es
Feedback
ABDII SABAA

ABDII SABAA

Ir al canal en Telegram

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! @Abdii_Sabaa 💬Contact Us💬 @AbdiiSabaaDm 🎯BARNOOTAAF @abdii_sabaa_university 🎯MARIIF @Garee_Abdii_Sabaa

Mostrar más
2025 año en númerossnowflakes fon
card fon
561 096
Suscriptores
-9524 horas
-2237 días
-1 04730 días
Archivo de publicaciones
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU: Tapha Ijiptii fi Itiyoophiyaa gidduutti geggeeffamee ture irratti "Laser Pointer" taphattoota Itiyoophiyaa irratti ibsamaa akka turee maddi odeeffannoo tokko tokko ibsuu irratti argamu. Tapha Istaadiyeemii Kaayirootti ijipt Itiyoophiyaa 2 fi 0 n injifatte irratti osoo taphni hin eegaliin faaruu biyyaalessaa Itiyoophiyaa wayita faarfamutti waci fi jeequunsi mul'atee kan turee yoo ta'u wayita taphni eegalettillee deeggartoonni ijipt taphattoota kubbaa miilaa Itiyoophiyaa irratti "laser pointers" ibsaa akka turan maddi odeeffannoo tokko tokko gabaasaa jiru. "Laser pointer" kana qabatanii istaadiyeemii seenuun ykn ija taphattootaatti irratti ibsuun fayyaa isaaniif balaa ta'uu qofa osoo hin teene, seerri FIFA'n kan hin eeyyamamne waan te'eef Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa CAF fi FIFA irratti himannaa dhiyeessu qaba jedha odefannoon madda garagara. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Mostrar todo...
star reaction 1 390👍 88🔥 13😢 12👏 11😁 1😱 1
Photo unavailableShow in Telegram
Filannoon Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa bara 2017 guyyaa har’aa xumurameera. Sheek Hajii Ibraahim Tufaan Pireezidaantii Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa ta’uun filamaniiru. Filannoon Hoji Raawwachiistootaa fi Hundeeffama Mana Marichaas gaggeeffameera. Haaluma kanaan Sheek Hajii Ibraahim Tufaan Pireezidaantii Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa ta’uun yoo filaman, Sheek Abduulkarim Badirdiin immoo Dursaa Pireezidaantii itti aanaa ta’uun filamaniiru. Sheek Juuneeyidi Hamzaa fi Sheek Hamiid Musaa Pireezidaantii itti aantoota Mana Marichaa ta’uun filatamaniiru. Ustaaz Tamkiin Abdullaahi Immoo Barreessaa Olaanaa ta’uun filamaniiru. Hojii Raawwachiistonni filataman kunneen Masjiida guddicha Anwaaritti sirna kakuu raawwachuun isaanii eerameera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Mostrar todo...
star reaction 1👍 236 205🎉 26👏 22🙏 4❤‍🔥 3🔥 2🥰 2🤯 1😱 1
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU: ministeerri Dhimma alaa Zaambiyaa duraanii hidhaa cimaa waggaa afuriin Adabaman. Ministirri Dhimma Alaa Zaambiyaa duraanii Malaammaltummaan himatame hidhaa Waggaa Afuriin adabamuun isaanii ibsame. Ministirri Dhimma Alaa Zaambiyaa duraanii Joozeef Malanjii malaammaltummaadhaan hidhaa waggaa afurii fi hojii cimaa waliin adabaman. Malanjiin qabeennaafi helikooptaroota faayidaa dhuunfaaf jecha karaa sirrii hin taaneen fayyadamuu dabalatee himannaa torbaan yakkamaa ta’uun isaanii broodkaastiin mootummaa NTV gabaaseera. Himatamtoota waliin himataman keessaa Ministira Maallaqaa duraanii Fredson Yamba, kan doolaara miiliyoona 8 saamuudhaan yakkamaa ta'ee argame Doolaara miliyoona 6 ol (£6m) gara baasii hin malletti akka jijjiiramu raggaasisuun hidhaa waggaa sadii itti murtaa'ee jira. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Mostrar todo...
