fa
Feedback
ABDII SABAA

ABDII SABAA

رفتن به کانال در Telegram

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! @Abdii_Sabaa 💬Contact Us💬 @AbdiiSabaaDm 🎯BARNOOTAAF @abdii_sabaa_university 🎯MARIIF @Garee_Abdii_Sabaa

نمایش بیشتر
2025 سال در اعدادsnowflakes fon
card fon
561 236
مشترکین
-4424 ساعت
-1327 روز
-1 00130 روز
آرشیو پست ها
Sababoonni darbiinsa qormaata kutaa 12ffaa gadi aanaa ta’eef qoratamuu qabu-Koree Dhaabbii Sababni qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa dhibbeentaa 50 ol gadi aanaa ta’eef qoratamuu qaba jedhe Koreen Dhaabbii Dhimma Misooma Qabeenna Namaa, Hojii fi Teeknooloojii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa. Koreen Dhaabbii kun raawwii karoora kurmaana 2018 Ministeerri Barnootaa gamaaggamee jira. Waggoota shanan darban keessatti haaromsi sirna barnootaa irratti taasifame qulqullina barnootaa eeguu fi ilaalcha jijjiiruu irratti milkaa’aa ta’us, ammallee sirni barnootaa dhibbeentaa 100 rakkoo irraa bilisa miti jedhameera. Waggoota darbanii wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu lakkoofsi barattoota Qormaata Kutaa 12ffaa bara 2017 darban dabaleera, garuu baay'ina barattoota qormaata kanaaf taa'aniin wal bira qabamee yoo ilaalamu gadi aanaa ture. Akkasumas lakkoofsi barattoota Qormaata Biyyoolessaa kutaa 12ffaa taa'anii waggaa waggaadhaan hir'ataa dhufuu isaa eerameera. Waggoota afran darbanitti sirna barnootaa keessatti cabiinsa ture suphuudhaaf riifoormiin bal’aan hojiirra ooluu isaa kan beeysise yoo ta’u, amma sababoota rakkoolee sirna barnootaa keessatti mul’ataniif adda baasanii beekuun kan eegamu ta'uu kaaseera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
star reaction 1 331😁 37👍 28🤝 18🥰 9🕊 3
Photo unavailableShow in Telegram
"Tuttuqqii cimaa Eertiraan taasisaa jirtu obsinee waraanatti galuu dhiisne haa ta'u malee obsi kunis daangaa qaba"Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiwoos. Itoophiyaan “Eertiraan daangaa koo sarbite, garee hidhattootaa deeggarti, waraanatti akka hingalleef obsa guddaa agarsiisaa jirra garuu bara baraan hin obsinu” jette Itoophiyaan Eertiraan garee hidhattootaa daangaa koo keessa socho’an deeggaraa jirti, birmadummaa koos sarbaa jirti jechuun komachuun, buufanni doonii Asab xiyyeeffannoo duraa Itoophiyaa ta’uun akka itti fufu mirkaneessite. Haasaa Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiwoos Fooramii Horni Riviwuufi Yuunivarsiitii Finfinneetiin qophaa’uun Sadaasa 13 yuunivarsiitichatti taa’ame irratti taasiseen, hidda muddama Itoophiyaafi Eertiraa gidduutti uumamee irratti ibsa bal’aa kennuun, yaada furmaata jedhe dhiyeesse. Dabaluunis, tuttuqqii cimaa Eertiraan taasisaa jirtu obsinee waraanatti galuu dhiisne jechuun, obsi kunis daangaa akka qabu akeekkachiise. Kana malees, waraanni Eertiraa bakkeewwan kaaba Itoophiyaa hedduu too’ateera jechuun, bakkeewwan kunneen lafa Itoophiyaati jedhe. Eertiraan humnoota hidhatanii biyyattii keessa socho’an deeggaruun dhimma keessoo Itoophiyaa keessa galte jechuun himate. Haqawwan kunneen Itoophiyaaf mirga of ittisuu ni kennu jechuun, Itoophiyaan garuu obsa filachuun lolli naannawaa duraanuu cabe keessatti lolli hamaan akka hinkaane goote jechuun, obsi kun garuu akka daangaa hin qabneetti ilaalamuu hin qabu jechuun akeekkachiise. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
