ABDII SABAA
رفتن به کانال در Telegram
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! @Abdii_Sabaa 💬Contact Us💬 @AbdiiSabaaDm 🎯BARNOOTAAF @abdii_sabaa_university 🎯MARIIF @Garee_Abdii_Sabaa
نمایش بیشتر2025 سال در اعداد

561 164
مشترکین
-9524 ساعت
-2237 روز
-1 04730 روز
آرشیو پست ها
Photo unavailableShow in Telegram
Waggoota lamaaf cufamee kan ture yunivarsiitiin maqadalaaa Ambaa kaampaasiin makaana salaam bara kana Barattota simachuuf Akka ta'e himame.
sababa walwaraansa mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti taasifamaa tureen Waggoota lamaan darbaniif hojii isaa dhaabe kan ture Yuunivarsiitiin Maqadalaa Ambaa Kaampaasin Makaana Salaam, barana kana banamuun hojii idilee isaa akka eegalu ibsame.
amma nageenyi amansiisaan akka jiru kan himaan Daarektarri kaampaasichaa Obbo Abdurhamaan Awwal barattoota simachuuf qophii xumuruus dubbatan.
Kanuma hordofee sirna baruuf barsiisuu eegaluuf barattoota buleeyyi boru, Fulbaana 25, bara 2025 tti waamuu ibsuun barattoota irra rakkoon kamuu akka hin geenye hawaasni fi dhaabbatichi qophiidhas jedhame.
Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Maqadalaa Ambaa Kaasaa Shawwal (PHD) gama isaaniin kaampasichi qophii ta’uu mirkaneessuun, ammaaf kan simatan barattoota buleeyyii ta’uu himan.
hawaasni naannichaa barattoota akka ijoollee isaanitti simatanii baruumsaa fi jireenya hawaasummaa isaaniif haala akka mijeessaniif marii taasisuun gara hojii idilee isaaanitti deebi'uuf qophii ta'uu himan.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 340👍 19🔥 15🥰 12😁 12🤯 1
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU: Ga'eessa umrii 41 kan ta'e Lammiin Itiyoophiyaa obbo Haduush Gabrasilllaasee Yuunayitid Kiingidamtti yakka miidhaa saalaa geessise hidhaadhaan adabame.
Namni Kun koolu galtuummaan biyya UK kan jiraatu yoo ta'u shamarree umrii 14 irratti miidhaa saalaa raawwate jechuun hidhaa waggaa 1tiin adabame ture.
Yakkamaan Kun kan himatame yakka lamaan yoo ta'u, kunis miidhaa saalaafi yaalii saalqunnamtii shamarree irratti sochii saalqunnamtii irratti kakaasuu fi doorsisuutiin Akka ta'es himame.
Mana murtii Chelmsford Magistrates' murtii yeroo itti kennamu, abukaatoon isaa Moolly Dyaas, "fedhiin cimaan" Haadush biyyaa ari'amuu akka ta'e ibsan.
Akka Seera daangaa UK bara 2007 bahe jalatti ajajni biyyaa ari’uu kan kennamu yoo lammiin biyya alaa UK kesssatti yakka itti murtaa’een murteen kuni immoo yoo xiqqaate hidhaa ji’a 12 itti murame akka ta’e ibsaniru.
Abbaan murtii Kiriistoofar Wiiliyams murtii kennuudhaan koolu galaan kun ''balaa guddaa irra deebi'ee raawwachuu'' akka danda'u sodaa qabaachuu himan.
"Keessattuu Epping keessatti," abbaan murtii UK sababa gocha kanaatiin hiriira jumlaa bahamuuf fi sodaa daa'imman UK keessa jiran irrattis yaaddoo qabaachuu himanii jiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 287😁 72🤬 19👍 14🤗 8😱 5🔥 3🤯 2
Photo unavailableShow in Telegram
#ADS
Karaa salphaa namni kamuu muuxannoo tokko malee hojii hojjechuu doolaaraan kaffalamuu danda’u @ASBEKSPLATFORM
ASBEKS hojjechuu eegalaa.
Asbeks yeroo hojjettan doolaara tokko yeroo geessu kallattiin “Withdraw” taassifattee baafachuu dandeessa.
