en
Feedback
ABDII SABAA

ABDII SABAA

Open in Telegram

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! @Abdii_Sabaa πŸ’¬Contact UsπŸ’¬ @AbdiiSabaaDm 🎯BARNOOTAAF @abdii_sabaa_university 🎯MARIIF @Garee_Abdii_Sabaa

Show more
2025 year in numberssnowflakes fon
card fon
561 164
Subscribers
-9524 hours
-2237 days
-1 04730 days
Posts Archive
Photo unavailableShow in Telegram
Yuunivarsitii Ambootti maaltu ta’e ? β€œGaaffiin isaanii deebii argateera” hoogganaa tajaajila barattootaa moorichaa Dr Abdataa. Komii barattoonni muslimaa Yuunivarsitii Amboo miidiyaa @Abdii_Sabaa tti dhiheeffatan ilaalchisee miidiyaan @Abdii_Sabaa qaamota dhimmi kun ilaallatu gaafate. Kaaffee kanaan dura fayyadamaa turre nu jalaa fudhachuun kaaffee guddichatti barattoota biroon wal makuun akka nyaatamu taassisan ka jedhan barattoonni , Kanuma hordofuun guyyaa lamaaf lagannaa nyaataa gaggeessaa jirra jechuun komatan. Mooraa Yuunivarsitii Amboo keessatti Kaafteeriyaa barattoonni Muslimaa itti nyaataa turan hogganni Yuunivarsitii marii tokko malee gara meeshaalee kuusaatti jijjiiruu waliin wal qabate nuti barattoonni Muslimaa keessattuu barattoonni dubartoota warri niqaaba fuulatti uffannu yeroo nyaata fayyadamnu rakkoof saaxilamne jirra” jechuun komii qaban barattoonni miidiyaa Abdii Sabaaf dhiheessan. β€œBarattoota walitti makuun kun rakkoo inni uume keessaa barattoonni keenya dubartootaa daran rakkachaa jiraachuudha, hooggantoota gaafannuus hanga ammaatti bulchinsi Yuunivarsitii deebii nuuf kennuu dideera!! Dabalataan kaaffee isaan walnumakanitti kanaan durayyuu hiriirri hedduu sababa ta’eef walgahaa hin turre nuti dabalamnaan ammoo daran badaβ€œ Komii barattootaa jedhu hordofuun miidiyaan Abdii Sabaa hoogganaa tajaajila barattootaa moorichaa Dr Abdataa fi Pirezidaantii gamtaa barattootaa moorichaa bilbilaan qunnameera. Pirezidaantiin gamtaa barattootaa moorichaa marii irra jiraachuu kan nuuf eere yommuu ta’u hoogganaan tajaajila barattootaa moorichaa Dr Abdataan gama isaaniin β€œgaaffiin isaanii guutumatti deebii argatee jira β€œjedhaniiru. Nuti akka ijoolleen β€œcomfortable” taatu feena ka jedhan Dr Abdataan Ministerri barnootaa barattoota amantaa addaan baasaa jechuun nyaachisaa ajaja kennuu baatus akka ijoolleen haala mijataa taheen barattuuf duras kaaffee kophaa gooneefi turree ammas kaaffee kan biraatti jiijjirreefii jirra gaaffiin isaanii guututti deebii argatee jira jedhaniiru. Kanaan dura bara 2006 gaafii barattoonni muslimaa gaafataniin kaaffeen qophaatti kennamuufi barattoonni muslimaa moorichaa miidiyaa Abdii Sabaatti himaniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Show all...
❀ 527😁 60πŸ‘ 59πŸ‘ 21πŸ₯° 10🀯 4
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU: Pireezidaantiin Ameerikaa Tiraamp Pireezidaantiin Raashiyaa ''na gane'' jechuun dubbatan. Donaald Tiraamp erga aangootti dhufanii waraana torba ''hin furamne furuu'' dubbatan. Kunis, kan ta'e hariiroon isaan Pireezidaant Tiraamp waliin qaban laafuu isaatiin akka ta'e akeekan. Pireezidaant Tiraamp Pireezidaantii Raashiyaa Vilaadimir Puutiin waliin qaamaan wal arganii mari'atanii turan. Haa ta'u malee, ammallee waraanni Yukireen keessaa dhaabachuu hin dandeenye. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Show all...