285😁 29👍 14🔥 13🥰 5👏 4🤯 4🕊 4
Photo unavailableShow in Telegram
Iraan agarsiisa Miisaa’elaafi Diroonii qopheessite. Eegduun Warraaqsaa Iraan magaalaa Teehiraanitti agarsiisa miisaa’ela baalaastikiifi diroonii qopheesse. Meeshaaleen waraanaa biyyattiin agarsiisaaf dhiyeessite dandeettii Raayyaa Ittisaa isii fi meeshaalee waraanaa hidhatte kan agarsiisan ta’uu ‘Euronews’ gabaaseera. Agarsiisa kanarratti dirooniiwwan haaraa dabalatee miisaa’eloonni baalaastikii fageenna dheeraa furguggifaman dhiyaachuun daawwatamaa jiru. Lammiileen biyyattii agarsiisa kana daawwatan amantaan dandeettii Raayyaa Ittisaa biyya isaaniirraa qaban dabaluu ibsaniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
166👍 24👏 11😁 10🎉 5🤯 2
Photo unavailableShow in Telegram
#update Sababa jijjiirama qilleensaa olaanaa naannawaa Israa’elitti mudatee tureen Tamsaasni Televizhiinii adda citee ture deebi’e Sababa jijjiirama qilleensaa olaanaa naannawaa Israa’elitti mudatee tureen humni teelee poortii dhaabbata saatalaayitii dhiyeessu ‘SES’ addaan citee ture. Tamsaasni Televizhiinii Faanaa fi Faanaa Pilaas akkasumas buufataalee televizhiinii biyya keenyaa hedduun adda citee ture yeroo tamsaasatti deebi’aniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
233👍 63🤯 19🔥 17🥰 8
Photo unavailableShow in Telegram
Ministeerri Barnootaa Doktoorummaa Kabajaatiin waammamuun hin danda'amu Jedhe. Mana Marii Bakka Bu’oota Uummataatti Koreen Dhaabbii Dhimmoota Misooma Qabeenya Namaa, Bobbii Hojii fi Teeknooloojii har’a raawwii hojii damee barnootaa kurmaana jalqabaa qorateera. Ministirri Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa, Doktorummaa kabajaa kennuu irratti dhaabbileen barnoota ol’aanoo adeemsa wal fakkaataa kan hinqabaanne ta’uu dubbatan. Rakkoo kana furuudhaaf akka biyyaatti qajeelfamni qophaahee hojiirra ooluuf akka jiru beeksisan. Kanaafuu dhaabbileen barnoota ol’aanoo kanaan booda haala kenniinsa Doktarummaa Kabajaa ilaalchisee akkaataa qajeelfama qophaaheen raawwachuu qabu jedhaniiru. Namoonni kabajni kennamuufis Doktara yookaan Doktara Kabajaa maqaa jedhu fayyadamuu akka hin dandeenye Pirofeesar Birhaanuun hubachiisaniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
😁 288 246👍 36💔 16👏 12🏆 12😢 6🤬 3🕊 1
Photo unavailableShow in Telegram
Tamsaasni Televijiinii addaan cite! Dhaabbata saatalaayitii SES Teleport jedhamutti Israa’el keessatti sababaa haala qilleensaa hamaa ta’een humni ibsaa addaan citee jira. Sababa kanaan tamsaasni TV Faanaa fi Faanaa Plus, akkasumas chaanaalii televijiinii biyya keennaa (Itiyoophiyaa) irra caalaan addaan citee jira. Tajaajilicha deebisuuf keessan hojjetamaa kan jiru tahuu FBC'n gabaaseera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
224😁 74👍 44🤯 20👏 13🤝 9😱 3🥰 1
Photo unavailableShow in Telegram
