ABDII SABAA
Открыть в Telegram
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! @Abdii_Sabaa 💬Contact Us💬 @AbdiiSabaaDm 🎯BARNOOTAAF @abdii_sabaa_university 🎯MARIIF @Garee_Abdii_Sabaa
Больше2025 год в цифрах

561 088
Подписчики
-9524 часа
-2237 дней
-1 04730 день
Архив постов
ODUU:
Miidiyaaleen idil-addunyaa waa’ee Hidha Guddicha Haaromsaa irraa dubbataa jiru.
Ibsituu sabdaneessummaa Itiyoophiyaa kan ta’e Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa xummuramee eebbaaf ga’uun isaa xiyyeeffannaa dhaabbilee miidiyaa idil addunyaa hawwateera.
BBC’n “Kabaja Itiyoophiyaa” jechuun kan ibse Hidhi Guddichi Haaromsaa ifaan eebbifamuu isaa gabaaseera.
“France 24” ammoo,“Itiyoophiyaan Hidha Guddaa miiliyoonota humna elektirikiin fayyadu ijaartee xummurte” jechuun gabaase.
“Itiyoophiyaan Hidha Afrikaatti isa guddaa ta’e, humna elektirikii miiliyoonotaan ga’uu isii dandeessisu eebisiiste” jechuun kan gabaase ammoo Rooyitarsi.
“Asociated Press” gama isaan “Hidhi Afirikaatti isa guddaa ta’ee fi Itiyoophiyaanonni abdatan ijaaramee xummurame” jechuun gabaaseera.
“Daily Nation” eebbifamuu hidhichaa ilaalchisee gabaasa baaseen Hidha Haaromsaa “Kennaa bara Haaraa Itiyoophiyaanotaa” jechuun ibseera.
“CNBC Africa” fi Ejensii Anaadooluu Turki dabalatee miidiyaaleen idil addunyaa hedduun sirna eebbaa Hidha Haaromsaa Guddichaa wal harkaa fuudhuun gabaasuurratti argamu.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 693👍 110🫡 33👏 15🤯 8🥰 4😭 4🕊 3
ODUU:
Sirni eebba Hidha Haaromsaa Guddichaa Itiyoophiyaa raawwatamaa jira.
Sirna eebbaa kanarratti Ministira muummee Abiyyi Ahmad dabalatee hoggantoonni biyyoota Afrikaa Sirna kanarratti argamaniiru.
Hoggantoonni sirna Afrikaa Sirna kanarratti argamanis:-
•Dura taa’aa komishinii Gamtaa Afrikaa Ali Mohammad Yusuuf
•Barreessaa ol'aanaa IGAD Warqineh Gabayyoo
•Pireezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo,
•Pireezidaantii Jibuutii Omar Geelee
•Pireezidaantii Suudaan Kibbaa Salvaakiir Mayaardiit
•Minisitira muummee Barbaadoos Mi’aa Mootlee.
Akkasuma Hoggantoonni biyyoota garaagaraa
Hoji-gaggeessaan Projektichaa Injinar Kiflee Horroo, Shuumiin Itaamaajorii Raayyaa Ittisa biyyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Dippiloomaatotni, ogeeyyii fi hojjettootni projektichaa, qondaalotni mootummaa hedduuni fi kutaaleen hawaasaa garaagaraa sirnicharratti argamanii jiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 558👍 108🥰 26👏 17😁 16🔥 4😭 4🤯 2😢 1
#GERD
Eebaa Hidha haaromsaa guddichaa irratti Pirezidaantiin Soomaaliyaa Hassen Sheek Mahmuud dabalatee aanga’oonni biyyoota garaa garaa argamaniiru.
Geggeeffamaa kan jiru sirna eebba hidha haaromsaa guddichaa irratti aanga’oonni argamuun gammachuu ummata Itoophiyaa waliin qooddataa jiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 339👏 29👍 27🥰 19🕊 14🔥 10🫡 8🤬 2
Фото недоступноПоказать в Telegram
#Kutaa_12ffaa
Odeeffannoo miidiyaan @Abdii_Sabaa odeessa isaa Tajaajila madaallii Barnootaafi Qormaataa irraa argateen sababa eebba hidha haaromsaa Guddichaa Itoophiyaa guyyaa boruu ni gadhiifama jedhamee kan ture bu’aan qormaata kutaa 12ffaa guyyoota sadan itti aananitti gadhiifamuuf karoorfamee jiraachu ibse.
Akka odeessi keenya kun dhaametti tibba qormaati gadhiifamuuf adeemu odeeffannoowwan burjaajjii ni hamaatu sababa ta’eef barattoonni tasgabbiin miidiyaalee filatamoo irratti haga beeksisni ba’utti obsaan eeguu qabu jedheera.