❀ 180😁 43πŸ‘ 25🀯 6πŸ‘Œ 5πŸ”₯ 2πŸ₯° 1
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU: Ayyaanni Irreechaa bara kanaa Fulbaana 24 fi 25 Akka kabajamu ibsame. Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee Fulbaana 24 fi Harsadeen ammoo Fulbaana 25 bara 2018 akka kabajamu abbootiin Gadaa ibsaniiru. Gumiin Abbootii Gadaa haala kabaja Ayyaana Irreechaa bara 2018 ilaalchisuun ibsa kenneen, Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee Fulbaana 24 akkasumas Ayyaanni Irreessaa Hora Harsadee ammoo Fulbaana 25, 2018 kan kabajamu ta'uu murteessaniiru. Ayyaanni Irreechaa ayyaana galateeffannaafi araaraa ta'uus eeran. Ayyaanni kun karaa duudhaa isaa eeggateen akka kabajamuu qaamoleen hundu gahee irraa eegamu akka bahatan abbootiin Gadaa waamicha dhiyeessaniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Show all...
❀ 389🀝 31😁 19πŸ‘Œ 17πŸ‘ 14πŸ‘ 11🀬 9πŸ•Š 9πŸ₯° 6🀯 3
Photo unavailableShow in Telegram
#ADS Asbeks hojjechuu eegalaa. Asbeks yeroo hojjettan doolaara tokko yeroo geessu kallattiin β€œWithdraw” taassifattee baafachuu dandeessa. Asbeks guyyaa guyyaan siif kafala. Dabalataan Doolaara 200 injifadhaa! Asbeks sagantaa badhaasaa Doolaara 200 qopheessee jira , hojii kee hojjechaa, wanta dalagde baafachaa sadarkaa keessa kan baatu taanaan injifataa ni taata. @asbeksplatform hordofuun hirmaadhaa. Carraa Gaarii! Karaa Tiiktookii hordofuufπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡ https://vm.tiktok.com/ZNdXGmxTU/ Karaa Teeligiraamaan hordofuuf @asbeksplatform Hojjechuu eegaluuf https://t.me/asbeksbot/start/?startapp=myadrefNjMwNzk2NTQ2Mg
Show all...
❀ 199πŸ‘ 41🀬 17πŸ‘ 14😁 9🀯 4πŸ₯° 2
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU: Namoonni kumaan lakkaa'aman hiriira ba'uun daawwannaa Tiraamp morman! Magaalaa Landanitti namoonni kumaan lakkaa'aman hiriira ba'uun daawwannaa Tiraamp taasise irrattii mormii isaanii dhageesisan. Pireezidaantiin US Doonaald Tiraamp yeroo lammataaf wayita UK daawwatan mormiin isaan muudate ta'uun isaa ibsame. Kana hordofee Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman adda baabayii magaalaa Landanitti ba'uun sagaleesaanii dhageessisaniiru. Hiriirri kun maqaa ''Stop Trump Coalision'' jedhamuun moggaafame. Quuqamtoota hawaasaa fi jaarmiyaalee qarqaarsa namoomaa 50 caalantu waliin qopheessan. ''Qoollifannaa sanyummaarratti hundaa'e haa morminu. Tiraamp dura haa dhaabbannu. Israa'el hidhachiisuun haa ga'u,'' dhaadannoowwan jedhan qabachuun hiriirtonni adda baabayiitti ba'uun sagaleesaanii dhageessisaniiru. Tiraamp bara 2019 wayita yeroo jalqabaaf UK daawwatanis mormiin isaan muudatee ture. Poolisiin magaalaa Landan hiriira kanarratti yoo xiqqaate namoonni kuma 5 ta'an hirmaataniiru jedhe. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Show all...