Boordiin mindaa xiqqaa murteessuu danda'u hundeeffamuun ifoome. Konfedereeshiniin Gamtaa Hojjetoota Itiyoophiyaa boordii mindaa xiqqaa murteessu hundeeffamuu isaa beeksiseera. Itti Gaafatamaan Hariiroo Dhimma Alaa fi Hawaasaa Konfedereeshinichaa obbo Ayyaaleew Ahmad akka jedhanitti, mindaa xiqqaan hojjettootaa kan murtaa’u qorannoo boordii bara bajataa kanatti dhiheesse irratti hundaa’uun ta’a jedhamee akka eegamu himan. Boordichi muuxannoo biyyoota biroo irraa fayyadamuun haala diinagdee biyyattii, galii hojjettootaa fi dhimmoota bu’uuraa biroo kan qoratu ta’uu kan himan itti gaafatamaan kun, boordii kun miseensota mootummaa, hojjechiistotaa fi Konfedereeshinii irraa kan ijaarame ta’uu ibsaniiru. Itti gaafatamaan kun daballiin mindaa hojjettoota mootummaa taasifamuus yaadachiisaniiru; kanneen miindaan isaanii hin dabalamnee fi kafaltii xiqqaa ta’e gabaa tokko keessatti qixaan daldalamuu waan hin dandeenneef bara baajataa kanatti mindaan xiqqaan murtaa’uu qaba. Hojjettoonni industirii fi dhaabbilee misooma dhuunfaa keessatti hojjetan mindaa xiqqaa waan argataniif, Konfedereeshiniin Gamtaa Hojjetoota Itiyoophiyaa irra deddeebiin mootummaan mindaa xiqqaa akka kaa’u gaafataa turuun isaa kan yaadatamuudha. Hogganaan boordii haala kanaan hundeeffame bu’aa qorannichaa irratti hundaa’uun bara baajataatti mindaan xiqqaan ni kaa’ama jedhamee kan eegama ta’uu eeraniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
410👍 61😱 25😁 14🤯 11👏 8🔥 1🥰 1🕊 1
Shakkamtootni Tajaajila geejjibaa waan kennan fakkeessuun bilbila mobaayilii hatan 7 to’ataman. Qajeelchi Muummee Poolisii Magaalaa Finfinnee shakkamtoota tajaajila geejjibaa waan kennan fakkeessuun bilbila mobaayilii hatuun “shuwaa shuwaa” taasisuun miliquuf Yaalan 7 to’achuun qorataa akka jiru beeksise. Shakkamtootni kunneen yakka kana kan raawwatan Kutaa Magaalaa Aqaaqii, Aanaa 9, bakka Koyyee Qiliinxoo jedhamutti akka ta’e poolisiin ibseera. Konkolaataa Minibaasii lakkoofsi gabatee isaa eerame keessatti miidhamaa dhuunfaaf waan tajaajila taaksii kennan fakkeessuun erga bilbila isaa hatanii booda, “Tiraafikiin nu adaba, gaabbiinaa seeni” jechuun erga inni bu’ee booda dhiisanii deemuu poolisiitti himeera. Dhiirota 5 fi dubartootni 2 yakka kanaan shakkaman hordoffii poolisiin taasiseen bilbiloota 9 harkaafi harkatti qabuu beeksiseera. Miidhamaan dhuunfaa shakkamtoota kanneen himates waan jiruuf, bilbilli isaa akka deebi’u taasisuun qorannoo itti fufuu poolisiin beeksiseera. Hawaasni yakki akkasii akka irrattin raawwatamneef dursee akka of eeggannoo isaa cimsu yaadachiisuun, wanta shakkisiisaa yoo arge ammoo qaama nageennaatiif eeruu kennuu akka qabu, Qajeelchi Muummee Poolisii Magaalaa Finfinnee dhaamee jira. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
391👍 95😁 60🔥 15👏 15
Haati daa'ima ishee dhagaadhaan buruksuun ajjeeste, hidhaa waggaa 10ttin adabamte. Kibba lixa Itiyoophiyaa keessatti Jireenyi natti ulfaateera jechuun haati daa'ima ishee waggaa tokkoo fi ji'a 6 dhagaan ajjeefte hidhaan waggaa kudhani irratti murteeffameera. Yakki kun kan raawwatame Godina Kafaa Aanaa Adio, Ganda Meraatti Yakki kun kan raawwatame yoo tahu, Himatamtuun maqaanshee Gennat Mengistuu Ganda Meeraatti Caamsaa 5/2017, ganama sa’aatii 2:00 irratti, Ijoolleeshii lakkuulee dhalatan keessaa daa'ima kichuu waggaa 1 fi ji’a 6, ganda Meraa keessatti haala