Asbeks guyyaa guyyaan siif kafala.
Dabalataan Doolaara 200 injifadhaa!
Asbeks sagantaa badhaasaa Doolaara 200 qopheessee jira , hojii kee hojjechaa, wanta dalagde baafachaa sadarkaa keessa kan baatu taanaan injifataa ni taata.
@asbeksplatform hordofuun hirmaadhaa.
Carraa Gaarii!
Karaa Tiiktookii hordofuuf👇👇👇
https://vm.tiktok.com/ZNdXGmxTU/
Karaa Teeligiraamaan hordofuuf
@asbeksplatform
Hojjechuu eegaluuf
https://t.me/asbeksbot/start/?startapp=myadrefNjMwNzk2NTQ2Mg
❤ 72👍 6🤬 6
Photo unavailableShow in Telegram
#ADS
Hojii salphaa namni kamuu doolaaraan kaffalamuu eegalu Asbeks hojjechuu eegalaa.

hooggantoonni biyyoota sadeenii mana murtii Idil-adduunyaa irrattii ibsa waliin baasan.
" Hooggantoota Maalii, Burkiinaa Faasoofi Nayijeeriyan "Manni Murtii Idil-Addunyaa Meeshaa Hacuuccaa Koloneeffattoota Si'anaati Waanta'eef Beekamtii Dhoorganneerra jedhan.
Biyyoonni kunneen manni murtii idil-addnyaa (ICC), meeshaa koloneeffattoonni si'anaa ittiin hooggantoota biyyoota kaanii hacuucaniin waan ta'eef, beekamtii hin kenninuuf jechuun waliin ibsa baasan.
Hooggantoonni biyyootaa Maalii, Burkiinaa Faasoofi Niijer,
Angoo mana muurtii dhaabbata biyyoota gamtoomaniitin deeggaramuu hin fudhannus jedhan.
Akka hooggantoonni sadiin kunneen jedhanitti manni murtii addunyaalessi, humna tokkollee hinqabu; yakka waraanaa, duguuggaa sanyiifi yakka ilmaan namaatirratti raawwatamu kamiiniyyuu nama itti gaafachiise hinqabu.
Hooggantoonni sadiin ibsa baasaniin "mana murtii aadaa keenya beeku tolfannas" jedhaniiru.
Haa ta'u malee Manni murtii idil-addunyaa ibsa jara sadiinii irratti deebii kenne hinqabu.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 484👍 102🔥 29😁 27👏 12🤯 8🥰 6
Walga'ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Niwu Yoorki keessatti gaggeeffame irratti biyyoonno paalastaayiin biyya Akka taatu beekkamtii Kennan ifooman
Faransaayi biyyoota Paalastaayin biyya akka taatuf beekamtii kennan keessaa isii tokko taate!
Faransaayi dabalatee hoggantoonni biyyoota ja'aa biyyoota Paalastaayin biyya akka taatuf beekamtii kennan akka ta'an Walga'ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Niwu Yoorki keessatti gaggeeffame irratti ifoomsan.
Biyyoonni akka Andooraa, Beeljiyeem, Luzenbargi, Maaltaa fi Monaakonis Paalastaayiniif beekamtii ni kennina jedhan.
Hoggantoonni Awustiraaliyaa, Kanaadaa, Biriiten fi Poorchugaal, kan dursanii Paalastaayiniif beekamtii kennan, walgahii kanarratti haasaa taasisan.
Imaanuyeel Maakroon, Pirezidaantiin Faransaayi, haasaa taasisaniin, “ kan asitti walitti qabamneef yeroon waan ga’eefi. Furmaanni biyya of danda’a lama ta’uu akka kennamu gochuuf waan dandeenyu hunda goonee itti gaafatamummaa keenya ni baana,” jechuun “Faransaayi ifatti Paalastaayiniif beekamtii kennitee jirti” jedhe.
Kannanis biyyoota miseensa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ta’an 193 keessaa biyyyoonni 147 haga ammaatti Paalastaayiniif beekamtii laatan.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 385🥰 31👍 16👏 7🤯 7
Photo unavailableShow in Telegram
Tibba kana siidaan mooticha Naqamtee kumsaa Morodaa kaafamuun isaa ijoo dubbii ta'ee ture.