❀ 344πŸ‘ 60😒 16😱 14πŸ‘ 9🀯 7
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU: Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu dhuma ji’a Sadaasaatti ni eegalaa jedhe. Ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu dhuma ji’a Sadaasaa, 2018titti eegaluuf karoorfamuu isaa, hogganaa ol’aanaan garee Daandii Qilleensaa Itoophiyaa obbo Masfin Xaasoo beeksise. Buufanni Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu Indaastirii Aviyeeshinii Itoophiyaa ol’aanaatti akka ceesisus eeraniiru. Buufanni xiyyaaraa kun daandiin qilleensichaa geejjiba qilleensarraa Afrikaa keessatti gahee adda durummaa isaa irra caalaa akka cimsu qooda guddaa qabaachuu obbo Masfin akeekan. Ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu eegaluuf qophiin barbaachisu xumuramaa jiraachuus hoggantichi hubachiisaniiru. Hojii marsaa jalqabaa ijaarsichaa raawwachuudhaafis Kontiraaktaroonni filatamaa jiraachuu himan. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Show all...
❀ 205πŸ‘ 39πŸ₯° 9🀯 5
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU: Balaa Ibiddaa bidiruu irra muudateen lubbuun namota hedduu darbe. Liibiyaatti β€ŽBidiruun Godaantota Afrikaa feetee imalaa turterra Balaa ibiddaa muudateen yoo xiqqaate lubbuun namoota 50 darbe. Bidiruun Godaantota Afrikaa Jireenya fooyya'aa ta'e barbaachaaf akkasuma nageenyaa fi waraana jalaa dheessuun Afrikaa irraa gara Awurooppaatti imalaa turan feetee yabalaa turterratti Ibidda qabateen yoo xiqqaate Lubbuun Godaantota 50 darbeera Lolli humnoota Suudaanii fi milishoota jidduutti waggoota lamaan darbanitti godaantota kuma 140 ol gara Liibiyaatti dhiibuu isaa ejensiin baqattootaa tokkummaa mootummoota gamtoomanii beeksise. Rakkoo amma muudate kanaan alattis, Gurraandhala 1 hanga Adoolessa 13 jidduutti daandii Jiddugaleessa Meditiraaniyaanii irratti yoo xiqqaate namoonni 456 yoo du’an, 420 ammoo achi buuteen isaanii dhabamuu IOM beeksiseera. Baatii Hagayyaa keessa bidiroonni lama kibba Xaaliyaanii odola Lampedusa jedhamtu irraa liqimfamuun yoo xiqqaate namoonni 27 du'aniiru. ji'a Adoolessaa keessa yoo xiqqaate godaantonni fi baqattoonni 60 ta’an qarqara galaanaa Liibiyaa irratti bishaaniin kan liqimfaman yoo ta’u, irra caalaan isaanii lammiilee Suudaan, Itiyoophiyaa fi Eertiraa ta’uu ibsameera jedhe. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Show all...
❀ 384😭 103😒 102πŸ’” 27😱 24πŸ‘ 18πŸ”₯ 7πŸ‘ 6πŸ™ 4🀯 3
Photo unavailableShow in Telegram
β€œMinisteerri Barnootaa Gannatiif irra deebiin beekamtii kennuufi qaba”. Miidiyaa @Abdii_Sabaa Injifattuu ministeerri barnootaa gane. Barattuu Gannat Margaa Gishuu barattuu bara kaa saayinsii uumamaan shamarraniin qabxii olaanaa galmeessite yomuu taatu ministeerri barnootaa miidiyaaf ibsa qormaatichaan walqabate yeroo kennu beekamtii osoo isheef hin laatin barattuu qabxii Gannat faana walqixa fidde Hayimaanot Yohannis qofa ibse. Barattuu Gannat eenyu? Barattuu Gannat Margaa Gishuu dhalattuu Magaalaa Hasaasaa yoo taatu bara kana qormaata kutaa 12ffaa biyaalessaan qabxii olaanaa biyyattii galmeessifteetti. Mana barumsa sadarkaa 1ffaa Hasaasatti barachaa ka turte Gannat, carraa Mana Barumsaa Ifa Boruu Dodolaa ishee seensisu argatte. Namoonni ollaashee jiran haala mijataa hin taane keessatti akka guddatte ragaa bahu. Haati Gannat mana baaburaa (Hoofcoo) hojii midhaan daakuu hojjettee abbaa malee kophaashee guddifatte. Gannat garuu, haadha rakkoo keessatti ishee guddifte hin qaanessine. Qabxii olaanaa akka biyyaatti 579 galmeessite. Kun gama saala dubaraan qabxii olaanaa saayinsii uumamaan bara kana galmaa'eedha. Ministerri barnootaa qabxii Gannat Margaaf beekamtii osoo hin kenniin darbuun isaa namoota hedduu gaddisiiseera. Haamilee barattuu, maatii, mana barumsichaa fi barattoota kamiifuu gaarii kan hin taane gochi kun sirreeffamu qaba. Galmeessituu qabxii olaanaa bara kaaa Barattuu Gannat Margaa Gishuuf irra deebiin beekamtii kennuun, hamilee isheefi dhaloota ishee boodaaf kennuun barbaachisaadha. Dabalataan barattuun kun akkuma barattuu beekamtiin kennameefi carraawwan addaa addaa mijachuufiin dirqama ta’a. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Show all...
❀ 1 534πŸ‘ 303πŸ† 72πŸ‘ 64πŸ₯° 42πŸ”₯ 36🀯 25😁 24😨 24
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU: balaa tiraafikaa Magaalaa Finfinnee  kutaa Magaala Araadaatti muudateen lubbuun nama tokkoo darbuu Koomishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksise. Balaan kun guyyaa har'aa barii naannoo sa'aatii 12:10 irratti kutaa magaala Araadaa, aanaa 6, iddoo adda Afincaa Bari jedhamutti akka mudate poolisiin magaalichaa beeksiseera. Balaan kun konkolataa geejjibaa ummataa irraa kan gahe ta’uus himan. ka’umsii konkolataa kanaa Shiroo Meedaa irraa gara Afincaa Barittii imalaa osoo jiruu iddoo pirojektii misooma qarqara lageen kan meetira 30 fagaatee naannawa Afincaa barriitti ijaaramaa jirutti balaan kun muudachuun isaas himame. Balaa tiraafikaa kanaan Dubartiin ganna 22 batalumatti lubbuun yoo dabartu, miidhamtoonni lubbuun hafan immoo hospitaala Abeeti fi Yakkaatiti 12tti yaala fayyaa argachaa jiraachuun ibsameera. Koomishiniin Poolisii Magaala Finfinnee itti dabaluun sababni balaa kanaa qoratamaa jiraachuu fi odeeffannoon bal’aan booda ni kennama jedheera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Show all...
❀ 279😭 129πŸ’” 13😨 10🀯 6😒 6πŸ‘ 5πŸ”₯ 3πŸ₯° 3😱 3πŸ‘ 1
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU: Akka gabaasni Dhaabbata gargaarsa Daa’immanii Mootummoota Gamtoomanii (UNICEF) ibsutti, akka biyyaatti daa’imman miiliyoona sagal ol sababa walitti bu’iinsaa, buqqa’iinsaa fi balaa uumamaatiin barnoota ala ta’aniiru. Lakkoofsi barattoota qormaata biyyaalessaa darban fooyya’iinsa agarsiisus, lakkoofsi barattoota qormaata kana fudhatan garmalee gadi bu’aa jirachuun heerame. Bara 2017tti lakkoofsi barattoota qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhatan 581,905 yoo ta’u, kana keessaa 48,929 (dhibbeentaa 8.4) qofatu darbe. Lakkoofsi kun waggoota darbanii wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu baay’ee gadi aanaadha. Fakkeenyaaf bara 2014 barattoonni 896,520 qormaata fudhataniiru. Lakkoofsi barattoota qormaata fudhatanii hir’achuun barattoota kutaa 12ffaa qofa irratti kan daangeffame miti. Gabaasni kun Manneen barnootaa kuma 6 ol cufamuu fi manneen barnootaa kuma 10 ol miidhamuu ykn guutummaatti barbadaa’uu himaniiru. Kana malees naannoon daa’imman baay’inaan barnootaan ala ta’an naannoo Amaaraa yoo ta’u, daa’imman miiliyoona 4.4 ni ta’u. Oromiyaa keessatti barattoonni miliyoona 3.2, Tigraayitti ammoo miliyoona 1.2 ta’an daree barnoota irraa fagaachuu beeysisee ture. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Show all...