gara jabinaan guutameen ajjeesuu ishii Daarektarri Hariiroo Hawaasaa fi Komunikeeshinii Komishinii Poolisii Naannoo Ummata Kibba Lixa Itiyoophiyaa Inispeektar Dejenee Assefaa, himan. Poolisiin Aanaa Adioo dubartii kana to'annaa jala oolchuun qorannaa taasisuun akka mirkaneessetti, himatamtuun Ganda Meeraa jiraattu irraa sababaa hojiif gara Magaala Finfinnee kan deemtee fi sababaa garaa godhatteef ammoo gara ganda duraan jiraataa turtetti deebi'uun daa'imman durbaa lakkuu lama nagadhaan kan deesseefi ijoollee ishii kanas waggaa tokkoo fi ji'a jahaaf jaalalaan kunuunsuun guddisaa kan turte tahuu poolisiin mirkaneesseera. Haa ta'u malee, haalli jireenya ishii rakkisaa waan dhufeef, Daa'ima lamaan keessaa ishii tokko bakka ishiin ciifte irraa fuutee ofirratti hammachuun gara bosona dhiyoo jirutti geessuun, mataa isii dhagaadhaan si'a lama rukutuun ajjeesuu ishii Himatamtuun jecha Amantummaa poolisii kennite ifoomseera. Poolisiin aanichaa galmee qorannoo qindeessee abbaa alangaaf dabarsee himannaa akka dhiyeessu taasifame. Galmee qorannoo Poolisii Aanaa Adio irraa argame bu’uura godhachuun, Waajjirri Haqaa Godina Kafaa himatamtuu seera yakkaa kwt 540 cabsuun himatamtuu irratti himata ajjeechaa irratti banuun Mana Murtii Ol’aanaa Godina Kafaatti dhiheessuun, Manni murtichaa ragaa abbaa alangaa erga dhaggeeffatee booda himatamtuun balleessaa raawwattee jirti jechuudhaan murtee kenneera. Haaluma kanaan Manni Murtii Ol’aanaa Godina Kafaa dhaddacha yakkaa Onkoloolessa 25/2018 gaggeeffameen himatamtuu Gennet Mengistuu irratti hidhaa waggaa 10 murteessuu inspeektarichi himaniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
67😭 49🤯 8💔 6😱 4
Photo unavailableShow in Telegram
Haati daa'ima ishee dhagaadhaan buruksuun ajjeeste, hidhaa waggaa 10ttin adabamte. Kibba lixa Itiyoophiyaa keessatti Jireenyi natti ulfaateera jechuun haati daa'ima ishee waggaa tokkoo fi ji'a 6 dhagaan ajjeefte hidhaan waggaa kudhani irratti murteeffameera. Yakki kun kan raawwatame Godina Kafaa Aanaa Adio, Ganda Meraatti Yakki kun kan raawwatame yoo tahu, Himatamtuun maqaanshee Gennat Mengistuu Ganda Meeraatti Caamsaa 5/2017, ganama sa’aatii 2:00 irratti, Ijoolleeshii lakkuulee dhalatan keessaa daa'ima kichuu waggaa 1 fi ji’a 6, ganda Meraa keessatti haala gara jabinaan guutameen ajjeesuu ishii Daarektarri Hariiroo Hawaasaa fi Komunikeeshinii Komishinii Poolisii Naannoo Ummata Kibba Lixa Itiyoophiyaa Inispeektar Dejenee Assefaa, himan. Poolisiin Aanaa Adioo dubartii kana to'annaa jala oolchuun qorannaa taasisuun akka mirkaneessetti, himatamtuun Ganda Meeraa jiraattu irraa sababaa hojiif gara Magaala Finfinnee kan deemtee fi sababaa garaa godhatteef ammoo gara ganda duraan jiraataa turtetti deebi'uun daa'imman durbaa lakkuu lama nagadhaan kan deesseefi ijoollee ishii kanas waggaa tokkoo fi ji'a jahaaf jaalalaan kunuunsuun guddisaa kan turte tahuu poolisiin mirkaneesseera. Haa ta'u malee, haalli jireenya ishii rakkisaa waan dhufeef, Daa'ima lamaan keessaa ishii tokko bakka ishiin ciifte irraa fuutee ofirratti hammachuun gara bosona dhiyoo jirutti geessuun, mataa isii dhagaadhaan si'a lama rukutuun ajjeesuu ishii