fa
Feedback
ABDII SABAA

ABDII SABAA

رفتن به کانال در Telegram

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! @Abdii_Sabaa 💬Contact Us💬 @AbdiiSabaaDm 🎯BARNOOTAAF @abdii_sabaa_university 🎯MARIIF @Garee_Abdii_Sabaa

نمایش بیشتر
2025 سال در اعدادsnowflakes fon
card fon
561 218
مشترکین
-4424 ساعت
-1327 روز
-1 00130 روز
آرشیو پست ها
Photo unavailableShow in Telegram
Eloon Musk — daldalaa addunyaa keessatti nama jalqabaa doolaara tiriliyoona tokko argate ta’uu danda’a jedhamera. Tesla Inc. hoji gaggeessaa olaanaa isaa, Eloon Muskfi  kaffaltii doolaara tiriliyoona tokko (1 trillion) raggaasisefi. Murteen abbootii aksiyoonaa Tesla Kamisa halkan darbe  kennan kun falmii cimaa addunyaa irratti kaasuu danda’eera. Kanaafis, Eloon Musk — daldalaa addunyaa keessatti nama jalqabaa doolaara tiriliyoona tokko argate ta’uu danda’a jedhamera. Abbootiin aksiyoonaa Tesla walgahii waggaa isaanii irratti oduu gammachiisaa kana dhaga’anii jiru. Dhibbeentaan 75% abbootii aksiyoonaa paakeejii kaffaltii kanaaf sagalee deeggarsaa kennaniiru. Haa ta’u malee, gaheen Eloon Musk — kan dhaabbaticha keessaa dhibbeentaa 15 ta’e — sagalee sana keessatti hin hammatamne. Deeggarsi abbootii aksiyoonaa kun daawwattoota walgahii sana irratti hirmaatan gammachiise; namoonni hedduun harka rukutuun fi sagalee gammachuu dhageessisuun haalan simataniiru jechuun CNN gabaaseera. Eloon Musk kanaan dura mindaa tokkollee Tesla irraa fudhatehin Beekuu. Beenyaan amma mirkanaa’e kunis maallaqaan osoo hin taane, bifa aksiyoonaatiin kennamee. Waggoota kurnan dhufaniif, Eloon Musk aksiyoona Tesla dabalataa miiliyoona 423.7 argachuun ni danda’a jedhameera SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
232👍 52😁 14🔥 13😱 13🫡 8🤯 5💔 3🥰 1😨 1
#ADS Yuunivarsitii Amboo mooraa Walisoo Gaafaa Guyya 29/2/218/ Dhabbanni Keenyaa Hacaluu Pirotokool Waan Dhufuuf Ebbifamtoonnii Bara 2018 Hundi Kessan Qophiin Nu Eegaa👌 Yuunivarsitii Amboo Mooraa guddicha Gaafa Guyyaa 1/3/218/Guyya Wixata Yuunivarsitii Amboo mooraa Maammoo Mazammir/Gudar 2/3/218/ Guyyaa kibxata kan dhufnu ta’a. Pirotokoolii Hacaaluu waliin Pirotokoolii keessan eeggadhaa! Waggaa hedduuf dadhabdanii barattanii Firii dadhabbii keessanii yeroo itti argitanitti Bareeddanii iftanii akka mul’attan … ’Pirotokolii Haacaaluu …Filadhaa !! Eebba keessan miidhagsuuf gammachuu keessan qooddachuuf ‘ Uffannaa dhiiraa Ammayyaa , dizaanii jaallattaniin, Qulqullina olaanaan Barattootaaf …. Hirrifama Gatii Madaalawan…. Yunivarsiitii ykn Kolleejjii keessanitti wal qindeessuun yoo nu affeertan dhufnee safara keessan fudhachuun …. Eebba keessan miidhagsuuf as jirra. Pirotokoolii Haacaaluu!! Teessoon: Magaalaa Shaashamannee: Buufata Konkolaataa Haaraa Gamoo Biiftuu Fuuldura. Lakk. Bilb:0900000095 Karaa Teelegiraama mu hordofaa @hachaluprotocol1 Tajaajilaafi oomisha keessan miidiyaa Abdii Sabaa irratti beeksifachuuf @AbdiiSabaaDm qunnamaa. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
304👏 26👍 15🔥 7😨 4🤬 3😁 2🤯 2
Photo unavailableShow in Telegram
Komii hawaasa Godina shawaa bahaa Aanaa Lummee. Hawaasni Godina shawaa bahaa Aanaa Lummee Ganda Nanawaa keessa jiraaatan rakkoo isaan muudatee fi komii isaanii dhiheeffatan. Hawaasni gandichaa hojii qonnaatiin kan jiraatanii fi maatii isaaniis gama horsiisa Beeyladaa fi qonnaan kan jiraachisanidha. "Gaafa guyyaa 21/2/2018 Walgahii nu teessisuun hanga guyyaa 24/2/2018 tti taaksii(gibira) kaffaluu qabdu.guyyaa kana darbinaan adabbii waliin dachaa kan kaffaltan ta'a"jechuun qaamni mootummaa nu akeekkachiisuu irratti argamu jedhan "Nuti kaffaluu didne osoo hin taane yeroo gabaabaa kana keessatti Akkamitti