star reaction 1❀ 593πŸ‘ 135😒 80πŸ’” 54πŸ‘ 22πŸ”₯ 18😱 17🀬 15🀩 13🀯 11πŸ₯° 2
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU:MM Dr Abiy Ahimadiin kan barreeffame Kitaabni Mootummaa Ida'amuu jedhu eebbifamaa jira. Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad kitaaba isaanii yaadama Ida'amuu irratti xiyyeeffate 4ffaa mata duree "Mootummaa Ida'amuu" jedhuun barreessan eebbisiisaa jirachuun ibsame. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Show all...
πŸ‘ 334❀ 278😁 103🀬 32πŸ‘ 30πŸ’” 24πŸ₯° 18🀯 14πŸ”₯ 11πŸ€— 5
Show all...
star reaction 50❀ 236πŸ‘ 143😭 115😁 67🀬 32πŸ‘ 21πŸ₯° 8
Photo unavailableShow in Telegram
Dubaraan Qabxii olaanaa kan galmeesse eenyu? Bara kana dubaraan qabxii olaanaan kan galmaa’ee Mana barumsaa Ifa Boruu Dodolaa irraa Barattuu Gennet Margaa Gishuun yommuu ta’u ministeerri Barnootaa maqaa ishee waamuu baatuyyuu seenaa dalagdeetti. Nus kanaaf β€œSABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!” Jechuun dhaadanna. Miidiyaan @Abdii_Sabaa Barattuu Gannattiifi maatii ishee, mana barumsaa isheefi ummata maraan baga gammaddan jedheera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Show all...
❀ 1 202πŸ‘ 128πŸ‘ 109πŸ₯° 77🀯 63πŸ™ 25πŸ”₯ 14πŸ‘Œ 12😁 1
Manni barumsaa ifa boruu Dodolaa qormaata marsaa jalqabaaf kenneen barattoota guutuutti dabarsuu irra darbee akka biyyaatti qabxii Olaanaa bara kaaa galmeessee danda’eera. Qabxiin barattoota keenyaa suuuraan armaan olitti kaawwameera. Miidiyaan @Abdii_Sabaa Barattoota, Maatii Barsiisotaafi ummata maraan baga gammaddan jedheera. Karaawwan Bu’aa qormaata kutaa 12ffaa ilaallatan kan armaan gadiiti πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡ 1. Marsaariitiiፑ https://result.eaes.et 2. teelegiraamaፑ https://t.me/EAESbot 3. Ergaa gabaabaa (SMS)ፑ 6284 πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡ https://otieu.com/4/8938642 https://otieu.com/4/8938642 Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa! SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Show all...
❀ 772πŸ‘ 86πŸ‘ 50πŸ‘Œ 48πŸ”₯ 36🀯 28😱 22🀩 10πŸ₯° 8😁 8πŸ’― 8
Photo unavailableShow in Telegram
Qabxii Ol'aanaa Sadarkaa biyya teenyaatti qabxii ol'aanaa gosa barnootaa Saayinsii Hawaasaan eenyutu galmeesse? Mana barumsa Boordiingii Ambootti kan barate barataa Caalaa Garramaa Ejjetaa qormaata seensa dhaabbilee barnootaa olaanoo bara 2017 saayinsii hawaasaa irraa qabxii akka biyyaatti olaanaa 562/600 galmeesseera. Goota barnootaa, Fakkeenya dhalootaa maqaa Oromiyaafi biyyaas waamsise. Karaawwan Bu’aa qormaata kutaa 12ffaa ilaallatan kan armaan gadiiti πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡ 1. Marsaariitiiፑ https://result.eaes.et 2. teelegiraamaፑ https://t.me/EAESbot 3. Ergaa gabaabaa (SMS)ፑ 6284 πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡ https://otieu.com/4/8938642 https://otieu.com/4/8938642 Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa! SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Show all...
❀ 493πŸ‘ 64πŸ‘ 40🀯 22πŸ”₯ 16😁 11πŸ₯° 9🫑 5😱 2
Photo unavailableShow in Telegram
Ministeerri barnootaa bu’aan qormaata kutaa 12ffaa gadhiifamuu ibsee jira. Barattoonni bu’aa yeroo ilaallattanitti rakkinni serverii jiraachuu mala sababa ta’eef obsaafi tasgabbiin yaalaa. Karaawwan qabatamoo ministeerri barnootaa ifoomse kan armaan gadii yommuu ta’u, jijjiiruun fayyadamaa Miidiyaan @Abdii_Sabaa barattoota maraaf carraa gaarii hawwa. Karaawwan Bu’aa qormaata kutaa 12ffaa ilaallatan kan armaan gadiiti πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡ 1. Marsaariitiiፑ https://result.eaes.et 2. teelegiraamaፑ https://t.me/EAESbot 3. Ergaa gabaabaa (SMS)ፑ 6284 πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡ https://otieu.com/4/8938642 https://otieu.com/4/8938642 Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa! SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Show all...
❀ 487πŸ‘ 87🀯 33πŸ‘ 28πŸ₯° 20πŸ”₯ 15😒 13😱 12😁 5❀‍πŸ”₯ 3
Show all...
🀬 219❀ 207😁 90πŸ”₯ 68πŸ‘ 59😭 55πŸ’” 32🀯 26😱 22πŸ‘ 7πŸ€— 4
Photo unavailableShow in Telegram
Barattoonniifi maatiin barattootaa bu’aa qormaataa ilaaluuf dararamaa jiru. Barattoonni Itoophiyaa kan qoraman yeroo qormaataa qofa osoo hin taane qormaata sana caalaa bu’aa isaanii ilaaluufi ramaddii biyyaa baruudha. Dhimmi kun waggaa waggaan gaafatamus surreeffamni hin argamne. Taateen kun miira barataa waggaa hedduu carraaqeefi miira maatii barattoota giddu gala kan hin taasifannedha. Qaamni dhimmi ilaallatu daba dhaloota irratti raawwatamu akkanaa sakatta’uun dirqama saaxiluu qaba. Bu’aa qormaata ilaallachuuf maatiifi barattoonni kan rakkachaa jiran sababa dhaabbati marsaariiticha hoogganu akkaataa mootummaan bajata ramadeen hin dalagneefidha. Mootummaan serveriif bajata barbaachisa akka ramadu beekamaadha , haa ta’uyyuu malee maallaqa rakasaan serverii dadhaba kireessuun yeroofi miira maatii akkasumas barattoota miidhuun fudhatama hin qabaatu. Mootummaan dhaabbata kana irratti qorannoo barbaachisaa taassisuun tarkaanfii fudhachuu qaba. Yeroo mara sababa Serverii dadhabaan kireeffameef barattoonniifi maatiin barattoota dararamaa kan oolan yommuu ta’u , sirnaan dalaguu diduu serverii rakashaaf barattoonni bu’aa isaanii ilaallachuuf qormaata sana caalaa cannaqamu. Qaamni gochaa malaammaltummaa akkanaa raawwatu qoratamuun sirreeffamni barbaachisaan taassifamuu qaba. Itoophiyaan addunyaa waliin adeemuuf malammaltummaan gama maraan adeemsifamu dhaabbachuu qaba. Serverii dadhabaa kireessuun sababa bajati mootummaan ramade hanqateef ta’uufi rakkoo malaammaltummaa dhaabbata tajaajila kana kennaa jiruu ta’uun qoratamuu qaba. Gamanumaan miidiyaan @Abdii_Sabaa barattootaafi maati barattootaaf bu’aa gaarii kan hawwu yommuu ta’u, odeeffannoowwan jiran hordofuun kan isiniin geenyu ni ta’a. Karaawwan Bu’aa qormaata kutaa 12ffaa ilaallatan kan armaan gadiiti πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡ 1. Marsaariitiiፑ https://result.eaes.et 2. teelegiraamaፑ https://t.me/EAESbot 3. Ergaa gabaabaa (SMS)ፑ 6284 πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡ https://otieu.com/4/8938642 https://otieu.com/4/8938642 Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa! SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Show all...
❀ 1 126πŸ‘ 202πŸ‘ 92😭 92😒 87😱 49🀯 42πŸ”₯ 37😁 36πŸ₯° 29πŸ’” 22
Photo unavailableShow in Telegram
Barattoonniifi maatiin barattootaa bu’aa qormaataa ilaaluuf dararamaa jiru. Barattoonni Itoophiyaa kan qoraman yeroo qormaataa qofa osoo hin taane qormaata sana caalaa bu’aa isaanii ilaaluufi ramaddii biyyaa baruudha. Dhimmi kun waggaa waggaan gaafatamus surreeffamni hin argamne. Taateen kun miira barataa waggaa hedduu carraaqeefi miira maatii barattoota giddu gala kan hin taasifannedha. Qaamni dhimmi ilaallatu daba dhaloota irratti raawwatamu akkanaa sakatta’uun dirqama saaxiluu qaba. Bu’aa qormaata ilaallachuuf maatiifi barattoonni kan rakkachaa jiran sababa dhaabbati marsaariiticha hoogganu akkaataa mootummaan bajata ramadeen hin dalagneefidha. Mootummaan serveriif bajata barbaachisa akka ramadu beekamaadha , haa ta’uyyuu malee maallaqa rakasaan serverii dadhaba kireessuun yeroofi miira maatii akkasumas barattoota miidhuun fudhatama hin qabaatu. Mootummaan dhaabbata kana irratti qorannoo barbaachisaa taassisuun tarkaanfii fudhachuu qaba. Yeroo mara sababa Serverii dadhabaan kireeffameef barattoonniifi maatiin barattoota dararamaa kan oolan yommuu ta’u , sirnaan dalaguu diduu serverii rakashaaf barattoonni bu’aa isaanii ilaallachuuf qormaata sana caalaa cannaqamu. Qaamni gochaa malaammaltummaa akkanaa raawwatu qoratamuun sirreeffamni barbaachisaan taassifamuu qaba. Itoophiyaan addunyaa waliin adeemuuf malammaltummaan gama maraan adeemsifamu dhaabbachuu qaba. Serverii dadhabaa kireessuun sababa bajati mootummaan ramade hanqateef ta’uufi rakkoo malaammaltummaa dhaabbata tajaajila kana kennaa jiruu ta’uun qoratamuu qaba. Gamanumaan miidiyaan @Abdii_Sabaa barattootaafi maati barattootaaf bu’aa gaarii kan hawwu yommuu ta’u, odeeffannoowwan jiran hordofuun kan isiniin geenyu ni ta’a. Karaawwan Bu’aa qormaata kutaa 12ffaa ilaallatan kan armaan gadiiti πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡ 1. Marsaariitiiፑ https://result.eaes.et 2. teelegiraamaፑ https://t.me/EAESbot 3. Ergaa gabaabaa (SMS)ፑ 6284 πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡ https://otieu.com/4/8938642 https://otieu.com/4/8938642 Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa! SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
Show all...
πŸ‘ 1
Photo unavailableShow in Telegram
Ministeerri barnootaa bu’aan qormaata kutaa 12ffaa gadhiifamuu ibsee jira. Barattoonni bu’aa yeroo ilaallattanitti rakkinni serverii jiraachuu mala sababa ta’eef obsaafi tasgabbiin yaalaa. Karaawwan qabatamoo ministeerri barnootaa ifoomse kan armaan gadii yommuu ta’u, jijjiiruun fayyadamaa Miidiyaan @Abdii_Sabaa barattoota maraaf carraa gaarii hawwa. Karaawwan Bu’aa qormaata kutaa 12ffaa ilaallatan kan armaan gadiiti πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡ 1. Marsaariitiiፑ https://result.eaes.et 2. teelegiraamaፑ https://t.me/EAESbot 3. Ergaa gabaabaa (SMS)ፑ 6284 πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡ https://otieu.com/4/8938642 https://otieu.com/4/8938642 Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa! SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Show all...
❀ 1 140πŸ‘ 178πŸ™ 83πŸ₯° 76πŸ”₯ 69🀯 64😱 48🀝 39πŸ‘ 37❀‍πŸ”₯ 30😁 30