Dhimmichaa ilaalchisuun Itti Gaafatamaan Waajjira Komnikeeshiinii magaalaa Naqamtee Obbo Dabalaa Tamasgeen ibsa kenaniiru.
Akkuma beekamu Siidaan Mooticha Leeqaa Naqamtee Kumsaa Morodaa handhuura daandii magaalaa Naqamteerra ture kaafamuun jiraattotatti gaaffii uumuun jidduu kana marsaalee hawaasaarra naanna'aa ture.
Sanbata xiqqaa darbe jechuunis Fulbaana 10 bara 2017 Naannoo Marfata 1ffaa irra yeroo darban namoonni arganii turan ibsuun, Dilbata barii manaa yeroo ba'an Siidaaa kana bakka isaatii dhabuus dubbatan.
Haaa ta'u malee Itti Gaafatamaan Waajjira Komnikeeshiinii magaalaa Naqamtee Obbo Dabalaa Tamasgeen Magaalaa Naqamtee keessatti hojiin misooma Koriidarii jalqabamaa akka jiru himuun siidaan kun yeroo hojii kanatti akka hin miidhamneef kabajaan kaafamuu dubbatanii jiru.
Siidaan kun yeroodhaaf akka ka'u taasifamuun Goda Hambaa Wallaggaa keessa akka kaa'amu kan taasifame Fulbaana 10 bara 2018 ta'uu itti dabaluun ibsaniiru.
Bakki Siidaan Kumsaa Morodaa irratti argamu Marfatni 1ffaa qaamuma misooma kooriidarii ta'ee akkaataa daawwattoataaf ta'utti misoomeefi miidhagee, hojiin isaa akkuma xummurameen Siidaan Kumsaa Morodaa bakkichatti akka deebifamus himaniiru.
Hawaasni odeeffannoo dogongoraa siidaan kun ni bade, akka manca'u taasifame akkasumas odeeffannoowwan kanneen biroo tasuma wal hin qabanne irraa akka of eeggatus kan himan Itti Gaafatamaan kun, Goda Hambaa ykn Muuziyemii Wallaggaa dhaquudhaan haala gaarii ta'een akka kaa'amu taasifamuu isaa ibsaniiru.
Siidaan isaanii amma Muuziyemii keessa ol kaa'ames, akkuma hojiin misooma koriidorii Marfata 1ffaa irratti taasifamu raawwatameen kabajaan akka bakkatti deebifamu ibsameera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 474👏 31🔥 10😁 10🤯 6👍 3🥰 3😱 2
Photo unavailableShow in Telegram
Tibba kaana siidaan mooticha Naqamtee kumsaa morodaa kaafamuun isaa ijoo dubbii ta'ee ture.
Dhimmichaa ilaaaalchisuun Itti Gaafatamaan Waajjira Komnikeeshiinii magaalaa Naqamtee Obbo Dabalaa Tamasgeen ibsa kenaniiru.
Akkuma beekamu Siidaan Mooticha Leeqaa Naqamtee Kumsaa Morodaa handhuura daandii magaalaa Naqamteerra ture kaafamuun jiraattotatti gaaffii uumuun jidduu kana marsaalee hawaasaarra naanna'aa ture.
Sanbata xiqqaa darbe jechuunis Fulbaana 10 bara 2017 Naannoo Marfata 1ffaa irra yeroo darban namoonni arganii turan ibsuun, Dilbata barii manaa yeroo ba'an Siidaaa kana bakka isaatii dhabuus dubbatan.
Haaa ta'u malee Itti Gaafatamaan Waajjira Komnikeeshiinii magaalaa Naqamtee Obbo Dabalaa Tamasgeen Magaalaa Naqamtee keessatti hojiin misooma Koriidarii jalqabamaa akka jiru himuun siidaan kun yeroo hojii kanatti akka hin miidhamneef kabajaan kaafamuu dubbatanii jiru.
Siidaan kun yeroodhaaf akka ka'u taasifamuun Goda Hambaa Wallaggaa keessa akka kaa'amu kan taasifame Fulbaana 10 bara 2018 ta'uu itti dabaluun ibsaniiru.