174👍 34🔥 8
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU:Gamoo kaabinee ministeerotaa irratti haleellaan raawwatame. Raashiyaan yeroo jalqabaaf gamoo kaabinee ministeerota Yuukireen haleeluunshee ibsame. Haleellaan kunis erga waraanni eegalee haleellaa yeroo jalqabaaaf Gamoo mootummaa irratti kan gegggeeffame ta'uun ibsame. Erga waraanni eegalee yeroo jalqabaaf gamoon mootummaa Yuukireen magaalaa Kiiv keessatti argamu Raashiyaan haleelamuu ministirri muummee Yuukireen himan. Haleellaa kanaan daa'imni waggaa hin gunneefi dubartiin tokko dabalatee yoo xiqqaate namoonni lama ajjeefamuu dubbataniiiru. Kantiibaan magaalaa Kiiv, Vitaalii Kilichiskoo, lubbuu baraartonni reeffa nama sadaffaa barbaadaa jiru jedhan. Gamoon mootummaa Yuukireen kuni gamoo kaabinee ministeerota Yuukireen jedhamuunis beekama. Waajjirri ministeerota ijoo Yuukireen keessattis argama. Gaafa Dilbata ganama gaazexeessituun BBC Saaraa Rensiford fi garee ishee waliin aarri guddaa samiitti yoo ol ka'u kan argan yoo ta'u Achii misaa'eloonni kiruuzii Raashiyaa lama saffisa guddaan yoo qilleensarra furguggifaman argan, dhoo'insi biraas dhagahame. Humni qilleensaa Yuukireen dirooniifi misaa'elli lakkoofsaan kana dura hin mul'anne mul'achuu gabaaseera. Walumaagala 800'tu dhukaafame jedhe. Akka humni qilleensaa Yuukireen jedhetti, misaa'eloonni sagal fi dirooniin 56 bakkeewwan 37 haleelaniiru, caccabaan haleellaa fashalaa'e immoo bakkee saddeetitti bu'e. Ministirri Muummee Yuukireen Raashiyaarratti qoqqobbiin cimaa akka taa'uufi meeshaan waraanaa dafee akka isaaniif ergamu waamicha taasisaniiru. Raashiyaan bakkee pireezidaantiin Yuukireen Volodimiir Zeleniskii keessattii dhalatan, Kryvyi Rih, illee haleelteetti. Achitti bu'uraalee sadiitu rukutame. Akka qondaalonni Kiiv jedhanitti, gamoowwan gurguddoo lixa Kiivitti argaman hamma tokko manca'aniiru, akkasumas gubataa jiru. Raashiyaan hanga yoonaa haleellaa diroonii Yuukireen irratti dhaqqabeerratti ammatti deebii kennite hin qabdu. Ministirri Ittisaa Raashiyaa ibsa baaseen humni ittisa haleellaa qilleensaa biyyattii bakkeewwan Raashiyaa keessatti diroonii Yuukireen 69 lafaan dhahuu yookiin qolachuu beeksise. Jalqaba torban kana Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadimir Puutiin yaada biyyoonni lixaa humni isaanii Yuukireen akka qubatu gaafatu didaniiru. "Loltoonni ta'an achi keessatti argamnaan, keessumaa yeroo lolli gaggeeffamaa jiru kanatti, kun irratti xiyyeeffannoo barbadeessuuf akka ka'umsaatti waan nu gargaaruuf achumarraa kaana," jedhan. Pireezidaantiin Faransaay Imaanu'el Maakroon erga lolli dhaabate booda biyyoonni 26 loltoota ''lafoo, galaanarraafi qilleensarraan'' gara Yuukireen bobbaasuuf waliigaluu dubbatanii turan. Raashiyaan bara 2022 Yukireen kan weerarte yoo ta'u yeroo ammaa dachee Yuukireen keessaa 20% to'atteetti. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Mostrar todo...
268👍 29😱 17🔥 14😭 7🤯 2
Photo unavailableShow in Telegram
GIDIRAA SABAA Horroo Guduruu Wallaggaatti gidiraa fiinxaaleyyii Faannoon saba irratti ta’e suuraan. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Mostrar todo...