kaffaluu dandeenya?Jireenya keenya Kan geggeessinu hojii qonnaatiin yoo ta'u yeroo kana ammoo midhaan(oomisha) sassabame waan hin qabneef ariitii kanaan kaffaluuf nu rakkisa"jechuun yaada isaanii kan ibsatan yoo ta'u waanuma qabdan gurguraa kaffalaa jechuun deebii nuuf kennanis jedhan. Kanaafu dhimma kanaaf furmaata barbaannaan yaada hawaasa Godina shawaa bahaa Aanaa Lummee Ganda Nanawaa yoo ta'u qaamni Dhimmichi ilaallatu deebii Akka Itti nuuf kennu barbaannas jedhan. Haa ta'u malee Dhimmi kun Hawaasa Gandichaa qofa irraa osoo hin taane Godinaalee,Aanaa fi gandoota Naannoo Oromiyaa iddoo garaa garaatii bal'inaan dhagaahamaa Jira. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
337👍 53😢 20🔥 15😁 13💔 12😱 8👏 5👌 2🥰 1
Photo unavailableShow in Telegram
Itti gaafatamaan waajjira mirga namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii addunyaan waraana biyya keessaa Suudaan dagattee jirti jechuun qeeqan. Volker Turki akka jedhanitti ajjeechaa guyya guyyaan namoota nagaa fi miseensota maatii irratti raawwatamaa jiru dhaabuuf tarkaanfiin tokkollee fudhatamuu dhabuun Addunyaa dhimma akanaaf gurra kennuu dhabuu ta'uu ibsuun tarkaanfiin barbaachisaan hatattamaan fudhatamuu akka qabu waamicha dhiyeessan Volker akka himanitti, lola waraana biyyattii fi loltoota humna dafee dhaqqabaa RSF jidduutti raawwatameen ajjeechaa fi dhiittaan mirga namoomaa raawwatamaa ture. Goolama wagga lamaatti dhiyaatu kanaan lammileen kuma 15,000 ajjeefamuu fi kuma dhibban kana lakka'aman buqqaatiif saaxilamuun ragaaleen kan mul'isan Ameerikaan ammoo duguuggaan sanyii biyyatti keessatti gaggeefamaa jirachuu ibsiteerti. Obbo Voolker akka jedhanitti hawaasni addunyaa loltoota RSF irratti dhiibbaa gochuun duguuggaa sanyii, gudeeddii, fi dhumaatii Suudaan keessatti raawwatamaa jiru akka xummuran gochuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
374👍 32😭 22💔 16👏 9🔥 6🤯 1😱 1🕊 1
Photo unavailableShow in Telegram
Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Affaar Gareen ABUT walii galtee Piriitooriyaa ifaafi ifatti cabseera jechuun ibse. Gareen ABUT daangaa Affaar cabsee seenuudhaan lammilee nagaa irratti dhukaasa banuun walii galtee Piriitooriyaa ifaafi ifatti cabseera jechuun Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Affaar beeksise. Ibsi Waajjira Koomunikeeshinii Affaar, ABUT ollaa Affaar jaha to’achuun booda jiraattota nagaa meeshaa waraanaa akka Moortaari fi Zuu-23 ‘n miidhaa irra geessisuun hojii shororkeessummaa isaa ifatti jalqabeera jedhe. Biiroon Koomunikeeshinii Naannoo Affaar daqiiqaan dura Ibsa maxxanseen, gareen ABUT Affaar, Aanaa Magaallee Ganda Toonsaa bakka Warra’aa fi Milkii jedhamanutti daangaa qaxxaamuruun ce’uun harra Sadaasa 05, 2025, haleellaa namoota nagaa irratti banuun waliigaltee Piritooriyaa ifatti diigeera jedhe. Gareen ABUT yoo balaa geessisuuf dhufu abbootiin Affaar kadhatanus garechi diduu kan eere ibsi bulchiisa Naannoo Affaar, gareen kun taatee akkasiirraa yoo of hin qusanne ta’e, nageenya jiraattota naanochaa eeguu fi akkasumas haleellaa qaama alaa kamuu qolachuuf itti gaafatamummaa isaa akka bahu Bulchiinsi Mootummaa Affaar ibseera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
359😭 160👍 26💔 17😁 16🔥 7🤯 7🕊 4