Miidiyaan @Abdii_Sabaa akkuma waggoota dheeraaf taassisaa turetti bara kana xiyyeeffannaan dhimma kana hordofaa jira. Akkuma ifoomeenis dursinee kan isin beeksisnu ta’a.
Barattoonni yeroo bu’aan gadhiifamuttu bu’aa isaanii karaa hidha armaan gadii lakkoofsa galmeefi maqaa isaanii guutuun ilaaluu ni danda’u
https://result.neaea.gov.et/
Ads
https://otieu.com/4/8938642
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 1 292👍 300🥰 88🤯 84🏆 75👏 62😱 36🔥 27❤🔥 19🕊 18😁 17

Baga Gammaddan, Baga_Gammanne
#GERD
Jala Bultii Eebba Hidha Haaromsaa Itoophiyaa.
Akkuma beekkamu waggoota 14 dura dhagaan bu'uuraa hidha haareyoomsa Itiyoophiyaa kan kaayyame yommuu tahu hojiin hidhicha ijaarsisuu lammiilee biyya teenyaa xiqqaafi guddaa akkasumas qabaataafi dhabaa hunda waan dandayan kannachuu irraa hanga boondii bitachuuttii hirmaachisuun Injinarootni baayyeen akkasumaas qaamni nageenyaa keeysattuu poolisoonni baayyeen bakkichatti aarsaa tahuun hojiin ijaarsa hidhichaa xumuramee guyyaa boruu qaammee 05 eebbaaf qaqqabee jira.
Hidhichi injifannoo waraana #ADWA 'tti Aanee mallattoo tokkummaa fi bakka itti jaalala biyyaa lammileen keenya itti mullisan akka tahe agarsiiftuu guddaan xumuramuu hidhichaati. Bu'aan hidhicha irraa argamu biyya teenya qofa osoon taane biyyoota baha afriikaa hunda isaanii tajaajiluu akka danda'u gabaafamaa ture.
kun gammachuu lammiilee biyya teenyaa qofa osoo hin taane sadarkaa afriikaattuu gammachuu guddaadha. Hidhichi kun lammiilee biyya teenyaa sabaan osoo hin qoodin amantaan osoo hin qoodin akkasumaas siyaasaan osoo hin qoqqoodin iddoo itti tokkummaan lammiilee biyya teenyaa mullachuun adunyaa raajeefachiiseedha. Keeysattuu biyyoota milkaayina Itiyoophiyaatti hin gammanne warroota Itiyoophiyaan humna ittiin hidhicha xumurtu hin qabdu jedhanii itti baacaa turan America dabalatee afaan qabachiisuun danda'amee jira. kun bu'aa 1kkummaa lammiilee Itiyoophiyaanootaati. Asumaanuu miidiyaan Abdii Sabaa ummata bal'aa biyya teenyaa hundaan baga guyyaa gammachuu guddaa akkasumaas guyyaa tokkummaa lammiilee biyya teenyaa eeyba hidha haareyoomsa laga #Abayyaa kana geeysan yeroo jennu gammachuu jaalala biyya makatte waliini.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 450👍 104👏 28🫡 25😁 13🎉 12🥰 9🤯 6🔥 3
ODUU:
Sagantaan jala bultii eebba Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa gaggeeffamaa jira.
Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa, Sagantaan jala bultii eebba isaa Guubaatti gaggeeffamaa jira.
Sirnicharratti Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad dabalatee Af-Yaa’ii Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyahu Tashaagar, Af-Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa obbo Taaggasaa Caafoo fi Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan argamaniiru.
Dabalataanis Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Hogganaa Jiddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii fi Pireezidaantii Itti aanaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Aadam Faaraah, Ministira Muummee Duraanii obbo Hayilamaariyaam Dassaaleny, Ministira Muummee Itti aanaa Duraanii obbo Dammaqaa Mokonnin, Ministiroonniifi hoggantoonni naannolee argamanii jiru.
Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa adeemsa walxaxaa hedduu keessa darbuun guyyaa boruu ifatti kan eebbifamu ta'a.
Sirna eebba isaa ilaalchisuun guyyaa har’aa sagantaan jala bultii taateewwan garaagaraan dabaalamee kabajamaa jiraachuun isaa gabaafame.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Фото недоступноПоказать в Telegram
Sirna Eebbaa jala Bultii Hidhaa Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa
Uummanni Itiyoophiyaa hundi baga Gammaddan!
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 649👍 144🎉 41🙏 36👏 32🥰 29🤯 27🔥 24😁 24🆒 3
Фото недоступноПоказать в Telegram
ODUU:
shakkamtoonni 76 to'annoo seeraa jala oolan.