Bakki Siidaan Kumsaa Morodaa irratti argamu Marfatni 1ffaa qaamuma misooma kooriidarii ta'ee akkaataa daawwattoataaf ta'utti misoomeefi miidhagee, hojiin isaa akkuma xummurameen Siidaan Kumsaa Morodaa bakkichatti akka deebifamus himaniiru.
Hawaasni odeeffannoo dogongoraa siidaan kun ni bade, akka manca'u taasifame akkasumas odeeffannoowwan kanneen biroo tasuma wal hin qabanne irraa akka of eeggatus kan himan Itti Gaafatamaan kun, Goda Hambaa ykn Muuziyemii Wallaggaa dhaquudhaan haala gaarii ta'een akka kaa'amu taasifamuu isaa ibsaniiru.
Siidaan isaanii amma Muuziyemii keessa ol kaa'ames, akkuma hojiin misooma koriidorii Marfata 1ffaa irratti taasifamu raawwatameen kabajaan akka bakkatti deebifamu ibsameera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Photo unavailableShow in Telegram
Beeksisa
Barattoota bara barnootaa 2017 Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa darban hundaaf;
Barattoonni bara barnootaa 2017 Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa darbanii fi yunivarsiitiiwwan mootummaa Ministeera Barnootaa jala jiran keessatti bu’uura baasii qoodamuun (iskoolaarshiipii) barachuuf fedhii qaban filannoo yuunivarsiitii fi muimmee isaanii karaa bakka bu’oota mana barumsaa isaanii hanga Fulbaana 14, 2018tti sirreessuu ni danda’u.
Hubachiisa:
1. Yuunivarsiitiin Siivil Sarvisii Itiyoophiyaa bara barnootaa 2018 irraa eegalee barattoota damee barnootaa adda addaatiin akka fudhatu isin beeksifna.
2. ASTU fi AASTU filannoo keessaa hin galan
Ministeera Barnootaa.
Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa!
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 611👍 114😁 38😭 31🔥 29👏 19🤯 13🏆 12💘 2🥰 1
#ADS
Hojii salphaa namni kamuu doolaaraan kaffalamuu eegalu Asbeks hojjechuu eegalaa.
Asbeks yeroo hojjettan doolaara tokko yeroo geessu kallattiin “Withdraw” taassifattee baafachuu dandeessa.
Asbeks guyyaa guyyaan siif kafala.
Dabalataan Doolaara 200 injifadhaa!
Asbeks sagantaa badhaasaa Doolaara 200 qopheessee jira , hojii kee hojjechaa, wanta dalagde baafachaa sadarkaa keessa kan baatu taanaan injifataa ni taata.
@asbeksplatform hordofuun hirmaadhaa.
Carraa Gaarii!
Karaa Tiiktookii hordofuuf👇👇👇
https://vm.tiktok.com/ZNdXGmxTU/
Karaa Teeligiraamaan hordofuuf
@asbeksplatform
Hojjechuu eegaluuf
https://t.me/asbeksbot/start/?startapp=myadrefNjMwNzk2NTQ2Mg
❤ 214👍 18👏 13🔥 10😁 10🥰 9❤🔥 5🤯 2
Photo unavailableShow in Telegram
Dhaabbanni Humna Elektirikii Itiyoophiyaa Finfinne fi magaalota naannolee tokko tokko keessatti humni ibsaa addaan cituu beeksise.
Suphaa Sarara dabarsoo humnaa 132 kV Buufata Raabsaa magaalaa finfinneetti taasifamaa tureen rakkoo walitti bu’iimsa sararaaf ibsaan Finfinneefi magalotaa naannoolee tokko tokkoo keessatti adda cituu dhaabbati Humna Elektirikii Itiyoophiyaa ibseera.
"Rakkoo kana furuuf tattaaffii gochaa jirra, maamiltoonni keenya naannoo sararri Humna Elektirikii Itiyoophiyaa addaan citee obsaan akka eeggatan gaafanna" jedhaniiru.
Yeroo ammaa ibsaan bakkoota tokko tokkotti badee deebi’ee dhufaa jiraachuu maatiin miidiyaa @Abdii_sabaa gola magaalota Oromiyaa garaa garaa irraa eeraniiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 187👍 179🤝 19🥰 14🤯 6😱 1

#Komii hawwaasa
Godina Harargee lixaa Aanaa shanan dhuggoo.
Hawwaasni Godina Harargee lixaa Aanaa shanan dhuggoo rakkoo karaa ykn Daandii irraan kan ka'e Balaa konkolaataaf saaxilamaa jiraachuu himan.
Hawaasni Kun Akka jedhanittii "Daandiin Aanaa keenyaa deemsaaf baayyee rakkoo ta'uu isaarraan kan ka'e guyya guyyaan Balaa konkolaataaf saaxilamaa jirraa"jedhan.
Qaama Dhimmichi ilaallatuttiis iyyannee furmaata argachuu hin dandeenyee kan jedhan hawwaasni Kun rakkoon Daandii Kun furmaata Akka nuuf argatu barbaanna qaamni Dhimmichi ilaallatu deebii Akka itti nuuf kennu barbaannas jechuun komii isaanii dhiheeffatan.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 281👍 51😢 14😱 9🥰 6🔥 5❤🔥 1
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU:
Irreechi UNESCO'tti galmaa'uuf adeemsarra akka jiru ibsame.
Ayyaanni Galateeffannaa, Tokkummaafi Araaraa ta'e Irreechi UNESCO'tti galmaa'uuf adeemsarra jira jedhan Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobanaa Holaa.
Ayaanni Irreechaa kun Magaalaa Finfinnee keessatti hanga bara 1904'tti dhokaataanis ta'u geggeeffamaa turuu Abbaan Gadaa Goobanaa Holaa yaadachiisan.
Irreechi Hora Finfinneefi Harsadii bara kana karaa aadaa fi duudhaa isaa eeggateen akka geggeeffamuuf qophiin taasifamaa jiraachuu himaniiru.
Irreechii magaalaa Finfinnee keessaa dhiibamee bahaa turuu yaadachiisuun, waggaa hedduu booda deebi'ee Finfinneetti kabajamuu kan eegale bara 2012 irraa kaasee akka ta'e Abbaan Gadaa Goobanaa Hoolaa dubbataniiru.
Irreechi jaarmiyaa sirna Gadaa keessaa tokko ta'ee, Aadaa Uummata Oromoo, sirna galateeffannaa, guyyaa araaraa ,wagii, eebbaa fi hawwii gaarii falaasama Oromoon qabuun ol'aantummaa fi humna Waaqaa addunyaaf itti ibsan, milkiimanni gaariin kan ittiin argamuu fi mallattoo ifaa ta'uu Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobanaa Hoolaa himan.
Irreechi haada tokkummaa dhala namaa amantaa, aadaa, afaan, siyaasaa fi hawaasummaan walitti hidhuu fi jaalala waloo dippiloomaasii fi kominikeeshinii ta'uus kan kaasan Abbaan Gadaa kun, Oromoon walii isaa, sabaaf sab-lammii Itiyoophiyaa fi lammiile biyya alaa kan tokkummaa fi walitti dhufeenna biyyootaa ittiin mul'isan ta'uus eeraniiru.
Irreechi UNESCO'tti akka galmaa'uuf adeemsarra jiraachuu kan himan Abbaan Gadaa Goobanaa Hoolaa, kabaja bara kanaa irrattis karaa nagaa fi duudhaa isaa Ganamaa eeggateen irratti hirmaachuun murteessaa ta'uu himaniiru.
Bara kanas, Finfinneetti irra deebiin kabajamuu erga eegalee yeroo 7ffaaf karaa aadaa fi duudhaa isaa eeggateen kabajamuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Abbaan Gadaa Oromoo Tuulamaa Goobanaa Hoolaa ibsaniiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 376👍 62🥰 13🔥 8😁 8😘 7❤🔥 4🤬 3🤯 2👏 1
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU: Balaa muudateen loltoonni gameeyyiin US afur du'an.
Helikooptarri Waashingitanitti kufuun loltoonnii US jajjaboon lubbuun isaanii darbuun ibsame.
Akka humninwaraanaa US jedhanitti Helikooptarri Black Hawk jedhamuun beekamuun Bulchiinsa Waashingitanitti kufee caccabuun lubbuun loltoota oppireeshinii addaarra turan afur darbuu himan.
Loltoonni kunneen osoo fagootti ba'anii shaakalliirra jiranii helikooptarri ittiin kufun ibsame.
Helikooptarri Sikorsky UH-60 Black Hawk naannawaa buufata Joint Base Lewis-McChord jedhamutti gaafa Roobii caccabe jedhan Kaaba Kaalifoorniyaa ajaja waraanaa Fort Bragg jedhamutti dubbi himaan oppireeshinii addaa humna waraanaa US Jaakuwi Hiil.
Loltoota xiyyaara kana keessa turan afran keessaa namni lubbuun ba'e hin jiru.
Loltoonni shaakallii Lewis-McChord jedhamuuf bobbaafaman kunneen miseensota Reejimantii Oppireeshinii Aviyeeshinii Addaa 160ffaa, Bataaliyoonii 4ffaa- 160th Special Operations Aviation Regiment, 4th Battalion turan.
Leetinaant Jeneraal Joonaataan Biraagaa waa'ee loltoota gameeyyii lubbuun darbanii akkas jechuun ibse.
''Loltoota gameeyyii duudhaa humna waraanaa keennaa tiysanii asiin ga'aniidha. Mallattoo oppireeshinii addaa humna waraanaa keennaa turan. Wareegamni isaanii yoomuu hin dagatamu.'' jedhan.
Qondaalli waraanaa, Hiil, fageenyarraa kan ka'e bakka balaan kun itti muudate dhaqqabuun rakkisaa ta'eera jedhan.
Wayita balaan kun muudatu ibidda uumame bosona keessaa ol ka'ee mul'ataa turuu CBS'gabaaseera.
Lubbuu baraartonni Jimaatarraa eegalanii garasitti bobba'anii hojiitti jiru.Ka'umsi balaa kanaa ammallee qoratamaa jiras jedhan
Humni waraanaa hojiin lubbuu baraaruu itti fufee akka jiruu fi ammallee maqaan namoota du'anii akka adda hin baane ibse.
Ajajaan Humna waraanaa Oppireeshinii Addaa US Joonaataan Biraagaa ''ogeeyyii loltoota keenna manatti deebisuuf humnaasaanii osoo hin qusatin boqonnaa tokko malee hojjetan ni galateeffanna,'' jedhan.
Buufatni shaakallii waraanaa -Joint Base Lewis-McChord jedhamu Waashingitan kibba Takomatti argama.
Onkoloolessa 2024 keessas jeettiin waraanaa US Waashingitan naannawa gaara Raayiniir jedhamuutti kufuun lubbuun loltoota lamaa darbeera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 541😭 111👍 69👏 30😁 26🙏 22💔 19🥰 17😢 17🤯 16🤬 12
Pirezidaantiin dhimoota Islaamummaa Itoophiyaa Dr Sheek Haaji Ibraahim Tufaan barataa Kaalid Bashir jajjabeessan
Prezidaantiin Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Dr. Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa, barataa Kutaa 12ffaa bara 2017 A.L. qormaata biyyaalessaa irratti bu’aa olaanaa galmeesse, Kaalid Bashiir Hasaniin Galateeffatan.
Qormaata biyyoolessaa barattoota 585,880 keessaa, Kaalid bu’aa 591/600 galmeessuun 1ffaa ka ba’e Prezidaantichi “Bu’aan isaa fakkeenya barattoota biroof ni ta’a” jedhaniiru.
Dabalataanis, Majliisni, akka kaka’umsa fi onnee dabalaa ta’uuf, barataa Kaalid Bashiir Hasan fi haadha isaatiif tajaajila Umraa yeroo barbaadan itti fayyadaman akka kennamuuf beeksisaniiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 837👍 84👏 73😁 51🔥 25🤯 3
Pirezidaantiin dhimoota Islaamummaa Itoophiyaa Dr Sheek Haaji Ibraahim Tufaan barataa Kaalid Bashir jajjabeessan
Prezidaantiin Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Dr. Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa, barataa Kutaa 12ffaa bara 2017 A.L. qormaata biyyaalessaa irratti bu’aa olaanaa galmeesse, Kaalid Bashiir Hasaniin Galateeffatan.
Qormaata biyyoolessaa barattoota 585,880 keessaa, Kaalid bu’aa 591/600 galmeessuun 1ffaa ka ba’e Prezidaantichi “Bu’aan isaa fakkeenya barattoota biroof ni ta’a” jedhaniiru.
Dabalataanis, Majliisni, akka kaka’umsa fi onnee dabalaa ta’uuf, barataa Kaalid Bashiir Hasan fi haadha isaatiif tajaajila Umraa yeroo barbaadan itti fayyadama akka kennamuuf beeksisan.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 2
Photo unavailableShow in Telegram
#ADS
Asbeks hojjechuu eegalaa.
Asbeks yeroo hojjettan doolaara tokko yeroo geessu kallattiin “Withdraw” taassifattee baafachuu dandeessa.
Asbeks guyyaa guyyaan siif kafala.
Dabalataan Doolaara 200 injifadhaa!
Asbeks sagantaa badhaasaa Doolaara 200 qopheessee jira , hojii kee hojjechaa, wanta dalagde baafachaa sadarkaa keessa kan baatu taanaan injifataa ni taata.
@asbeksplatform hordofuun hirmaadhaa.
Carraa Gaarii!
Karaa Tiiktookii hordofuuf👇👇👇
https://vm.tiktok.com/ZNdXGmxTU/
Karaa Teeligiraamaan hordofuuf
@asbeksplatform
Hojjechuu eegaluuf
https://t.me/asbeksbot/start/?startapp=myadrefNjMwNzk2NTQ2Mg
❤ 179👍 35😁 13👏 12🔥 9🤯 8🥰 5🤬 5
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU MUUDAMAA
MM FDRI Dr Abiy Ahimad mudamoota garaagaraa kennan.
Kanuma hordofee Dooktar Iyyoob Takkaallinyi Bulchaa Baankii Biyyaalessaa ta’uun mudaman.
Muudamoonni kennaman Akka armaan gadiitti ibsameera.
1.Dooktar Iyyoob Takkaallinyi Bulchaa Baankii Biyyaalessaa fi
2.Aadde Innaataaleem Mallas Sadarkaa Ministiraatti Hoggantuu Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa ta’uun mudamaniiru.
Hoggantoonni kunneen Fulbaana 9, 2018 eegalanii mudamuu isaanii ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 458👍 64😁 46🥰 15👏 9😱 2
Photo unavailableShow in Telegram
#MWU
#Komii
Yuunivarsiitiin madda walaabuu dhaabbilee barnootaa ol'aanoo biyya teenyaa dhaloota 2ffaa jedhaman keeysa takka taatuus waggoota muraasa waamicha barattoota yeroon godhuu dhabuu irraa kan ka'e barattootni idilee moorichaa koollejjii fayyaa dabalatee sababa kanaaf komii akka qaban dubbatan.
Akka barattoonni jedhanitti yeroo itti Yuunivarsiitiin hundi waamicha taasiftee hiriyyootni keenya gara barnootaa deebi'uun barachaa jiran kanatti Yuunivarsiitii teenya waan takka ibsa kan hin baasin jira jedhan barattoonni. Kun ammoo barattoonni waliiin batch takka taanee biyyarraa deemne kan sem 1 nu caale jira warri waggaa nu dursuus jira jedhan sababa Yuunivarsiitichi yeroon nu waamee barnootaa yeroon nun eegalchiisiniif jecha amma inumayyuu xiin-sammuu keenya irratti dhiibbaa nu tahas jira jechuun komatan.
Addatti barattoonni koollejjii fayyaa Mooraa gobbaa keeysa jiran yeroon waamamnee barnootaa keenya eegaluu dhabuurraan kan ka'e barattoonni waggaa tokko wajji department seenne waggaa 1kko nu dursaa jiru jedhan kanaaf yeroon keenya gubachaa nutiis yaaddoo keeysa galaa jirra jechuun komii isaanii irra dedeeebiin miidiyaa Abdii Sabaaf dhiyeessan.
Dhimmicha adda baasuuf qaama dhimmi kun kallattiin ilaallatuufi hooggansa Yuunivarsitichaa qunnamuuf yaalii nuti taasisne kan hin milkoofne yommuu ta’u, odeeffannoo addaa akkuma arganneen kan isin beeksisnu ta’a.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 357👍 83👏 15😁 15🔥 9🤯 4😱 4