😭 538 83😢 75💔 29🔥 22👍 18🤯 10🤬 6
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU: Tiiktookeroota miidiyaa hawaasaa fayyadamuudhaan hojii seeraan alaa hojjetan to'annoo jala oolchuun akkuma itti fufetti jira-poolisii magaalaa finfinnee. Haaluma kanaan Tiiktookarri miidiyaa hawaasaa fayyadamuun namoota doorsisu Biruuk Tasfaayee (Burabull) to'annoo jala oolfamuun qorannoon irratti geggeeffamaa jiraachuu Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee hime. Tiiktookarri kun doorsisarra darbee namoota lama irrattii miidhaa qaamaa raawwachuu qorannoon irra gahamuu odeeffannoon Qajeelcha Poolisii magaalicharraa argame ni ifoomsa. Ergaawwan seeraan alaa dabarsuu, namoota dhuunfaa doorsisuu akkasumas qabiyyeewwan maqaa miseensota nageennaa xureessan tamsaasuu Poolisiin ibseera. Eeruu namoota doorsifamaniifi miidhaan irra gahe dhiyeessan irraa ka'uun Poolisiin hordoffii taasisaa turuu hime. Tiiktookarri kun seera jalaa miliquuf gara naannoo Tigraayi kan deeme ta'ullee, qindoomina Poolisii Naanichaa waliin taasifameen to'annaa jala oolchuu Poolisiin Finfinnee beeksiseera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Mostrar todo...
232😁 34👍 15🔥 9👏 9😱 4
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU: Poolisiin federaalaa Yaa’iwwan Finfinneetti gaggeeffamaniif qophii barbaachiisu taasisuu isaa ibse. Yaa’iwwan Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Afrikaa fi Afrikaa- Kaariibiyaani Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaniif qophiin barbaachiisuu taasifameeras jedhe Kana hordofee Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa qaamoolee nageenyaa biroo waliin qindoomuun yaa’iwwan kunneen karaa nagaan akka gaggeeffamaniif qophii haalduree kaasee hanga xumuraatti bobbiin teeknooloojiin deeggarame taasifamuu himeera. Kana malees yaa’insa tiraafikaa saffisisuuf poolisiin tiraafikaa heddu bobbii fudhachuun hordoffii fi deeggarsa taasisaa jiraachuu ibsuun, karaawwan kan hin dhiphanne hawaasni gahee isaa akka bahatuu gaafateera. Deeggarsa hawaasni hanga ammaatti taasisaa jiruuf galateeffachuun, sochii waliigalaa nageenyaa fi dambii Tiraafikaa eegsisuuf taasifamuuf tumsa isaa cimsee akka itti fufu waamicha dhiyeesseera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Mostrar todo...
149👍 20🔥 5🤯 4
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU: bilbila qabatanii mana barnootaa seenuun dhorkame. Bara barnootaa 2018 irraa eegalee barataan kamiyyuu bilbila, tableetii,fi meeshaalee elektirooniksii kamiyyuu qabatee gara mana barnootaa akka hin deemne dhorkame. Akkasumas Barnoonnii bara 2018 kan eegalu fulbaana 5 akka ta'e ministeerri barnoota beeksisee jira. Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa! SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Mostrar todo...
482😁 234👍 140👏 48🔥 27😢 20🙏 13😭 13🤯 9🥰 6🤝 5
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU: US Pirezidaantiin Indiyaa Tiraampiin dhiifama ni gaafata jette. Indiyaa fi US walii galtee daldalaa irra gahuuf carraa akka qaban himama. Daarektarri Ministeera Daldalaa Yunaayitid Isteets Hawaard Luutnik Indiin gara marii kanaatti deebi'uuf haal-duree akka guuttu dhaamaniiru. ''Muummichi ministeeraa Moodiin Tiraamp waliin waliigalteerra gahuu qabu,'' jedhan. Qondaalli kun itti dabaluudhaan, “Indiyaan Pireezidaantii Tiraamp dhiifama ni gaafatti” kan jedhan sababni isaatis akeekkachiisa boba'aa Raashiyaa akka hin bitanneef Tiraamp kennanis, Indiyaan boba’aa Raashiyaa bitachuu itti fuftee jirti jedhan. Ta'uu baannaan qoqqobbii akka Raashiyaa fi Chaayinaa muudachuu akka danda'u akeekaniiru jechuun TRTWORLD gabaaseera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Mostrar todo...
284👍 43😁 31👏 20🤝 17🤯 1
Photo unavailableShow in Telegram
Qarshii dalagaa hatattamaan baafadhaa. Asbeks irratti Liinkii keessan qofa gareewwan garaa garaa irratti share taasisuun akkasumas taaskii xumuruufi beeksisa daawwachuu qofaan Pilaatfoormii maallaqa irraa hojjetanidha. Ammuma join taassisuun yeroo keessan karaa maallaqaatti jijjiiraa. Asbeks Pilaatfoormiii yeroo jalqabaaf haala itti Oonlaayinii maallaqa dalagan salphisedha. Ammuma eegalaa Karaa Teeligiraamaan hordofuuf @asbeksplatform Hojjechuu eegaluuf https://t.me/asbeksbot/start/?startapp=myadrefNjMwNzk2NTQ2Mg
Mostrar todo...
236👍 37👏 13😁 11🤯 11🥰 6🔥 5
Photo unavailableShow in Telegram
Tapha Gulaallii Waancaa addunyaa guyyaa harraa taphatameen Misiriin 2:0 Itoophiyaa injifatte. Tapha haala siyaasa biyyattii lamaaniin walqabatee akkaan eegamaa ture kana irratti Masiriin 2:0 Itoophiyaa injifatteetti. Galchiiwwan lamaanu Peenaalitii irraa kan argame yemmuu ta’u, muhammad Saalaah fi Umar Marmuushiin lakkoofsifame. Odeeffannoo Ispoortii qofa argachuuf @AbdiiSabaaIspoortii hordofaa SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Mostrar todo...
251😭 115💔 87👍 50😁 39🤯 13👏 12😢 8
Photo unavailableShow in Telegram
Morkiin Waaliyaanotaa fi Fara'oonotaa jimaata har'aa Ijiibxi Kaa'irootti Gulaallii Waancaa Addunyaaf taasisan ni eegama . Gareen Biyyaalessa Itiyoophiyaa har'a galgala sa'aa 4:00rraa eegalee Gulaallii Waancaa Addunyaaf dirreen ala Kaa'irootti imaluun ijibxi waliin morkata . Gareeen Biyyaalessa Itiyoophiyaa fi Gareen Biyyaalessa Ijibxi har'a morkiin taasisan hiikni isaa morkii tapha Kubbaa Miilaatii oli jedhameera . Morkii Olaantummaa laga Abbayyaa irratti qaban mul'isa . Waggoota 3 dura yeroo 3ffaaf walitti dhufani .Waggaa sadiin dura Itiyoophiyaan waggoota 33n booda warra Fara'oonotaa Ijibxiin injifachuun lammilee Itiyoophiyaa mara kan boonsee fi boquu ol qabachiise , Warri missirii anmoo Miidiyaa isaaniin taphattoota garichaa fi miseensota garichaa qeeqaa hanga arrabsuuttis ga'aniiru .kunis kan ta'e morkii Kubbaa Miilaa qofaan osoo hin taame sababa laga Abbayyaanis hedhamee ture . Taphichaan Itiyoophiyaan Galchii 2-0 yoo injifattu , Gooliin Daawwaa Hooxessaa fi Shimallis Baqqalee galchan biyya Kaaba Afrikaa Ijibxiif qaanii ture . Ga'umsi Abbuubekir Naasir mul'ise ammoo injifannoo kanaaf bu'uura . Isin tapha har'a eenyutu injifata jettan? Odeeffannoo Ispoortii qofa argachuuf @AbdiiSabaaIspoortii hordofaa SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Mostrar todo...
393👍 92😁 37👏 13🔥 1🤯 1
Photo unavailableShow in Telegram
Morkiin Waaliyaanotaa fi Fara'oonotaa jimaata har'aa Ijiibxi Kaa'irootti Gulaallii Waancaa Addunyaaf taasisan ni eegama . Gareen Biyyaalessa Itiyoophiyaa har'a galgala sa'aa 4:00rraa eegalee Gulaallii Waancaa Addunyaaf dirreen ala Kaa'irootti imaluun ijibxi waliin morkata . Gareeen Biyyaalessa Itiyoophiyaa fi Gareen Biyyaalessa Ijibxi har'a morkiin taasisan hiikni isaa morkii tapha Kubbaa Miilaatii oli jedhameera . Morkii Olaantummaa laga Abbayyaa irratti qaban mul'isa . Waggoota 3 dura yeroo 3ffaaf walitti dhufani .Waggaa sadiin dura Itiyoophiyaan waggoota 33n booda warra Fara'oonotaa Ijibxiin injifachuun lammilee Itiyoophiyaa mara kan boonsee fi boquu ol qabachiise , Warri missirii anmoo Miidiyaa isaaniin taphattoota garichaa fi miseensota garichaa qeeqaa hanga arrabsuuttis ga'aniiru .kunis kan ta'e morkii Kubbaa Miilaa qofaan osoo hin taame sababa laga Abbayyaanis hedhamee ture . Taphichaan Itiyoophiyaan Galchii 2-0 yoo injifattu , Gooliin Daawwaa Hooxessaa fi Shimallis Baqqalee galchan biyya Kaaba Afrikaa Ijibxiif qaanii ture . Ga'umsi Abbuubekir Naasir mul'ise ammoo injifannoo kanaaf bu'uura . Isin tapha har'a eenyutu injifata jettan? Odeeffannoo Ispoortii qofa argachuuf @AbdiiSabaaIspoortii hordofaa SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Mostrar todo...
67😁 14🔥 8👍 7🏆 5🥰 1👏 1
Photo unavailableShow in Telegram
Qarshii dalagaa hatattamaan baafadhaa. Asbeks irratti Liinkii keessan qofa gareewwan garaa garaa irratti share taasisuun akkasumas taaskii xumuruufi beeksisa daawwachuu qofaan Pilaatfoormii maallaqa irraa hojjetanidha. Ammuma join taassisuun yeroo keessan karaa maallaqaatti jijjiiraa. Asbeks Pilaatfoormiii yeroo jalqabaaf haala itti Oonlaayinii maallaqa dalagan salphisedha. Ammuma eegalaa Karaa Teeligiraamaan hordofuuf @asbeksplatform Hojjechuu eegaluuf https://t.me/asbeksbot/start/?startapp=myadrefNjMwNzk2NTQ2Mg
Mostrar todo...
106😁 15👏 11🔥 7👍 6
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU: Mootummoota sadeen qarqara galaanaa malee biyyoonni biraa mariii isaanii irratti akka hin hirmaanne dhorkan. Ijibtii fi Sudaan biyyoonni biroo marii dhimma Laga Abbaayyaarratti hirmaachuu morman. Masirii fi Sudaan mariin hidha haaromsa guddicha Itiyoophiyaa (GERD) irratti taasifamu mootummoota sadeen qarqara lageen qofa irratti akka daangeffamuu qabu cimsanii kan dubbatan yoo ta’u, biyyootan biroo marii Bishaan lagaa Naayilii irratti hirmaachisuuf tattaaffii taasifamaa jiran jedhaman kuffisaniiru. Akka fulbaana 3 gaafa Roobii Ibsi karaa kominikeeshiniitiin bahee ifoomseti Walgahii marii lameen ministeerota bakka buufaman,ministeera dhimma alaa fi bishaanii biyyoota lamaanii Kaayirootti gaggeeffame hordofuun, ibsa waloo baasaniin mootummoonni lamaan Itiyoophiyaan hidha kana guutuu fi hojjechuuf “tarkaanfiin gama tokkee” fudhatte kuni “naannolee lamaan gara gadiitti hafan irratti miidhaa kan fiduu fi akkaataa kanaan tasgabbii Baha lagaa Naayilii balaa itti fufiinsa qabu kan fiduu ta’uu akeekkachiisaniiru. Jilli Ijiptii kan Ministira Dhimma Alaa Badrii Abdillaatii fi Ministira qabeenyaa Bishaanii fi Jallisii Hanii Sweiliyaam durfamuufi akkasumallee gama suudanillee Ministira Dhimma Alaa fi Tumsa Idil Addunyaa Umar Siddiig fi Ministira Qonnaa fi Jallisii Ismaat Qurreeshi Abdallaa durfamu waliin ta’uun ibsaniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Mostrar todo...
269👍 28😁 24🥰 7😱 2🏆 2
Photo unavailableShow in Telegram
Odeeffannoon barnootaa akka isin hin dabarreef @Abdii_Sabaa_University hordofaa! @Abdii_Sabaa_University irratti odeeffannoo barnootaa qofa hatattamaan kan argattan ta’a. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Mostrar todo...
213👍 48🤯 21
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU: Gaaddidddaa'uun ji'aa diimaan akka muudatu himame. Dilbata Qaam'ee gaafa guyyaa 2/2017 gaaddiddaa'uun ji'aa diimaan nimudataa jedhame. Gaaddiddaa'uun ji'aa kun guutummaa Itoophiyaa keessatti nimul'ata jedhamee eegama. Ji'i diimaa ta'ee mul'ata jedhamee eegamas jedhame. Taatee kana meeshaa ilaalchaa kamiyyuu osoo hinbarbaachisin ijaan ilaaluun nidanda’amas kan jedhame yoo ta'u ijarrattis miidhaa tokkollee akka hin geessisne ibsameera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Mostrar todo...
402👍 71😭 43😁 35😱 29🤝 6🔥 5🤯 4
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU: Weerarri Iboolaa deebi'ee ka'uun isaa ibsame. Koongoon weerarri Iboolaa waggaa sadii booda deebi'ee ka'uu beeksiste. ‎ Dimokiraatik Rippabiliki Koongoon weerarri Vaayirasii Iboolaa biyyattiitti waggaa sadii booda deebi'ee mul'achuu isaa beeksistee jirti. ‎ ‎Vaayirasiin kun hanga ammaatti namoota 28 irratti kan mul'ate yoo ta'u, isaan keessaa lubbuu namoota 15 galaafachuun isaa ibsameera. ‎ ‎Akka dhaabbanni fayyaa addunyaa ibsetti Koongootti vaayirasiin iboolaa kanaan dura mul'ate talaallii kennuun to'achuu isaa ibsee ture. Weerara ammaa saffisaan qorachuun talaalliin dafee akka dhaqqabuuf hooggantoonni mootummaafi damee fayyaa akkasumas ogeeyyiin deeggarsa taasisuu akka qaban ibsuu isaanii ‘Reuters’ gabaaseera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Mostrar todo...
207😱 26👍 18😁 14🤯 11😨 3🥰 1
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU: Pireezidaantiin duraanii Ameerikaa Joo Baayidan dhibee Kaansarii Gogaa isaan mudateef yaala baqaqsanii yaaluu raawwatan. Maanguddoon Umrii waggaa 82 Joo Baayidan Yaalli baqaqsanii yaaluu gaggeessaan milkiin xumuramuu dubbii himaan isaanii ibsaniiru. Yaalichaan booda haala yeroo amma irraa jiran ilaalchisee odeeffannoo kennuurraa of qusachuutu himame. Tibbana mataa isaanii gara mirgaarratti madaan mul’achuu CBS’n maddoota oduu garaagaraa wabeeffachuun gabaaseera. Irra deddeebiin dhibee Kaansariif saaxilamaa kan jiran Joo Baayidan Caamsaa darbe keessa dhibichi gara Lafee isaanitti raabsamuu ibsamee ture. Baayidan osoo Pireezidaantii Ameerikaa hin ta’in dura irra deddeebiin yaala dhibee Kaansarii Gogaa gochaa turaniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Mostrar todo...
151👍 11😁 8🥰 3🤯 3🫡 3😢 2
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU: Suudaniifi Ijiptii ibsa waloo dhimma hidha Abbayyaarratti kennan. Suudaniifi Ijiptii Dhimma hidha haaromsaa Guddichaa Itoophiyaarratti ibsa waloo kennaniin yaaddoo olaanaa qabaachuu himan. Eega Waraanaatti seentee Lammiilee Kuma 64 ol du'aan kan dhabde Suudan Misiriin firoomte dhimma kanarratti Itoophiyaarratti Al siisii waliin Shira xaxuu jalqaddee. Gareen Waraanaa Suudan kan humna dafee dhaqqabaa jedhee of waamuu dhimma hidha Abbayyaarratti Itoophiyaa tumsa. Gareen Mootummaa biyyattii ofiin jedhu garuu Mootummaa Al siisii waliin hojjataa jira. Biyyoonni lamaan ibsa waloo Kaayirootti kennaniin, Itoophiyaan Abbayyaa xumuruurratti yaaddoo qabaachuu dubbatan. Itoophiyaan Abbayyaa xumurtee eebbisuuf jetti,Misir kana duuba maal gochuu malti kan jedhu Wama tokkooyyuu gochuu akka hin dandeennee Namoonni Siyaasa garagaraa himaniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Mostrar todo...
445😁 78🥰 27👏 21👍 10🤯 9🫡 6