Shakkamtoonni daddabarsa warqee, maallaqaafi meeshaalee waraanaa seeraan alaan shakkaman 76 to’ataman.
Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Shakkamtoonni daddabarsa warqee, maallaqaafi meeshaalee waraanaa seeraan alaan shakkaman 76 to’atamaniiru jechuun hime.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 318👍 84🤯 21🤬 21😁 9🔥 6👏 6
Фото недоступноПоказать в Telegram
US lammiilee Kooriyaa Kibbaa 300 ol to'annaa jala oolchuunshee ibsame.
Qondaaltonni immigireeshinii Ameerikaa lammiilee Kooriyaa Kibbaa seeraan alaa godaantota jedhan 300 ol to’annaa jala oolchaniiru.
Lammiileen kunneen hojjettoota dhaabbilee Kooriyaa Kibbaa Hyundai fi LG akka ta’atu himama.
Kooriyaan Kibbaa lammiilee isii US keessatti hidhaman bilisa baasuuf akka hojjettu ibsiteetti.
Ministirri Dhimma Alaa Cho Hyun-joo dhimma kana irratti qondaaltota waliin mari’achuuf gara Waashingitan akka imalan dubbataniiru.
"Lammiileen keenna akka hiikaman waan dandeennu mara ni goona," jedhan ministirri kun. "Baay'een gadda, lammiilee keenna gadhiisuuf itti gaafatamummaa guddaan natti dhaga'ama jedhan jechuun asiaone gabaaseera.
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 342👍 39💔 21👏 18😁 9🔥 3
Фото недоступноПоказать в Telegram
ODUU:
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ergaa dabarsan.
MM Dr Abiy Ahimad Qaammee 3 Guyyaa Milkaa'inaa ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.
Tarkaanfannaan Olka'insa Waaraaf
Idaan dhaalle baay'ee, daandiin irra imallu dheeraa, fedhiin uummata keenyaas bal'aadha. Imala suutaa barame sanaan boqonnaa badhaadhinaa barbaadnu bira hin geenyu.
Filannoon qabnu gulantaawwan tokko tokko utaaluudha.
Kanaaf ammoo kalaqniifi saffisni murteessitootadha.
Daandii baramerraa bahuu, yeroo baramee ol hojjechuu, gatii baramee ol kanfaluu nubarbaachisa. Kaayyoon keenya boqonnaa tokkorraa gara boqonnaa kanbiraatti cehuu miti.
Kaleessarraa utaallee gara borii gahuudha.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA
❤ 451👍 26🥰 23😢 16🔥 14👏 11😍 11🤯 8😁 3
Фото недоступноПоказать в Telegram
Itiyoophiyaan himata bante.
Itiyoophiyaan tapha Ijiptiin wal-qabatee FIFA'f himannaa galfatte.
Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itihoophiyaa rakkoolee naamusaa tapha Ijipt irratti mul'atan ilaalchisee himata Koree Naamusaa FIFA'f ergeera.
Federeeshinichi himata kanaan, deeggartoonni Ijipt kabaja faaruu biyyaalessaa Itiyoophiyaaf malu, kennuu dhiisuu fi ifaa ija nama haguugu (laser pointers) fayyadamuu isaaniin himannaa naamuusaa dhiheessee jira.
Yeroo faaruun biyyaalessaa Itiyoophiyaa faarfamu deeggartoonni mallattoolee gara garaa agarsiisaa turuu himuun, Ifaan ija haguugu taphattoota akka jeeqellee Federeeshiiniin Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa eereera.
Kanaafis korichi taatee kana jiddu-galeeffatee qorannoo akka geggeessuufi Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Ijipt itti gaafatamummaa isaa akka fudhatu FIFA gaafatee jira.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
👍 324❤ 265😁 33🔥 18🥰 4🏆 3👏 1🤯 1

❤ 1
Фото недоступноПоказать в Telegram
ODUU:Itiyoophiyaan himata bante.

Gaaddiddaa'uun ji'aa walakkaa fii guutuun guyyaa har'aa kana Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota birootti mul'ateera.
Taateen kun Lunar Eclipse jechuun waamama. Yeroo lafti aduufi addeessa jidduu seentu gaadiddaa'uu uumamudha jechuudhan qorattoonni himan.
Qorataan Saayinsii Hawaa Dr. Roodaas Taaddasaan taateen kun aduun kallattii bahaan, addeessi ammoo kallattii lixaan ta'iin lafti jidduu yeroo seentu muudatas jedhan
Taateen kun bakka sadiitti akka qoodamu kan himan Dr. Roodaas, gaadiddaa'uu guutuu, walakkaa fi dimimmisaan akka ta'es eeraniiru.