#ADS Pirotokoolii Haacaaluu Waggaa hedduuf dadhabdanii barattanii Firii dadhabbii keessanii yeroo itti argitanitti Bareeddanii iftanii akka mul’attan  … ’Pirotokolii Haacaaluu …Filadhaa !!   Eebba keessan miidhagsuuf gammachuu keessan qooddachuuf ‘ Uffannaa dhiiraa Ammayyaa , dizaanii jaallattaniin, Qulqullina olaanaan Barattootaaf …. Hirrifama Gatii Madaalawan…. Yunivarsiitii ykn Kolleejjii keessanitti wal qindeessuun yoo nu affeertan dhufnee safara keessan fudhachuun  …. Eebba keessan miidhagsuuf as jirra. Maarree Boru gaafa guyyaa 26/2/218 Yuunivarsitii Waachaamootti qaaman dhufna sababa ta’eef eebbifamtoonni mooraa Sanaa qophiidhaan nu eegaa. Dabalataan Gaafa guyyaa 28/2/218/ Yuunivarsitii Walayitaa sooddoo kan dhufnu ta’a. Pirotokoolii Hacaaluu waliin Pirotokoolii keessan eeggadhaa! Pirotokoolii Haacaaluu!! Teessoon: Magaalaa Shaashamannee: Buufata Konkolaataa Haaraa Gamoo Biiftuu Fuuldura. Lakk. Bilb:0900000095 https://t.me/hachaluprotocol1 Tajaajilaafi oomisha keessan miidiyaa @Abdii_Sabaa irratti beeksifachuuf @AbdiiSabaaDm qunnamaa. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
252👍 41👏 14🥰 2
Photo unavailableShow in Telegram
Obaamaa dabalatee namoonni siyaasaa Ameerikaa filamuu Maamdaanii irratti yaada kennan. "amma egereen xiqqoo kan ife fakkaata, garuu hojiin hojjetamu baayyeen hafee jira,'' -Pirezidantiin duraanii Ameerikaa Baaraak Obaamaa. Hogganaan mana maree wayyabaa Hakiim Jeefrii, hamma sa'atii dhumaatti deeggarsa Maamdaaniif qabu otoo hin agarsiisine turee boodarra ifatti kan deegareenii yoo tahu, ''Donaaldi Tiraampiifi Rippaabliikaanoti qaala'insa jireenyaa hir'isuuf homaa hin goone. Uummati hojjetaa Ameerikaa kana ni beeka,'' jedhe. Gama biraan seenaatar Barnii Saandars injifannoon Maamdaanii ''seenaa ammayyaa Ameerikaa keessatti kan taha jedhamee hin eegamne dha,'' jedhan. Namoonni Paartii Rippaablii kaanaas akkasuma yaada kennaniiru, Tiraamp yaada miidiyaa hawaasaa irratti kennaniin, ''Tiraamp filannoo keessa hin turre,'' cufamuun waajiraalee mootummaa mo'icha Demookiraatotaaf sababa tahuu himan. Maayik Joonsan af-yaa'iin mana maree Maamdaaniidhaan ''finxaalessaafi Maakisiistii dha,'' jedhaniin ''Filamuunsaa Paartiin Demookiraatii gara paartii soshaalistiitti geeddaramuu agarsiisa,'' jedhan. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
393🔥 29😁 26👍 4🙏 3
Photo unavailableShow in Telegram
balaa xiyyaara fe'umsaa irra ga'een lubbuun namoota darbe Xiyyaari Kun Ameerikaa Bulchiinsa keentaakiitti fe'umsaa Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Luwiisviil Muhaammad irraa ka'aa kan ture yoo ta'u kufee caccabuun lubbuun namoota torbaa darbeera. " balichi kibxata galgala kan mudate yoo tau, xiyyaarichi erga ka'ee booda baay'ee utuu hin turin dho'uudhaan kan uumamee dha"jechuun Bulchaan keentaakii Andii Beesher himan. Balaa kanaan lubbuu namootaa darbeen alattis, namoota 11 irra midhaan kan qaqqabuu fi baay'inni namoota du'anii dabaluu akka danda'u eeraniiru. Boba'aa gaalonii kuma 38 fe'ee gara Honooluulluutti deemuuf Ka'aa Kan ture Xiyyaarri kun daandii ittiin ol ka'u irraa sigigaatee gamoowwan naannoo jiranitti rukutamuun dhaabbilee daldalaa lama mancaasuun ibidda guddaa uumeera. Ibiddi balaa kanaan uumame garri caalu kan to'atame you ta'u, sababa balaa kanaa baruuf qoratamaa jiraachuunis eerameera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
197😢 51😱 14👍 3🤯 3🔥 2🥰 2
Shakkamtoonni dhukkubsataa fakkeessanii nama fayyaa qabuun hawaasarraa maallaqa Kadhachaa turan To’ataman. Magaalaa Finfinneetti Shakkamtoonni dhukkubsataa fakkeessanii nama fayyaa qabu konkolaataa keessa ciibsuun ittiin Kadhachaa turan to’annoo jala oolfamuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise. Akka Poolisiin beeksisetti, Shakkamtoonni kunneen magaalattii keessaa bakkee gara garaa keessa imalanii ragaa sobaa fayyadamuun dhukkubsataa fakkeessanii nama fayyaa qabu konkolaataa keessa akka ciisu gochuun hawaasa irraa maallaqa walitti qabaa turan. Shakkamtoonni kunniin, konkolaataa minibaasii kireeffachuun Dargaggeessa tokko dhukkubsataa fakkeessanii hawaasa irraa maallaqa walitti qabaa kan turan yoo ta’u, naannoo Addabaabayii Ayaat jedhamutti to’annoo jala oolfaman. Sakatta'iinsa konkolaataa kanarratti taasifameen birrii kuma 23 fi 325 maqaa gargaarsaatiin argameera. Akkasumas sanadni yaalaa sobaa fi xalayaan deeggarsaa argamuu fi sanadoonni kunneen erga poolisiin sakatta’ee booda soba ta’uun isaanii mirkanaa’uunis ifoomeera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
185😁 168👍 34👏 17😢 10🤯 4🔥 3🤗 1
Photo unavailableShow in Telegram
Muslima yeroo jalqabaaf kantiibaa magaalaa NiwYoork ta’e. Maamdani Zohraan filannoo kantiibaa magaalaa Niiwyoork injifachuun Muslima yeroo jalqabaaf kantiibaa magaalaa Niiwyoork ta’uun seenaa dalage. Dhibbeentaa 94iin ka injifate Momdaaniin kantiiba dargaggeessa gannaa 34 jaarraa darbanii ta’eera. Momdaaniin duula na filadhaa addaa geggeessuun onnee ummata magaalaa Niwyoork kan injifae yommuu ta’u , Israa’eliin dirree irratti qeequunis kan beekamudha. Momdaaniin Andriiw kuumoo injifachuun guyyaa harraa kantiibaa magaalaa gudditti Ameerikaa Niiwyork ta’uun filatameera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
star reaction 1 597👍 90🥰 40😁 38💔 10👏 9🤯 5🔥 2
#ADS Pirotokoolii Haacaaluu Waggaa hedduuf dadhabdanii barattanii Firii dadhabbii keessanii yeroo itti argitanitti Bareeddanii iftanii akka mul’attan  … ’Pirotokolii Haacaaluu …Filadhaa !!   Eebba keessan miidhagsuuf gammachuu keessan qooddachuuf ‘ Uffannaa dhiiraa Ammayyaa , dizaanii jaallattaniin, Qulqullina olaanaan Barattootaaf …. Hirrifama Gatii Madaalawan…. Yunivarsiitii ykn Kolleejjii keessanitti wal qindeessuun yoo nu affeertan dhufnee safara keessan fudhachuun  …. Eebba keessan miidhagsuuf as jirra. Pirotokoolii Haacaaluu!! Teessoon: Magaalaa Shaashamannee: Buufata Konkolaataa Haaraa Gamoo Biiftuu Fuuldura. Lakk. Bilb:0900000095 Tajaajilaafi oomisha keessan miidiyaa @Abdii_Sabaa irratti beeksifachuuf @AbdiiSabaaDm qunnamaa. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
292👍 29👏 26🔥 12🥰 1
Photo unavailableShow in Telegram
Maqaa miidyaa Abdii Sabaan Facebook irratti maxxansaaleen aseeman kamuu miidiyaa @Abdii_Sabaa bakka kan hin buunedha. Miidiyaan Abdii Sabaa namoota kanniin report taassisuun fuula feesbuukii isaanii kan cufsiisu yommuu ta’u , hordoftoonni miidiyaa Abdii Sabaa marti akkawontoota kijibaa akkanaa report akka taasistan kabaaan isin gaafanna. Feesbuukii miidiyaa @Abdii_Sabaa hordoftoota kuma 127 oli qabu karaa https://www.facebook.com/AbdiiSabaaFb tiin qofa hordofaa . Kanaan ala fuulonni jiran miidiyaa @Abdii_Sabaa kan bakka hin buuneefi “Fake Account “ ta’uu isin beeksisna. Fuulaa Feesbuukii miidiyaa @Abdii_Sabaa isa sirrii qofa hordofaa. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
201👍 53😨 12🥰 3😱 2👏 1
‎"Ani nagaadha, abbaan manaa koos na waliin jira rakkoon tokkollee hin jiru" jedhan Komishiinar Laliseen. Komishiinar Laliseen wal'aansarraa osoo jiranii ibsa miidiyaleef kennaniin “Kitaaba biyyakoof ta'u barreessan jira, yoo fedha waaqaa ta'e dhiyeenya nan xumura" jedhan. ‎ ‎Muuxannoolee biyyoota addaddaa walitti fiduun Oromiyaa Kaartaa Turizimii Addunyaarratti mul'isuuf sochii eegalametti kan makaman barii jijjiiramaati. Finfinneetti dhalatanii guddatan, achiis waggoota 20 oliif dhaabbilee idil addunyaa gurguddoo keessa hojjechuun booda gara Finfinneetti deebi'uun turizimii bifa dijitaalaan addunyaaf beeksisaa turan. Komishinarri Komishinii Turizimii Oromiyaa Lalisee Dhugaa. Miiltoowwan hojiisaanii biroo waliin ta'uun 'Visit Oromia' biraandii Turizimii Oromiyaa addaa taasisuun sochii Turizimii Oromiyaarra darbee kan Itoophiyaallee dadammaqsan. ‎ Tibbana garuu dhibee Kaansarii irraa wal'aanamaa, hojii idileesaanii geggeessaa jiraachuu miidiyaa hawaasummaan erga qoodanii booda namootni hedduun yaadaafi kadhaan akka isaan faana jiran karaalee gara garaan ibsaafii turan. ‎Komishiinar Lalisee Dhugaa bakkuma wal'aanamaa jiranirraatti miidiyaleef ibsa kennaniin “Waal'aansarra osoon jiru Kitaaba biyyakootiif ta'u barreessuu eegalee, waa'ee gaggeessummaa irratti xiyyeeffata, walakkaa barreesseera, yoo fedha waaqaa ta'e nan xumuras" jedhan. Yeroo ammaa biyyaa Joordaan Magaalaa Amaanitti hospitaalaa wal'aansa kaansarii kennuun beekamutti wal'aanamaa jiraachuu dubbataniiru. Fayyummaan isaaniis haala gaariirratti akka argamu himan. ‎ ‎"Ani nagaadha, abbaan manaa koos na waliin jira rakkoon tokkollee hin jiru" jedhan Komishiinar Laliseen. ‎ ‎Otuma wal'aanamaa jiranii hojii biiroo isaanii ijoo, tarsiimoo waggaa shanii akkasumas wantoota gurguddoo fi murteessaa ta'an hojjechaa jiraachuullee kaasaniiru. ‎Hojjettoonniifi hoggantoonni komishinichaa gootota kan jedhan Komishiinar Laliseen, dandeettii fi kaka'umsa guddaa qabaniin waan hundaa milkeessaa jiraachuu kaasan. ‎ "‎Ani waajjira jiraadhes jiraachuu dhabus hooggantootnii fi hojjetootni biiroo kootii hojjechuu danda'u, keessumaa uummata keenyaa fi qaamotni addaddaa of qusannaa tokko malee biyya koo beeksisuun milkaa'inaan akka nu gahan shakkii hin qabu" jedhan. ‎ Tibbana namoonni hedduun dhukkuba koo dhaga'anii jaalalli naaf agarsiisan kanin eegeen oli kan jedhan Komishinar Laliseen, kadhaafi jechoonni isaanii cimina guddaa naaf laateera jedhaniiru. "Biyyakoofi Oromiyaa ani jaallaadhu tajaajiluutti nan deebi'a. Bor harka waaqaa jira, uummatakoo na jaallatuuf kabajaafi jaalala guddaan qaba" jedhanii humnaafi kaka'umsa haaraan gara hojiisaaniitti akka deebi'aniif ammallee uummanni hundi kadhaa akka isaanii godhu gaafataniiru. ‎ SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
513🙏 37🥰 29😁 13👍 11😢 8👏 3🔥 1🤯 1
Photo unavailableShow in Telegram
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp Qeeqaman. Af-yaa'iin Duraanii Ameerikaa Nancy Pelosin Pirezedaantii Ameerikaa Tiraampin "Uumama Balfamaa,Heera Kabajuu Dhabuun "waan hamaa lafarratti takkaa ta'ee hinbeekne" jette. Af-yaa'iin 52ffaa, Mana Marii Bakka Bu'oota Ummataa Ameerikaa Duraanii, Nancy Pelosi, yaada CNN irratti kenniteen, adeemsi Pirezidaanti Tiraampi sirrii akka hintaane qeeqxe. "Qoodama aangoo hin kabaju-seera baastuu, seera hiiktuu, miidiyaa, ...waa mara gatii dhabsiisee ofumaa murteessa faallaa hundeeffama biyya keenyaafi fedhii abbootii keenya warra biyya kana hundeessanii deema-dimshaashumatti pirezidaantii heera mootummaa hin kabajne" jechuun Pirezidaanti Doonaaldi Tiraampi komatte, Nancy Pelosi. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
193😁 47👍 29🤯 11💔 5👏 2
Photo unavailableShow in Telegram
Pireezidaantiin Sooriyaa seenaa keessatti yeroo jalqabaaf Waayit Haawusitti daawwanaa taasisuun Pireezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp wajjin mari’achuufi jedhame. Associated Press Bulchiinsa Tiraamp irraan odeeffannoo argadhe jechuun tamsaaseen “Pireezidaantiin Sooriyaa Ahimad Alshaaraa torban tokko booda Waayit Haawusitti argamuun ni daawwatu” jedheera. Alshaaraan sirna bulchiinsa maatii Asaadiin wagga 50 guute buusuun erga aangootti dhufanii as bara darbe baatii Caamsaa keessa Saawudi Arabiyaatti Tiraamp wajjin wal arganii mari’achuun isaanii kan yaadatamuudha. Nama qabeef Doolaara Miliyoona 10’tu kennama jedhamanii adamsamaa kan turan, pireezidaantiin Sooriyaa har’aa Alshaaraan biyya waggoota 11 waraana wal waliinii keessa turte tasgabbeessuuf tattaafataa jiru. Pireezidaantichi hariiroo dippiloomaasii Sooriyaan biyyoota lixaa wajjin qabdu fooyyessuuf hojjataa kan jiran yoo ta’u, qoqqobbiiwwan akka ka’aniifi qabeenni Sooriyaa bahee ture akka deebifamuuf hojjataa akka jiran gabaafame. Waggaa 25 dura, Pireezidaantiin Sooriyaa Hafiiz Asaad gita isaanii Biil Kiliintan wajjin erga wal arganii booda, Alshaaraan pireezidaantii jalqabaa Waayit Haawusiin daawwachuuf jiran akka ta’an ibsameera. Turtii Waashingatanitti taasisaniin dhimma Garee IS Sooriyaafi biyyoota Baha Jiddu Galeessaa keessatti bifa haaraan of gurmeessaa jiruu, irratti mari’achuun haala ittiin Ameerikaa waliin ta’uun lolan irratti waliigaltee waraanaa mallatteessu jedhamee akka eegamu AP’n gabaaseera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
215👏 13👍 6💔 6😱 3🔥 2🤯 1
Photo unavailableShow in Telegram
Itiyoophiyaan Liqaa biyyaa keessaa Birrii tiriiliyoona 2.56 ga'uun Akka ofirraa qabdu gabaafame. Itoophiyaan liqeessitoota biyya keessaa irraa liqaan liqeeffatte dhuma ji’a Fulbaana 2025 Birrii tiriiliyoona 2.56 ga’uufi abbootiin qabeenyaa biyya keessaa liqii yeroo gabaabaa malee kan yeroo dheeraa kennuuf eeyyamamoo ta’uu dhiisuu Ministeerri Maallaqaa beeksisuun gabaafame. Haaluma kanaan Fulbaana bara 2025 keessa qofa mootummaan gama caalbaasii liqaa yeroo gabaabaa ( T-bills) lamaan Birrii biliyoona 53.35 walitti qabuu ministeerichi ibseera. Liqaan walitti qabame kunis kan guyyoota 28 fi 91 irratti xiyyeeffate ta’uu kaasun, abbootiin qabeenyaa guyyoota 364 yookan waggaa tokkoof mootummaaf liqeessuuf fedhii akka hin qabne himan. Abbootiin qabeenyaa sababni liqaa yeroo dheeraa mootummaaf kennuu didaniif sodaa qaala’iinsa jireenyaafi tasgabbii dhabuu maayikiroo ekoonomii ta’uu hayyoonni dubbachuu Gaazexaan Kappitaal gabaase. Fedhii dhabuun isaanii kunis dhalli liqaa waggaa tokkoof abbootii qabeenyaaf kaffalamu dhibbeentaa 15 irraa akka dhibbeentaa 20 tti ol ka’u taasiseera jedhame. Kanas hayyoonni sodaa guddaa qaba jedhamee waan yaadamuufi hammi dhala liqaa isaanii dabalame jechuun gabaafame. Faallaa kanaan dhalli liqaa yeroo gabaaba xiqqaachaa deemuu ibsuun, kunis sodaa baay’ee waan hinqabneefi jedhame. Liqeessitonni biyyaa keessaa gurguddoon liqaa biyya keessaa Itoophiyaarra jiru keessaa ga’ee guddaa qaban Baankii Daldala Itoophiyaa (%43), Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa (% 26.3) fi Fandii Sooramaa (% 19.3) ta’uunis himame. Kurmaana itti aanutti liqaa yeroo gabaabaa dabalataa Birrii biliyoona 200 fi miliyoona 43.05 liqeeffachuuf kaaroorsuu Ministeerri Maallaqaa ibse jechuun Kappitaal gabaase. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
407😁 162😭 54👍 45👏 16🤯 6🔥 5🤗 4😱 3😢 2
Sigiga Lafaa muudateen lubbuun anamoota 21 darbuun,kanneen 30 ta'an achi buuteensaanii dhabamuun ibsame. Keeniyaa naannoo Western Rift Valley keessatti sigiga lafaa muudateen yoo xiqqaate namoonni 21 yoo du’an, 30 ammoo ammallee achi buuteen isaanii dhabameera. Namoonni 30 biroo ammoo miidhaan cimaan irra gahe, gara Hospitaala Eldoret geeffamanii yaala argataniiru. Balaan sigiga Lafaa kun kan muudate Sambata ganama naannawa tulluu Chesongach keessatti rooba cimaa roobee booda tahuu Miidiyaaleen gabaasaa jiru. Mootummaan naannichaa akka jedhetti, sigiga lafaa kanaan manneen 1,000 ol barbadaa’aniiru. Ajajaan Poolisii Elgeyo-Marakwet County Peter Mulinje akka jedhanitti hanga ammaatti namoonni 19 baraaramuu isaanii miidiyaaleen biyya keessaa gabaaseera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
207😭 160😢 19👏 9🥰 4👍 2
Photo unavailableShow in Telegram
Tiraamp Naayijeeriyaatti ajjeechaa Kiristaanota irratti raawwatame jedhameef tarkaanfii waraanaa fudhachuuf doorsisan Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Sambata darbe Naayijeeriyaan dararaa lammiilee ishee kiristaanaa irra ga'aa jiruf dantaa kennaa hin jirtu jechuun erga himatanii booda, Miniteerri Waraanaa biyyattii tarkaanfii waraanaa fudhachuuf akka qophaa'u ajaja dabarsaniiru. Naayijeeriyaan himannaa Tiraamp irra deddeebitee haaltee jirti. Tiraamp miidiyaa hawaasaa irratti akka barreessanitti, biyyattii keessatti Kiristaanota irratti ''ajjeechaa jumlaa'' raawwatamaa jira.Yoo mootummaan biyyattii ''tarkaanfii ariifataa'' hin fudhannes ''gargaarsaa fi deeggarsa Naayijeeriyaa battalumatti addaan kutuuf'' dhaadataniiru. Haa ta'u malee Jimaata darbes Pirezidaantichi Naayijeeriyaa keessatti gidiraa fi ajjeechaan Kiristaanota bal'inaan raawwatamaa jiraachuu kaasuun biyyattiin "haala yaaddeessaa ta'een xiyyeeffannoo addan ilaalamuu akka qabu" labsuun isaanii ni yaadatama. Sanbata kaleessaa darbe mootummaan Naayijeeriyaa ibsa karaa Ministeera Dhimma Alaa isaatiin baaseen himannaa Tiraamp kuffiseera. Ministirri Dhimma Alaa Naayijeeriyaa Ambaasaaddar Yuusuf Tugar ibsa kennaniin ejjennoon Tiraamp dhugaa qabatamaa Naayijeeriyaa keessatti mul'atu kan hin calaqqisiifne ta'uu ibsaniiru. Tiraamp Jimaata darbe miidiyaa hawaasaa isaanii Tiruuz irratti akka jedhanitti, Naayijeeriyaa keessatti jiraachuun Kiristaanotaa balaadhaaf saaxilameera, Ameerikaan ammoo ''yeroo hammeenyi akkanaa raawwatamu teessee hin ilaaltuu'' jedhan. Pirezidaantichi, Kiristaanonni kumaatamaan lakkaa'aman ''garee finxaaleyyiin ajjeefamaniiru jedhan Mootummaan Naayijeeriyaa ibsa Sambata darbe kenneen, ''hokkora gareewwan kutaalee Afrikaa Dhihaa fi Saahel adda addaa keessatti waldhabdee fi qoqqoodinsa akka babal'atu gochaa jiran qolachuuf kutannoo qabu cimsee kan itti fufu'' ta'uu ibseera. Pireezidaantiin Ameerikaa bakka bu'aa Dhiya Virginiyaa Riley Moore fi bakka bu'aa Oklahomaa Tom Cole dabalatee miseensonni Kongiresii hedduun taatee kana qoratanii kallattiin akka isaaf gabaasan ajajeera. Akka seera Ameerikaatti, himannii "biyya yaaddoo addaa qabdu" jedhu maloota ittin Waashingitan biyyoota hordoffii addaa jala galchituu keessaa tokkodha Maqaan kun Waashingitan biyyoota bilisummaa amantii sarbuun himataman irratti qoqqobbii ykn dhiibbaa dippilomaasii akka kaa'amu kan hayyamudha. Tiraamp biyyi Afrikaa Dhihaa Naayijeeriyaan ajjeechaa Kiristaanota irratti raawwatamu dhaabuu yoo dadhabde tarkaanfii waraanaa "ariifataa" fudhachuuf akka of qopheessitu akeekkachiisan. Pireezidaantichi dabalataan deeggarsi fi gargaarsi Ameerikaan biyya boba'aan badhaatuu fi baay'ina ummataa qabdu kanaaf gootu hatattamaan akka dhaabbatu dubbataniiru. Tiraamp Ameerikaan loltoota ishee yoo ergite garee finxaaleyyii haleellaa suukaneessaa raawwatan dhabamsiisuuf akka ta'u ibsuun, garuu waa'ee ajjeechaa fi dararaa Naayijeeriyaa keessatti Kiristaanota irratti raawwatamaa jiruu ilaalchisee ragaa qabatamaan dhiyeessan hin jiru. Tiraamp Naayijeeriyaa ''biyya salphoo'' jechuun mootummaan ishee dafee tarkaanfii akka fudhatu akeekkachiisaniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
670👍 91😁 31👏 28🤬 22🤯 18😢 12😱 6🔥 4🥰 1
Photo unavailableShow in Telegram
"Filannoo gaggeessuuf eyyama eenyuuyyuu nu hinbarbaachisu, humna gahaa qabna”MM Dr Abiy Ahimad. MM Doktar Abiyyi Ahmad, walga’ii Idilee 2ffaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa Kibxata darbe adeemsifamerratti gaaffiilee miseensota mana marichaarraa ka’aniif wayita deebiifi ibsa kennan, “Filannoo gaggeessuuf eyyama eenyuuyyuu nu hinbarbaachisu, humna gahaa qabna” jedhaniiru. Paartiileen siyaasaa qophii gahaa hintaasifne filannichi nidabarfama jedhanii yaaduurra hunduu amummaa kaasanii qophii gochuu akka qaban himanii, filannoon baranaa dimokraatawaa qofa osoo hintaane filannoo sagaleewwan garagaraa ittidhagahamu akka ta’us ibsaniiru. Dhimma filannoo marsaa torbaffaa kanaan walqabatee Dura Ta’aa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)fi Gorsaan Dhimma Ispoortiifi Dargaggootaa Ministira Muummee Obbo Qajeelaa Mardaasaa gaafdeebii miidiyaa Irratti taasisaniin akka jedhanitti, yaaadni Ministirri Muummee filannoon walqabatee kaasan sirriidha; filannoon yeroosaa eeggatee gaggeeffamuu qaba. Heerris filannoo biyya keenyaa waggaa shan shaniin akka gaggeeffamu dirqisiisa. Bu’uura heeraatiin yoo filannoon hinadeemsifamne mootummaan hinjiraatu; paarlaamaan ni bittinnaa’a jedhanii, kanaafuu filannoon gaggeeffamee mootummaan itti aanu hundeeffamuu akka qabu himu. Filannoof qophaa’uu ilaalchisee paartilee hunda bira rakkoon ni jiraachuufi akka paartiisaaniittis ammoo rakkoon addaa jiraachuu eeranii, sababa waldhibdee hoggantoota dhaabaa jidduu jiruun ammas filannoorratti hirmaachuuf shakkii qabaachuu dubbatu. Waldhibdee kana furuuf dhimmicha gara mana murtiitti geessuun ilaalamaa jiraachuufi manni murtii dhimmicharratti dafee murtii kan kennu taanaan filannoorratti hirmaachuu akka danda’an ibsu. Paartii kan biraarra yaada kan nuuf kennan Dura Teessuun Paartii Sooshaal Dimokraatiik Doktar Raaheel Baafee gamasaaniin paartiinsaanii bu’uura heera mootummaatiin filannoon yeroosaa eeggatee akka gaggeeffamu kan barbaaduufi kan hojjetuu ta’uu eeranii, paartiinsaanii miseensotaafi deggartootasaa guutummaatti waliin gahuu baatus hanga danda’ametti bira gahee mariisisee, haasofsiisee akkasumas waajjiraaleen jiran seeraan hojjechaa jiraachuu mirkaneessuu barbaachisa jedhan. Filannoon hunda hammataafi hirmaachisaa akka ta’u irratti hojjatamuu qaba ejjannoo jedhu kan qaban ta’uu kaasanii, yeroon jiru gabaabaa ta’uus yeroo jiruutti fayyadamaniii gara filannootti galuunis sirrii ta’uu kaasu. Rakkoo nageenyaa salphisanii ilaaluu osoo hintaane mootummaan akka mootummaatti gaheesaa bahachuu akka qabu dhaamanii, haalonni yoo mijatan filannoon dirqama barbaachisaa ta’uu ibsu. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
673👍 108😁 74🥰 30🤩 18😭 16🤯 14👏 13❤‍🔥 12😘 3🤬 2
Photo unavailableShow in Telegram
Itoophiyaatti hojiin ijaarsa daandii saffisaa Moojoo hanga Hawaasaa, kan qulqulinaa sadarkaa olaanaa qabuu fageenya kiiloo meetira 202 dheeratu xumuraaf gahuu Baankiin Addunyaa beeksise. Dabalata daandiin kuni qaama daandii guddichaa Kaayiroo Keephii Tawoonii kan ardii Afrikaa wali qunamsiisuu ta'uu Baankichi dabalataan ifoomseera. Daandiin saffisaa kun guutummaatti xumuramee yoo hojiirra oole qisaasamaa yeroo hanga dhibbeentaa 40 kana hir’isuu fi baasii konkolaataa dhibbeentaa 15 –20 tti gadi buusa jedhameera. Kunis namoota miliyoona 1.5 ol daandii kanarra tajaajila argataniif qaqqabummaa gabaa fi tajaajilaa industirii kan fooyyeessuuf ta’uu baankiin addunyaa ibseera. Daandiin Saffisaa Moojoo – Hawassa daandii kaffaltii Itoophiyaa 2ffaa fi sadarkaa daandii saffisaa idil-addunyaa kan guute ta’uu isaatiin sadarkaa jalqaba gubbaatti argama. Daandichii Finfinnee irraa gara kibbaatti diriiruun wiirtuuwwan magaalaa fi industirii ijoo kanneen akka Moojoo ,Baatu, Shaashamane fi Hawaasaa kan walii qunaamsiisuudha jedhame. Daandiin saffisaa kun, daldala biyya keessaa fi alaatiif koridoorii baayyee murteessaa akka ta’ee himameera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
نمایش همه...
529👍 93🤯 15👏 10😱 1