Himatamtuun jecha Amantummaa poolisii kennite ifoomseera. Poolisiin aanichaa galmee qorannoo qindeessee abbaa alangaaf dabarsee himannaa akka dhiyeessu taasifame. Galmee qorannoo Poolisii Aanaa Adio irraa argame bu’uura godhachuun, Waajjirri Haqaa Godina Kafaa himatamtuu seera yakkaa kwt 540 cabsuun himatamtuu irratti himata ajjeechaa irratti banuun Mana Murtii Ol’aanaa Godina Kafaatti dhiheessuun, Manni murtichaa ragaa abbaa alangaa erga dhaggeeffatee booda himatamtuun balleessaa raawwattee jirti jechuudhaan murtee kenneera. Haaluma kanaan Manni Murtii Ol’aanaa Godina Kafaa dhaddacha yakkaa Onkoloolessa 25/2018 gaggeeffameen himatamtuu Gennet Mengistuu irratti hidhaa waggaa 10 murteessuu inspeektarichi himaniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
😭 298 293👍 17💔 12🥰 9😢 8🤯 6👏 1
Photo unavailableShow in Telegram
Tiiktookarri Beekamtuu Maalii Uummata Duratti Ajjeefamte Mootummaa fi loltoota deeggaru irratti viidiyoo maxxansuudhaan kan beekkamtu Tiktookari Maalii Mariame Cisse jedhamtu, hidhattootaan qabamtee, guyyaa itti aanu ammoo uummata duratti Akka ajjeefamte Hoggantoota magaalaa fi naannoo Tumbuktuu wabeeffachuun, AP n gabaaseera. Dhimmicha ilaalchisuudhaan Bulchaan magaalaa Tumbuktuu, Yehia Tandina, akka jedhetti: “Tiktookari Maariyame Cisse jedhamtu Jimaata darbe yeroo gabaa magaalaa Echel keessa jirtu hidhattoonni qabanii fudhatan. Guyyaa itti aanu galgala gara Dirree Bilisummaa magaalaa Tonkaa deebisanii uummata fuulduraatti ajjeesan,” jedhe. Bulchaan magaalaa Tonkaa, Mamadou Konipo, ajjeechaan sun dhugaa akka ta’e mirkaneesseera, garuu odeeffannoo dabalataa hin kennine. Naannoon Tonkaa kun daandii laga Negeer irratti argama; Tumbuktuu irraa km 150 fagaatee jira. Naannoon sunis bakka gareen al-Qaayidaa waliin hidhata qabu Jama’at Nusrat ul-Islam wa al-Muslimin (JNIM) jedhamu keessa socho’u ta’uu ni beekama. Haa ta’u malee, hanga ammaatti gareen tokko illee itti gaafatamummaa ajjeechaa kana hin fudhanne. Maariyame Cisse miseensa waraanaa hin turre, garuu yeroo baay’ee uffata waraanaa uffattee fi viidiyoo loltoota deeggaru maxxansuudhaan TikTok irratti nama beekamaa turte. Hanga du’aatti hordoftoota 140,000 ol qabdi turte. Oduun biraas akka agarsiisutti, guyyaa muraasa du’a ishee duras doorsisaa fi sodaachisaa argaa turte jedhama. Human Rights Watch fi dhaabbileen mirga namoomaa gochaa kana balaaleffatanii jiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
337😭 182👍 20💔 17👏 13🔥 7🥰 1
Photo unavailableShow in Telegram
Tiktookori Beekamtuu Maalii Uummata Duratti Ajjeefamte mootummaa fi loltoota deeggaru irratti viidiyoo maxxansuudhaan kan beekkamtu Tiktookari Maalii Mariame Cisse jedhamtu, hidhattootaan qabamtee, guyyaa itti aanu ammoo uummata duratti Akka ajjeefamte Hoggantoota magaalaa fi naannoo Tumbuktuu wabeeffachuun, AP n gabaaseera. Dhimmicha ilaalchisuudhaan Bulchaan magaalaa Tumbuktuu, Yehia Tandina, akka jedhetti: “Tiktookari Maariyame Cisse jedhamtu Jimaata darbe yeroo gabaa magaalaa Echel keessa jirtu hidhattoonni qabanii fudhatan. Guyyaa itti aanu galgala gara Dirree Bilisummaa magaalaa Tonkaa deebisanii uummata fuulduraatti ajjeesan,” jedhe. Bulchaan magaalaa Tonkaa, Mamadou Konipo, ajjeechaan sun dhugaa akka ta’e mirkaneesseera, garuu odeeffannoo dabalataa hin kennine. Naannoon Tonkaa kun daandii laga Negeer irratti argama; Tumbuktuu irraa km 150 fagaatee jira. Naannoon sunis bakka gareen al-Qaayidaa waliin hidhata qabu Jama’at Nusrat ul-Islam wa al-Muslimin (JNIM) jedhamu keessa socho’u ta’uu ni beekama. Haa ta’u malee, hanga ammaatti gareen tokko illee itti gaafatamummaa ajjeechaa kana hin fudhanne. Maariyame Cisse miseensa waraanaa hin turre, garuu yeroo baay’ee uffata waraanaa uffattee fi viidiyoo loltoota deeggaru maxxansuudhaan TikTok irratti nama beekamaa turte. Hanga du’aatti hordoftoota 140,000 ol qabdi turte. Oduun biraas akka agarsiisutti, guyyaa muraasa du’a ishee duras doorsisaa fi sodaachisaa argaa turte jedhama. Human Rights Watch fi dhaabbileen mirga namoomaa gochaa kana balaaleffatanii jiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
Oomoo Kibbaatti Dhukkubni Maalummaan isaa hin beekamne mul'ate jedhame. Dhukkubni maalummaan isaa hin beekamne Oomoo Kibbaa, hospiitala Jinkaa keessatti mul'ate jedhameera. Qabata dhukkubichaatiinis ogeessa fayyaa, doktarii tokko dabalatee namootni shan hanga ammaatti akka du'an himame. Akka maddeen gabaasanitti dhukkubichi jalqaba dhagna gubaa erga namatti fidee booda dhiigni qaama keessaa akka dhangala'u godha. Dhukkubni hamaan kun orgaanii qaamaa butuchee guyyoota sadii hanga shanii jidduutti du'aaf nama saaxila jedhameera. Wayita ammaa namootni dhukkubichaan qabaman hundi akka du'anis gabaafame. Dhukkubichis tuttuqqaadhaan nama irraa namatti kan darbuudha. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
376😢 255😱 56👍 47🤯 35😨 28🥰 20😘 8🕊 4🔥 1
Photo unavailableShow in Telegram
Tiraampi, Neetaniyaaf Dhiifamni akka Godhamu Gaafatan Ministirri Muummee Israa'el, Beenjaamiin Neetaaniyaahuun, yakka malaammaltummaatin himatamanii mana murtiitti deebii kennaa turan. Pirezidaantiin Ameerikaa, Doonaaldi Tiraampi ammoo himanni akka addaan cituuf dhiifamni godhamuuf, Pirezidaantii Israa'eel, Isaac Herzog gaafatan. "Hojii mana murtiifi adeemsa seeraa gatii dhoorgachuuf osoo hintaane, Beenjaamiin nama arnya qabeessa yeroo waraanaa qormaata keessa darbe, nageenyi ijaaruuf deemnu isa barbaada, kanaaf dhiifamni haa godhamuuf" jechuun barreessan. Itti dabalaniis, "himanni haqummaa hinqabu, dhiibbaa siyaasaatu keessa jira" jedhan Tiraampi. Akka xalayaan Tiraampi barreessan agarsiisutti "nageenya Jiddugala Bahaa kan wagga 3,000f waaressuuf yaadamaa ture, amma nu itti hirmaannee ijaaruuf deemna," waan ta'eef, Ministirri Muummee dhiifama argachuu qabu jedhan. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
283😁 56👍 20🫡 14🤯 8🤬 7🔥 4🥰 2👏 1
Photo unavailableShow in Telegram
Baankichi Dhaabbileef eeyyama tajaajila maallaqa daddabarsuu kennuu ilaalchisee ibsa kenne Baankiin Biyyoolessaa dhaabbilee garaa garaaf heyyama tajaajila daddabarsa maallaqaa kennee jira. Baankiin Biyyoolessaa Itiyoophiyaa tarree dhaabbilee jijjiirraa maallaqaa Itiyoophiyaatti tajaajila jijjiirraa maallaqaa kennuuf hayyamaman ummataaf gadhiise. Akka ibsa baankichaatti, kanaan dura tajaajila jijjiirraa maallaqaa akka hin kennine kan dhorkamee fi waajjira muummee isaa Falls Church, Virginia, USA keessatti kan qabu Ramada Pay (Kah) tajaajila isaa bal’inaan erga gamaaggamee booda tarree dhaabbilee maallaqa dabarsuu seera qabeessa ta’an keessatti deebi’eera. Baankichi murteen kun kan irra ga’ame bu’uura seeraa fi dambii biyyattiin dhaabbaticha irratti adeemsi dambii fi hordoffii barbaachisaa ta’e erga xumuramee booda ta’uu ibseera. Dhaabbileen daddabarsa maallaqaa irraa yeroo ammaa Ityoophiyaatti dhorkamanii jiran hundi ulaagaalee seeraa fi dambiiwwan biyyattii guutuuf tarkaanfii barbaachisaa ta’e akka fudhatan ibsi kenname kun ni akeeka. Ibsi kenname kun itti dabaluun namoonni biyya alaa jiraatan yeroo maallaqa gara Itiyoophiyaatti dabarsan hojimaata seera qabeessaa fi iftoomina qabu hordofuu akka qaban cimsee ibseera. Baankiin Biyyoolessaa Itiyoophiyaa tarree dhaabbilee maallaqa dabarsuu seera qabeessa ta’eef hayyama argatan marsariitii isaa https://nbe.gov.et/mta/ irratti kan maxxanse yoo tahu qaamoleen hawaasaa seenuun ilaaluu akka dandahan ibsa baase kanaan ifa godhee jira. Baankiin Biyyoolessaa Itiyoophiyaa tajaajila daddabarsa maallaqaa seera qabeessa ta’e dagaagsuuf ciminaan hojjechuu fi haala faayinaansii nageenya qabu, iftoominaa fi gahumsa qabu uumuun damee faayinaansii fayya qabeessa ta’e akka deeggaru ciminaan hojjechuu akka itti fufu ibseera. Baankichi ibsa baase kanaan kanaan dura tajaajila daddabarsa maallaqaa irraa dhorkamee kan ture Ramada Pay (Kaah) amma ulaagaa baankichaa waan guuteef eeyyamaan hojjechuu akka dandahu ifoomsee jira. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
198👍 26🥰 3👏 2
Photo unavailableShow in Telegram
Itiyoophiyaan konkolaattota dullooman marsaa marsaan dhabamsiisuuf ykn bakka buusuuf karoora qabdi, has ta'u malee yeroon hojiirra oolchu hin kaa'amne Tarkaanfiin kun qaama tattaaffii bal’aa geejjibaa qulqulluu dagaagsuu fi hirkattummaa boba’aa fosiilii hir’isuuf taasifamaa jiru ta’uu ministirri geejjibaa fi loojistikii kutaa biyyattii miidiyaalee dhuunfaa biyya keessaatti himaniiru. Tarkaanfiin kun xumuramuu waan hin dandeenyeef mootummaan gosoota umrii konkolaattota bakka bu’an ykn jijjiiraman gamaaggamaa jira. Inispeekshiniin kun uggura ifatti kaa’ame osoo hin taane, karoora suuta suutaan galmoota guddina magariisaa fi itti fufiinsa qabuu Itiyoophiyaa waliin walsimsiisuun hojiirra ooluudha. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
196👍 17😁 15🤩 12👏 9💔 6🥰 2🔥 1
Saayintistoonni Ardii 8ffaa argachuu ibsan! Qorattooni sirna lafaa ardii bade 'Zealandia' jedhamtu argachuu isaanii ibsan. Ardichi kanaan dura Qorataa biyya Neezarlaandiin jaarraa 17ffaa keessa argamee kan ture ta’uu kan eeran saayintistoonni kunniin, bal’inni ardichaa maayila iskuweerii miiliyoona 1.89 akka ta’e ibsaniiru. Ardichi bishaaniin kan guutame ta’uu Saayintistoonni Qorannoo taasisaniin ifa godhanii jiru. Ziilaandiyaan wayita ammaa Ardii 8ffaa taasifamuun beekamtii argachuu isiis ibsaniiru jedha gabaasni Deeyilii Meeyili. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
456😁 156👍 61😱 32🔥 16🫡 16🥰 13👏 9🆒 4
Photo unavailableShow in Telegram
Pireezidaantiin Yugaandaa biyya isaanii dabalatee Biyyoonni Afrikaa karri galaanaa itti cufamee jiru, Waraana banuu akka malan akeekkachiisan. Pireezidaanti Museeveeniin Yugaandaa fi biyyoonni Afrikaa Galaanaan hin marfamne biroon Daldalaa fi ittisa tarsiimoodhaaf kan murteessaa ta’e Galaanni Hindii yoo itti cufame, fuulduraaf gara waraanaatti galuu akka danda’an akeekkachiisaniiru. Pireezidaantichi sagantaa haasawa raadiyoo irratti haasawa taasisaniin, biyyi tokko galaana kana abbummaa qofa akka qabdu himachuu yaadni jedhu “maraatummaa” jechuun ibsaniiru. Biyyoonni Afrikaa Bahaa nageenna waliinii fi badhaadhinaaf walitti makamuu siyaasaa fi diinagdee akka saffisiisan dhaamaniiru. ''Caasaan siyaasaa amma Afrikaa keessatti mul'atu sababa qabeessa miti.Biyyoonni tokko tokko dhimma diinagdee fi ittisaaf Galaanaan marfamaniiru.Kun sirrii miti,'' jedhan. Pireezidaantichi “yaada ofittummaa” mootummoota qarqara galaanaa tokko tokko jedhanii waamu irratti mufachuu isaanii ibsuun, galaanonni fi buufata doonii ardii kana tajaajiluu qabu jedhan. ''Ugaandaan karra Galaanaan kan hin qabneedha. Galaanni kiyya eessa jira?Galaanni kiyya Galaana Hindiiti. Anillee mirga qaba. Warra qarqara galaanaa jiraniif qofa jechuun maraatummaadha,'' jedhan. Madaallii dhabuu kana tokkummaa fi tumsa naannootiin furuu dhabuun walitti bu’iinsa gara fuula duraatiif bu’uura kaa’uu akka danda’u akeekkachiisaniiru. “Fuulduratti waraanni ni jiraata,” jechuun akeekkachiisaniiru Museveniin, waraanni akkanaa daandii daldalaa naannoo fi dhaqqabummaa galaanaa irratti to’annoo haqa qabeessa hin taane irraa ka’uu akka danda’u ibsaniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
232👍 19🤯 4🤝 4👏 3
Photo unavailableShow in Telegram
Ummatoonni Sahel ‘ Qabasoo warraaqsaa’ keessa jiru jedha qondaalonni. barreessaan olaanaa Konfedereeshinii Ummatoota Saahel Houari Bouteflikan Ummanni Burkinaa Faasoo, Maalii fi Niijer hoggantoota isaanii cimsee deeggara jedhan. Deeggarsi kun “hamilee seenaa abbaa biyyummaa fi walabummaa dhugaa biyyoota Saahel ittisuu keessatti” hoggantoonni qaban irraa kan madde ta’uu dubbataniiru. Ouattara qabeenya ummataa eeguun barbaachisaa fi “warraaqsa dhugaa kamiyyuu dhagaa bu’uuraa” akka ta’e miidiyaaleen biyya keessaa ibsaniiru. Qondaalli kun bara 2022 irraa eegalee malaammaltummaa ittisuu fi sirna hawaasummaa deebisuun hojii dursaa kan taasise Ibraahim Tiraawuree jajataniiru. Qajeelfamni kun amma dargaggoota miliyoonaan lakkaa’aman guutuu Sahel keessatti kakaasaa jira jechuun Ouattara cimsanii dubbataniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
202👍 24👏 16🔥 6🤯 5
01:02
Video unavailableShow in Telegram
📣 ADS Gaarii Uffachuun Ofittii Amanamumma Nuuf Dabala Maarree Pirotokoolii Hacaaluu waliin Pirotokoolii keessan eeggadhaa, eebba keessan miidhagsadhaa 🌸 Hacaaluu Protocol 📍 Teessoo: Magaalaa Shaashamannee, Buufata Konkolaataa Haaraa – Gamoo Biiftuu Fuuldura 📞 Bilbila: 0900000095 📲 Teeleegiraama: @hachaluprotocol1 Beeksisa, oomisha ykn tajaajila keessan miidiyaa Abdii Sabaa irratti beeksisuu barbaaddaa? 👉 @AbdiiSabaaDm irratti nu qunnamaa! SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
IMG_0579.MP422.05 MB
92👍 4