Addeessi kutaa gaadidduu guraacha lafaa keessa waan dabartuuf hin mul'attu jedhu.
Yeroo tokko tokkos haala qilleensa naannawaa irratti hundaa'uun diimaattee ibidda fakkaatti (Super Blood Moon) ni uumama jedhaniiru.
Taateen kun Afrikaa, Eeshiyaa, Baha Jiddu galeessaafi Awustiraaliyaattis mul'ateera.
Itiyoophiyaatti sa'aatii 12:30 kaasee dimimmisaa'uun naannawa 2:00tti walakkeessaan gaadiddaa'uun addeessaa mul'ateera.
Bakka tokko tokkootti hanga sa'aatii 2:30tti gaadiddaa'uun addeessaa kun guutummaan mul'ateera.
Taateen akkasii baatii jahaan altakka ni muudata jedhu qorattoonni. Maarree guyyaa yeroo aduun jiru muudata yoo ta'e ija qullaan osoo hin taane fullee (golga ijaa) haguugduu ijaan ilaaluutu gorfama.
Kana dura Itiyoophiyaatti bara Waxabajjii 21/ 2020 fi Onkoloolessa 25/ 2022 walakkeessaan mul'achuun ni yaadatama.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA
❤ 494👍 82😭 30🥰 26🔥 16😢 16👏 14😁 4🤯 4🤝 2🤗 1
Addeessi isin biraa mullatee? Bakka yaadaatti suuraafi biyya keessan waliin ergaa.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA
Фото недоступноПоказать в Telegram
#Ads
Chaanaala Teelegiraamaa keessan beeksifadhaa
@AsbeksPlatform fayyadamuun $1 qofaam chaanaala keessan beeksifachuu ni dandeessu.
Asbeks erga seentanii booda lafa “Task” jedhu seenuun “create your own task “ ka jedhu tuqtu.
Sanbooda Telebirr ykn TON fayyadamuun qarshii deposit taasisuun Task create godhachuu dandeessu.
Haala kanaan chaanala keessan beeksifadhaa.
Beeksisa @AsbeksPlatform kana adda ka taassisu namni sun taaskii kee hojjetu dirqama chaanaala kee seenuuf dhiisuun isaa Asbeksiin mirkaneeffama.
Ammuma fayyadamuu eegalaa.
Hojjettoonnis chaanaalota isiniif diriiran Join taassisuun qarshii hojjedhaa.
❤ 170👍 11🔥 1
Фото недоступноПоказать в Telegram
ODUU:
Pireezidaanti Wiliyaam Ruutoon Hidha Haaromsa Guddaa Itoophiyaa Eebbisuuf akka argaman himame.
Preezdaantiin Mana Maree Mootummaa Keeniyaa Wiliyaam Ruutoon yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Afrikaa 2ffaa, Yaa’ii Afrikaa-Kaaribiyaanii fi eebba Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa irratti hirmaachuuf guyyaa har'aa Finfinnee seenuun isaanii ibsame.
Ibsaa Preezdaantichi kennaniin "hidhi haaromsa guddichi Itiyoophiyaa irra darree Afriikaa fi egeree addunyaa keessatti milkii guddaa akka waan te’eef eebbaa irratti keessummaa olaanaa ta'ee akka argamu ibsan.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA
❤ 310👍 63🔥 16🥰 9👏 6😁 4🤯 2
Фото недоступноПоказать в Telegram
ODUU:
Tapha Ijiptii fi Itiyoophiyaa gidduutti geggeeffamee ture irratti "Laser Pointer" taphattoota Itiyoophiyaa irratti ibsamaa akka turee maddi odeeffannoo tokko tokko ibsuu irratti argamu.
Tapha Istaadiyeemii Kaayirootti ijipt Itiyoophiyaa 2 fi 0 n injifatte irratti osoo taphni hin eegaliin faaruu biyyaalessaa Itiyoophiyaa wayita faarfamutti waci fi jeequunsi mul'atee kan turee yoo ta'u wayita taphni eegalettillee deeggartoonni ijipt taphattoota kubbaa miilaa Itiyoophiyaa irratti "laser pointers" ibsaa akka turan maddi odeeffannoo tokko tokko gabaasaa jiru.
"Laser pointer" kana qabatanii istaadiyeemii seenuun ykn ija taphattootaatti irratti ibsuun fayyaa isaaniif balaa ta'uu qofa osoo hin teene, seerri FIFA'n kan hin eeyyamamne waan te'eef Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa CAF fi FIFA irratti himannaa dhiyeessu qaba jedha odefannoon madda garagara.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA