu ministeerichi dabalee ibse.
Damaasqoos gochi Israaβel seera addunyaa waliin kan wal hin simnee fi weerara waliin kan wal gitu taβuu ibsuun, daawwannaan Netaaniyaahuu kakaβumsa ifa taβe jechuun ibsa kennite.
Qondaaltonni Tel Aviv hanga ammaatti komii Damaasqootiif deebii hin kennine jechuun Anadoluun dabalatee Miidiyaaleen gabaasaa jiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
Photo unavailableShow in Telegram
Ministeerri Barnootaa wixinee qajeelfama haaraa qopheesse ifoomse.
Ministeerri Barnootaa βbarattoota gochoota duudhaafi aadaa biyyattii faalleessan kabajan waggaa tokkoof mana baruumsaa irraa ariβuuβ kan dabalatu qajeelfama haaraa baase
Ministeerri Barnootaa dhimmoota adeemsa baruufi barsiisuu dhaabbilee barnootaa jeeqaniifi gochoota duudhaa Itoophiyaa faallessan ittisuuf wixinee qajeelfama qopheessee jira.
Rifeensa sirnaan murachuu dhiisuun, barattoonni dubartootaa halluu qeensa, hidhiifi rifeensa dibachuu, kuulii kuullachuufi faaya hin barbaachifne godhatanii mana baruumsaa deemuun, uffata dambii mana baruumsaa bifa seera qabeessaan ( dubartoonni qamisii jilba bira gadi darbu ) godhachuun, daree keessatti maastikaa, karameellaafi kkf fayyadamuun adabbii salphaa akka hordofiisu eerame.
Adabbiileen sadarkaa barnootaa irratti hundaaβuun garaagarummaa kan qaban yoo taβu, adabiileen cimaan barnoota sadarkaa 2ffaa ( kutaa 9-12 ) akka armaan gadiitti:
Gochaawwan aadaa biyyattii hin ibsine kanneen akka β Crazy Day, Gentle Day, Olds Day, Baby Day, Fruit Day, Tomato Day, Valentines Day, April Fool Day, Color Day, Pajama Day fi kanneen kana fakkaatan kabajuu, tumaa tumachuun adabbii salphaa yeroo lamaafi isaa ol raawwachuun waggaa tokkoof mana baruumsaa irraa akka ariisisu qajeelfamichi ni ibsa.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
β€ 535π 521π 137π 63π 37π€― 20π’ 19π 19π€¬ 15π₯ 9π«‘ 5
#update
Guyyaa har'aa qorannoon laabraatoorii 5 gaggeeffamee namootni 2 vaayirasii Maarbargiin qabamuun isaanii mirkanaa'eera.
Ministirri Ministeera Fayyaa Dr. Meqdes Dhaabaa har'a namoonni dabalataa 2 vaayirasii Maarbargiin qabamuu beeksisan.
Guyyaa har'aa qorannoon laabraatoorii 5 gaggeeffamee, namootni 2 vaayrasichaan qabamuun isaanii mirkanaa'uun, namootni 3 bilisa ta'uun ibsameera.
Guyyaa dhibeen kun beeksifame irraa eegalee qorannoon laabraatoorii namoota 33 taasifamuun namoota 6 irratti vaayirasichi argamuu mirkanaa'eera.
Ministirrichi akka jedhetti, namoonni amma laaboraatoorii keessatti vaayrasichaan qabamuun isaanii mirkanaaβe naannoo Kibba Ityoophiyaa Magaalaa Jinkaa qophaatti warra shakkamuun adda baafaman keessaati.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
β€ 305π’ 61π 25π 21π₯° 7π 3π 2π 2π± 1
Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee namoota foon lukkuuwwan du'an saamsanii hoteelotatti gurguruuf qopheessaa turan toβannoo jala oolchuu beeksisan.
Namootni lukkuuwwan du'an foon isaanii qaluun saamsanii hoteelota gara garaa fi dukkaanawwaniif raabsuuf jedhan naannoo Gabaa Shoolaatti toβannaa jala oolfamuu Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee beeksise.
Namootni dhuunfaa hojii kana irratti bobbaβanii toβannaa jala oolfamuun gabaafame kunneen, sakattaβiinsa tasaa Poolisiin Magaalaa Finfinnee fi Waajjirri Abbaa Taayitaa Kabachiisa Dambii Kutaa Magaalaa Eekkaa Aanaaa 08 taasisaniin taβuun gabaafameera.
Hordoffii taasifameen, namootni kun lukkuuwwan duβan kana qalanii saamsuun, hoteelotaa fi dukkaanawwan hedduuf raabsuuf utuu jedhan taβuutu ibsame.
Hordoffii kanaan, lukkuu qalamtee saamsamte 100, fi kan qalamtee saamsamuuf qophoofte 42 akka ragaatti qabuu Abbaan Taayitichaa ibseera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
β€ 284π 86π 51π± 25π’ 23π€¬ 17π€― 15π 11β€βπ₯ 6π 4π₯ 3
Raashiyaan Diyaamandii gurguddaa lama gati-jabeessa ta'e, argatte.
Raashiyaan Diyaamandii gurguddaa gati ol'aanaa (gati-jabeessa) ta'e lama argachuu beeksiste.
Ulfaatina kaaraatii 55.96 fi 135.75 kan qabu daayimandiin kun naannoo Arkhangelsk keessatti dhagaa gati jabeessa qotamee sadarkaa sadaffaa fi afraffaadha jedhan bulchaan naannichaa Aleeksaandar Tsibulsky.
"Tokkoon tokkoon isaanii qulqullina addaa, ifaafi boca uumamaa ajaa'ibsiisaa ta'een adda baafamu!" dabalanii dubbataniiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
β€ 198π 12π 8π€― 2
Photo unavailableShow in Telegram
Jarmanitti harki muramaa haadha lammii Eritiraa tokko daandiirratti argame.
Lammiin Ertiraa yeroof eenyummaanshee hin baramne Jarman, magaalaa Weestifaaliyaa daandii A45 irratti harkisii muramaan argame.
Qaamni lammii Ertiraa hafe eessa akka jiru, ishin lubbuun haa jiraattuu, haa dhiistuu hanga yoonaa wanti beekamu tokko hin jiru.
Harkasii muramee muka tokko jalatti argamerraa ashaaraa fudhatameen lammii Eritiraa tahuun baramuu maddeen gabaasaniiru.
Gabaasa miidiyaalee biyyattiirratti Wiixata darbe baheen, daa'imni baatii sadii kan dubartii umrii waggaa 32 kanaati jedhame balbala bataskaana Ortodoksii dhihoo jrutti huccuun maramee konkolaataarratti argameera.
Dubartiin muraan harkasii qofa argame kuni koolugaltummaaf garas kan deemte yoo tahu, wiirtuu kooluugaltootaa magaalaa Boon jirutti galmooftee akka ture poolisiin beeksiseera.
Daa'imni yeroo ammaa kana wiirtuu daa'immanii keessatti kunuunsi taasifamaafi akka jiru beekameera.
Muraan harkasii iddoo jireennaasii irraa fagaatee argamuunis falmisiisaa taheera.
Dhimmi kuni kan dhagahame dubartiin tokko Dilbata halkan sa'atii 9 irratti waan hin baramne karaa irratti arguun poolisiif eeruu kennuu hordofeeti.
Bara 2024 Komishiniin Ol'aanaa Godaantotaa Biyyoota Gamtoomanii (UNHCR) akka beeksisetti, lammiileen Eritiraa 683,00 tahan biyyoota gargaraattii koolugaltummaa gaafataniiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
β€ 347π 176π 32π’ 22π€― 18π± 6π₯ 5π 3π 1π 1
Photo unavailableShow in Telegram
Barattoonni Musliimaa Dirree Barnoota irraa dhiibamaa jiru jedhe Majlisni Federaalaa.
Manni maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Barattoonni Musliimaa Dirree Barnoota irraa dhiibamaa jiran jechuun ibsa kenneera.
Pireezidaantiin Mana maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Dr. Kab. Sheek Hajji Ibraahim haala yeroo Irratti ibsa guyyaa har'aa kennaniin Ministirri Barnootaa dhiibbaa barattoota keenna irraan gahaa jira jedhan.
Dhiibbaan Mootummaa darbeen nurra gahaa ture Mootummaa jijjiiramaan furmaata argateera kan jedha Sheek Hajjiin, barri kun kan walqixxummaati malee bara inni tokko isa biraa danda'ee deemu miti jedhan.
Waggoota darban keessa Mootummaatti Ajandaa haaraa uumuu irra jennee rakkoo dirree barnoota keessatti barattoota Musliimaa irra ga'aa ture obsinee baachaa turre, ammaan booda garuu hin dandeenyu kanaaf Ministirri Barnootaa yeroon furmaata kaa'u qaba jedhan.
Manni Marechaa ibsa kanaan βDhimma hijaabaa fi salaataa irratti qondaaltota Majlisaa waliin wal-hubannoo irra gahameera jechuun ibsi Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa kenne dhugaa irraa kan fagaateedhaβ jedheera.
Ministirri Barnootaa Yaaβii Barnoota Biyyaalessaa Sadaasa 2, 2018 Magaalaa Adaamaatti geggeeffame irratti ture dhimma dhoorgaa hijaabaafaa kana irratti majlisa waliin waliigaltee irra ga'uu isaanii kan himan.
Manni Maree Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa itti dabaluun, βMinistiricha dabalatee qaamoleen tokko tokkoβ akkaataan Heera Itiyoophiyaa keewwata 11 fi keewwata 90(2) itti hiikan βhaala tumaaleetiin ala taβuu fi akeekaa fi fedhii miseensota Mana Maree Heera Mootummaa waliin kan wal faallessu waan taβeefβ fudhatama kan hin qabne taβuu ibseera.
Ministeerri Barnootaa akkaataa uffannaa barattoota dubartoota Musliimaa irratti, βtarkaanfiin fudhataa jiruu fi ejjennoo inni qabu dhaabbata hawaasa Muslimaa waliin kan irratti hin mariβatamneefi walii galtee irras hin ga'amne waan ta'eef" fudhatama hin qabu jechuun ibseera.
Itti dabaluunis Sheek Hajjiin Yeroo Mootummaan Filannoo Biyyaalessaa gaggeessuuf deemu keessa namoonni ajandaa akkasii kaasan gochaa isaaniirraa of qusachuu qabu jedhan.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
β€ 839π 95π 67π― 44π 30π 16π₯° 15π₯ 13π’ 13π€― 11π± 1
Tiraamp mootii Sa'udii Waayit Hawusitti simate, Kiristaanoo Rodaaldoonis irratti argamuufi.
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Waayit Haawusitti mootii Saβudii Mohaammad Bin Salmaan agarsiisa waraanaafi dhukaasa madfiin simatan.
Simannaa hoβaa akkanaa kun bulchiinsa Tiraampiif Saβud Arabiyaan hangam barbaachistuu akka taate kan agarsiisudha jechuun Bernid Debusmaan Jr Waayit Haawusirraa barreesseera.
Lamaan isaanii waliigaltee ittisaa fi invastimantii AI irratti ni mari'atu jedhamee eegama Tiraamp walgahii kana akka carraatti fayyadamuun hariiroo SaβudiifiIsraa'el waliin qaban idileessuurratti dhiibbaa gochuu ni mala.
Dursaan kilabii kubbaa miilaa Saβuudii Al-Nasr Kiristiyaanoo Ronaaldoos Waayit Haawusitti akka argamu qondaalli tokko mirkaneesseera.
Daawwannaa kanaan dura, Tiraamp gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin, Ameerikaan xiyyaarota waraanaa F-35 Saβud Arabiyaatti akka gurgurtu himuun, β michuu keenna jabduudhaβ jedhan.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
β€ 276π 41π 15π 13π 7π± 4π₯ 2
Photo unavailableShow in Telegram
XIYYEEFFANNOO βΌοΈ
Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaa Finfinnee beeksisa haaraa baaseen biddeen suuqii meeshaalee shaqaxaa keessatti gurguruun guutummaatti dhorkame jedhe.
Haaluma kaanan bakkeewwan Itti gurguramuu qabanis himaniiru.
Isaanis bakkeewwan armaan gadiitti tarreeffamanidha.
*Manneen nyaataa
*Manneen daabboo
*Mana biddeen gogaaf banaman
*Manneen miβeessituu Keessatti qofa ta'uu Akka qabus heeruudhaan bakkeewwan kanneeniin ala
β Suuqiiwwan shaqaxaa fi meeshaalee birootti biddeen ykn daabboo gurguruun seeraan alaa dha.
β οΈ Namni bakka dhorkameen biddeena gurguru yoo argame adabbii hamaa kan fudhatu taβas jedhaniiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
β€ 571π 82π 72π₯ 28π― 24π 13π₯° 8π 5π’ 3
Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa!
#Mormii
Dabalamuu waggaa tokkoofi barattoonni akka barsiisanii murteessuu ministeera barnootaan wal qabachuun ganama harraa Yuunivarsitii Wallaggaatti hirriirri nagaa taasifameera.
Hiriira kana irratti barattoonni mormii jabaa dhageessisaniiru.
Dabalataan Yuunivarsitii madda Walaabuutti taate walfakkaataan mudateera.
Viidiyoon daawwadhaa.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
IMG_0700.MP419.39 MB
IMG_0704.MP412.65 MB
β€ 450π 66π 29π€ 24π 11π₯° 8π₯ 7
Photo unavailableShow in Telegram
Kaa beektuu laata?
Guyyaa Hiriyyummaa kutuu Biyyaalessaa 2025:
Noovember 17 β Guyyaan Hiriyummaa haquu Biyyaalessaa yommuu taβu guyyaa harβaa fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaa addunyaa guutuu tarree miidiyaa hawaasaa isaanii irraa hiryoota sobaa kan itti haqanidha.
Ogeeyyiin akka jedhanitti, adeemsi kun jireenya miidiyaa hawwasummaa irra darbee jireenya dhugaa biras gaβaa jira.
Namoonni hedduun guyyaa kana fayyadamuun jireenya isaanii isa dhugumaatti hiriyyoota sobaa irraa of fageessuu, daangaa ifa ta'e kaa'uu fi hariiroo humna isaanii fixu haqaa jiru.
Xiinxaltoonni namoonni walitti dhufeenya dhugaa duwwaaf dursa kennuufi hiriyoota sobaa irraa of fageessuu isaaniitiin fayyaa miiraa isaanii akka eeggatan eeraniiru.
Yaada kanaan walii ni galtuu? Isinoo guyyaa harra hiriyaa sobaa ofirraa ni kuttuu ? Daangaa ni keessuu? Hiriyaa sobaa akkamitti bartu?
Yaada keessan bakka yaadaatti katabaa!
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
β€ 422π 76π 63π₯° 14π₯ 9π 8π 7π 6
Yunivarsiitii Ambo kaampaasii hacaaluu hundeessaa dabalatee Barattoonni yuunivarsiitiiwan garaagaraa mormiitti jiru.
Ministeerri Barnoota barana otoo eebbifamuuf jennuu waggaa tokko nutti dabalees jedhan.
Haaluma walfakkaatuun Yuunivarsiitiiwwan birootis barattoonni waggaan tokko itti dabalamuu isaatiin mormii isaanii bifa garaagaraatiin dhageessisaa jiru.
Ministeerri barnootaa hanga ammaa dhimma kana homaa hin jenne.
Yaada ministeera barnootaa akkuma arganneen isin biraan kan geenyu ta'a.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
π 448β€ 261π 29π 24π₯ 21π€¬ 10π₯° 7π€― 1
walitti bu'iinsa bakka albuudni koobaaltii qotamutti muudateen lubbuu namoota 32 darbe.
Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo naannoo Kaalandoo jedhamutti bakki albuudni gati jabeessaa koobaaltii qotamutti walitti bu'iinsa uumameen namootni hedduun boolla keessatti kufuun lubbuu namoota 32 darbeera.
Maddeen naannoo sanaa akka jedhanitti balaan kun kan uumame loltoota bakka albuudaa kana eegaa jiranii fi namoota naannoo albuuda kana baasan jidduutti uumameen taβuu mala.
Taatee kana ilaalchisee Ministirri Dhimma Biyya Keessaa Rooy Kawumba Mayonde, yaada kennaniin, "sababii rooba cimaa fi balaa sigiga lafaatiin naannoo sanatti akka hin seenne uggura akka biyyatti kaa'amus, albuuda baastonni seeraan alaa humnaan gara bakka albuudni ba'uu kana seenan" jedhan.
Itti dabaluudhaanis, albuuda baastonni kun wal dhiibuu fi riqicha bool'a bishaaniin guutame qaxxaamuruudhaaf wayita yaalanitti jiguun namootni boolla keessatti kukkufanii jedhan.
Hojiin sakattaβiinsaa fi baraarsaa itti fufee waan jiruuf hanga ammaatti reeffi namoota 32 argamuu aangaβoonni kan himan.
Angawoonni ibsa isaanii keessatti albuuda baastonni xixiqqaa yeroo hojii albuudaa seeraan alaa irratti bobbaβan balaan walfakkaataan akka irra deebiin hin muudanneef ajaja qondaaltotaa eeguu akka qaban dhaaman.
Balaan albuudaa DRC keessatti muudachuun kun haaraa miti. Namoonni tilmaamaan miliyoona 1.5 hanga 2 taβan albuudota barbaadamoo akka sibiila diimaa, koobaaltii fi albuuda biroo baasutti du'aniiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
β€ 204π’ 38π 11π₯° 4π± 3π€― 2π€ 2
Photo unavailableShow in Telegram
"Bara 2025, Itoophiyaan humna waraanaa jabaa qabaachuun Afriikaarraa sadarkaa shanaffaa argattte" Gabaasa Giloobaal Faayirpaawor
Gabaasni Global Firepower jedhamu biyyoota afrikaa humna waraana jabaa taβee qaban jedhaman sadarkaa tokko hanga kudhan baaseen Itoophiyaan sadrakaa shanaffaa yoo qabattu, Masirii immoo biyya humna waraana Afrikaa irraa jabaa taβee qabachuun Afrikaa keessa sadarkaa tokkoffaa gubbaatti argamti jedhame.
Biyyoottan kuni kan ittiin madaalaman naannicha keessatti humna waraana lafoo baayyee qabaachuu, hidhannoo meeshaa waraanaa ammayyaa hidhachuu, naannicha keessatti humna galaanarraafi qilleensarraa jabaa qabaachuun kan madaalamatu taβu ibse.
Kanaanis Masiriin biyya waggaatti doollar biiliyoona 5.88 humna waraanaa qofaaf oolchitu yoo taatuu, humna waraana jabaa meeshaa ammayyattiin deeggarame, Taankii Lolaa, konkolataafi heelekooptera waraanaaf barbaachisan hedduu qabachuun Afrikaa irraa sadarkaa 1ffaa qabate jedhame.
Itoophiyaan immoo biyya Lotoota lafoo baayyee qabachuun beekamtuu yoo taatu waggaa tokkotti doollar Ameerikaa biiliyoona 2.10 hojii humna waraanaatiif oolchiti jedhame. kanaanis Itoophiyaan baay'inaan lotoota kumatamaan laakkaman oomishuun akkasumas humna waraana qileensa irraa jabaa taβe qabaachuu gabaasni kuni ifoomsera. Dabalaatnis xiyyeeffannoo Itoophiyaa humna waraana lafoo ijaaruu, humna ittisa daangaafi nageenya biyya keessaa kabachiisuu jabaa uummuu irratti kan xiyyeeffate taβu gaabasichi eerera. kanaanis Itoophiyaan gahumsaafi haaloota waraana hedduu biyya gonfate yoo taatuu Afrikaa kibbaatti aanuun sadarkaa shanaffaa gubbaatti argamti jedha gabaasichi Global Firepower irraa bahe kuni.
Haaluma wali fakkaatun Biyyoonni Afrikaa kan humna waraana cimaa qabachuun sadarakaa 1ffaa hanga 10ffaa qabatan wali dura duubaan Ijyiptii, Aljeeriyaa, Naayijeeriyaa, Afrikaa Kibbaa, Itoophiyaa ,Angoolaa, Morookoo ,DR koongoo, Sudaaniif Libiyaa faβaa taβuu gabaasni Global Firepower jedhamu kuni ifoomsera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
β€ 284π 17π€― 6π₯ 5π₯° 5π 3π 2
Hiriirri nagaa dhohe
Yuunivarsitii garaa garaatti hiriirri nagaa dhoheera.
βBarattoonni yunivarsiitii waggaa 3ffaatti barnoota isaanii xumuruun, waggaa tokkoo tajaajila barsiisummaa akka kennan seerri dirqisiisu bara barnootaa 2019 irraa eegalee hojiirra ni oola β jechuu ministeera barnootaa sababeeffachuun barattoonni qeeqa isaanii dhageessisan.
Kaariikulama dhaloota kanaaf hin malledha kan jedhan barattoonni kunniin, umurii ittiin barumsa xumurree biyyaa gargaarru faayidaa tokko malee nu jalaa gubuu irraa kan hafe buβaa tokkollee hin qabu jedhan barattoonni.
Yeroo ammaa kanas Yuunivarsitii biyyattii guutuutti yaadi mormii dhihaachaa jiraachuu miidiyaan Abdii Sabaa odeessaalee isaa mooraawwan garaa garaa irraa odeeffataa jira.
Kanumaan walqabachuunis hiriirri mormii ganama harraa geggeeffamee jira.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
IMG_0684.MP422.89 MB
IMG_0683.MP454.24 MB
IMG_0685.MP430.66 MB
β€ 1 233π 269π 84π₯ 52π 39π 38π 34π 21π€― 18π€¬ 5π± 4
"Namoonni mallattoo dhibee kanaa agarsiisan 6 du'aniiru, garuu laaboraatoorii keessatti namoota sadii qofatu dhukkubicha taβuu mirkanaa'e" - Ministeera Fayyaa
Sababni dhukkuba Vaayirasii Hemorrhagic Fever naannoo Kibba Ityoophiyaa magaalaa Jinkaatti mudate Vaayirasii Marburg ta'uu Ministeerri Fayyaa ibsuun ni yaadatama.
Kana ilaalchisee Ministeerichi guyyaa har'aa ibsa kennaa jira.
Ibsa kana keessatti Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa akka jedhanitti, hanga ammaatti namoota dhibee kanaan shakkaman 17 qorannoon taasifameera.
Isaan keessaa 3 qorannoo laabraatooriitiin dhibee kanaan qabamuun isaanii mirkanaa'uun ibsameera.
Ministirri kun akka ibsanitti, namoonni mallattoo dhibee kanaa agarsiisan 6 lubbuun darbuu isaanii, laaboraatooriitti garuu namoota sadii qofatu mirkanaaβe.
Walumaa galatti Saamuda qorataman 17 keessaa sadii qorannoo laabraatooriitiin dhibee kanaan qabamuun isaanii mirkanaaβeera.
Qorannichi dandeettii biyyattiin qofa gaggeeffamaa akka tures akeekaniiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
Meksikootti poolisiin 100 taβan hiriira mormii keessatti miidhamaniiru.
Meksikootti namoonni kumaatamaan lakkaa'aman mootummaan Pireezidaantii Kilaawudiyaa Sheenbaam mormuun hiriira bahan.
Walitti buβiinsa hiriira kana keessatti uumameen poolisii 100 dabalatee namoonni 120 miidhamaniiru.
Akka Sheenbaam jettutti hiriirri magaalota biroo keessattis gaggeeffame kana namoota siyaasaa mootummaa ishee mormaniitti maallaqaan deeggaran.
Hiriirri dargaggoota Gen Z qophaaβe kun, deeggarsa lammiilee biyyattii argateera, keessattuu kanneen ajjeechaa namoota aangoo irra jiranii morman.
Torbe darbe kantiibaan magaalaa Urupaan Kaarlos Manzoo kan kaarteelii qoricha sammuu namaa hadoochu daldalan irratti tarkaanfiin cimaan akka fudhatamu waamicha dhiyeessuun beekamu ajjeefamee ture.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
β€ 136π 9π 7π₯ 3π 3π₯° 1π€― 1
Photo unavailableShow in Telegram
#MoE
Barattoonni yunivarsiitii waggaa 3ffaatti barnoota isaanii xumuruun, waggaa tokkoo tajaajila barsiisummaa akka kennan seerri dirqisiisu bara barnootaa 2019 irraa eegalee hojiirra ni oola jedhame.
Faayidaa fi mindaan barsiisonni argatan gahaa hin taane jechuun hanqinni barsiisotaa akka sababa taβe Ministirri Barnootaa Birhaanuu Naggaa (PHD) mana maree duratti himeera. Kuniis barsiisota haaraa baayβinaan oomishuu akka rakkisu ibseera.
Namoonni Digirii Jalqabaa (First Degree) qabanii, waggaa tokko koorsii barnoota barsiisuu (Pedagogy) fudhachuun barsiisummaan akka dandaβani Ministirri ibseera. Kunis baayβina barsiisotaa dabaluuf ni gargaara jedheera.
Barattoonni yunivarsiitii waggaa tokko tajaajila barsiisuu kennan, jaalala fi fedhii ogummaa barsiisummaa guddisuu dandaβu jedhus himameera.
Waggaa darbe, biyya keessatti hanga kutaa 12ffaa guutuu, lakkoofsi barsiisotaa 625,000 ture; waggaa kana ammoo lakkoofsa kana gara 700,000 ol guddifachuuf hojjetamaa jiraachuu ministeerichi ibse.
Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa!
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
π 631β€ 457π 44π 26π± 26π₯ 21π 19π― 16π€― 14π€¬ 12π’ 11
US duula waraanaa haaraa eegalte.
Ameerikaan hojii waraanaa haaraa daddabarsa qoricha sammuu namaa hadoochu qolachuuf kaayeffate eegalte jechuun ministeerri ittisaa biyyattii beeksiseera.
Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Yunaayitid Isteets Pete Hegsett ergama haaraa Ameerikaan daldala qoricha sammuu namaa hadoochu seeraan alaa Hemisfeera Dhihaa ittisuuf gootu gara hojii waraanaatti jijjiiru eegaluu isaanii beeksisaniiru.
Ministirri kun ergaa miidiyaa hawaasaa irratti dabarsaniin, hojiin waraanaa haaraan kun "Operation Southern Spear" jedhamee kan waamamu yoo ta'u, ajaja kallattiin pireezidaanti Doonaald Tiraamp irraa kenname ta'uu ibsaniiru.
Ministirri kun itti dabaluudhaan Ministeerri Waraanaa ajaja kana raawwachuuf sochoβaa jira jedhan.
Hojiin waraanaa haaraan kun daddabarsa qoricha sammuu namaa hadoochu Hemisfeera Dhihaa irratti xiyyeeffatee dhabamsiisuuf kan kaayyeffate yoo taβu, kaayyoon isaas qoricha sammuu namaa hadoochu akka Ameerikaa hin seenne ittisuudha.
Barreessaan kun ergamni kun qoricha sammuu namaa hadoochu gara biyyattii seenu irraa Ameerikaa eeguuf kan kaayyeffate taβuu ibsuun, βhemisfeerri naannoo U.S. taβuu isaaβnutis ni eegnaβ jechuun akeekkachiisaniiru.
Hojiin waraanaa kun ajaja kibbaa U.S. Southern Command (SOUTHCOM) fi garee hojii waliinii haaraa ijaarame Southern Spear tiin kan hoogganamu taβuu himaniiru.
Pete Hegsett duula waraanaa haaraa balβaa βshororkeessitoota qoricha sammuu namaa hadoochuβ Kaaribiyaanii fi Ameerikaa Kibbaa keessatti sochoβan irratti xiyyeeffate erga labsee booda akka addunyaatti sodaan kaβeera.
Hojiin kun mootummaa Veenzuweelaa irratti dhiibbaa siyaasaa fi waraanaa fiduuf kan kaayyeffate taβuu tilmaama irratti kan baay'ise taβeera.
Hojiin kun waraana Ameerikaan qoricha sammuu namaa hadoochu irratti geggeessaa jirtu gara waldhabdee waraanaa banaatti guddisuuf akka tarkaanfii fudhatamutti ilaalama, xiinxaltoonni kun naannicha keessatti waldhabdee gosa kamiifuu balbala banuu dandaβa jedhu 'The Gaardiyaan' gabaaseera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
π‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA π‘
β€ 477π 57π 26π₯° 21π₯ 18
