uz
Feedback
ABDII SABAA

ABDII SABAA

Kanalga Telegram’da oβ€˜tish

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! @Abdii_Sabaa πŸ’¬Contact UsπŸ’¬ @AbdiiSabaaDm 🎯BARNOOTAAF @abdii_sabaa_university 🎯MARIIF @Garee_Abdii_Sabaa

Ko'proq ko'rsatish
2025 yil raqamlardasnowflakes fon
card fon
561 166
Obunachilar
-4424 soatlar
-1327 kunlar
-1 00130 kunlar
Postlar arxiv
Photo unavailableShow in Telegram
Mootummaan namoota lubbuun darbaniif GADDAA Itti dhagaahame ibse. Riqichi ijaarsaa jiguun balaa lubbuu namaa irra ga’een mootummaan gadduu ibsee Jira. Naannoo  Amaaraa godina Shawaa Kaabaa magaalaa Arartiitti Mana Amantaa Arartii Maariyaa ijaaramaa jiru irra riqichi ittiin olba’uuf tolfame jiguun lubbuu namootaa darbeef mootummaan gadda itti dhaga’ame ibseera. Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa balaa kanaan namoota lubbuu isaanii dhabanii fi miidhaan cimaa fi salphaan kan irra ga’e hedduu ta’uu eeree, miidhaa qaqqabeef gadduu isaa  ibseera. Tajaajilichi ibsa gaddaa dabarseen maatiiwwan miidhaan qaqqabeef jajjabina, warreen yaala irra jiraniif ammoo ariitiin  akka bayyaannatan hawwii qabu ibseera. Itiyoophiyaan ijaarsa hunda galeessarra jiraachuu  eeree, hidhawwan gurguddoo irraa eegalee hanga ijaarsawwan dallaa manaa nama dhuunfaatti jiran yeroo ijaaraman nageenyaaf dursa kennuun barbaachisaa ta’uu Tajaajilichi hubachiiseera. Daawwannaawwan bakkeewwan ijaarsaatti geggeeffamanis qajeeltoowwan nageenya hojiirraa akka kabajan gochuun barbaachisaa ta’uu akeekkachiiseera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
Photo unavailableShow in Telegram
Mootummaan namoota lubbuun darbaniif GADDAA Itti dhagaahame ibse. Balaa guyyaa har'aa muudateen jechuunis riqichi ijaarsaa jiguun balaa lubbuu namaa irra ga’een mootummaan gadduu ibse Jira. Naannoo  Amaaraa godina Shawaa Kaabaa magaalaa Arartiitti Mana Amantaa Arartii Maariyaa ijaaramaa jiru irra riqichi ittiin olba’uuf tolfame jiguun lubbuu namootaa darbeef mootummaan gadda itti dhaga’ame ibseera. Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa balaa kanaan namoota lubbuu isaanii dhabanii fi miidhaan cimaa fi salphaan kan irra ga’e hedduu ta’uu eeree, miidhaa qaqqabeef gadduu isaa  ibseera. Tajaajilichi ibsa gaddaa dabarseen maatiiwwan miidhaan qaqqabeef jajjabina, warreen yaala irra jiraniif ammoo ariitiin  akka bayyaannatan hawwii qabu ibseera. Itiyoophiyaan ijaarsa hunda galeessarra jiraachuu  eeree, hidhawwan gurguddoo irraa eegalee hanga ijaarsawwan dallaa manaa nama dhuunfaatti jiran yeroo ijaaraman nageenyaaf dursa kennuun barbaachisaa ta’uu Tajaajilichi hubachiiseera. Daawwannaawwan bakkeewwan ijaarsaatti geggeeffamanis qajeeltoowwan nageenya hojiirraa akka kabajan gochuun barbaachisaa ta’uu akeekkachiiseera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
Photo unavailableShow in Telegram
Sababaa maallaqaatiin Waajjiraaleen mootummaa US cufamuun ibsame. US keessatti waajjiraaleen mootummaa muraasni cufaman kan jedhame yoo ta'u Kunis sababa Seeneetiin Ameerikaa mallaqa waajjiraalee biyyattiif gadhiifamurratti waliigalteerra gahuu dadhabeef Akka ta'e himame. Haa ta'u malee Tiraamp waajjiraaleen kun cufaman yoo ta'e namootni hedduun dhaabbiidhaan hojiirraa ari'aman akka jiran akeekkachiisaniiru. Waajjiraaleen kunneen wayita cufamanii jiran kanatti hojjettootni hojii bu'uuraa hojjetan muraasni mindaa malee hojii itti fufus jedhameera. Biyya Ameerikaa keessatti waggoota 40 ol darban keessatti yeroo 11ffaaf waajiraaleen mootummaa itti cufamaa jiras jedhame. Biyyoota addunyaa biroo keessatti garuu waajjiraaleen mootummaa heerri jigus, waraanni dhalatus hojii itti fufu. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
❀ 232😁 25πŸ‘ 23πŸ‘ 13
Balaa riqichi jiguun muudateen lubbuun namoota hedduu darbun himame. Naannoo Amaaraa Godina Kaaba Shawaa aanaa Minjaar Shankooraa Arartii Maariyaamitti riqichi ce’umsaaf ijaarame jiguun lubbuun namoota hedduu darbeera. balichi kan mudate wayita hordoftoonni ijaarsa bataskaanaa aanichatti ijaaramaa jiru daawwatanitti Akka ta'e Ajajaan Poolisii aanichaa Inispeektar Ahimad Gabayyoon himan. Balaa kanaan lubbuun namoota hangi isaanii hin beekamnee darbuu ibsaniiru. Balaa Kanaan namoonni 200 ol miidhamuufi hospitaala Arartiitti yaalamaa jiraachuus eeraniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
❀ 173😭 154πŸ‘ 15😁 12πŸ₯° 6😒 5πŸ‘ 3πŸ”₯ 1
Photo unavailableShow in Telegram
#kutaa_12ffaa Qabxiin darbiinsaa 300 ture 297 ta’e. Barattoota qabxii qormaata kutaa 12ffaa bara 2017 dhibbeentaa 49.50 - 49.99 fidan qabxiin isaanii gara dhibbeentaa 50tti siqsamuun akka darban akka taasifamu murtaa’e. Ministeerri ministeera barnootaa Pirofeeser Birhaanuu naggaan barattoonni qormaata kutaa 12ffaa bara 2017 dhibbeentaa 49.50 - 49.99 fidan qabxiin isaanii gara dhibbeentaa 50tti siqsamuun akka darbaniif murtaa’uu isaa beeksisuun xalayaa Yuunivarsitiileef erganiiru. Bifuma kanaanis qabxiin darbiinsaa 600 irraa 300 ture gara 297tti gadi kan siqe yommuu ta’u barattoonni 297 fidan gara dhaabbilee barnoota olaanootti ramadamuun barumsa isaanii ka itti fufan ni ta’a. πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡ https://otieu.com/4/8938642 https://otieu.com/4/8938642 Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa! SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
❀ 986πŸ‘ 225😁 78πŸ‘ 72πŸ”₯ 45😱 24πŸ₯° 20🀯 15🀬 12😍 6πŸ† 4
Photo unavailableShow in Telegram
#kutaa_12ffaa Barattoota qabxii qormaata kutaa 12ffaa bara 2017 dhibbeentaa 49.50 - 49.99 fidan qabxiin isaanii gara dhibbeentaa 50tti siqsamuum akka darban akka taasifamu murtaa’e. Ministeerri ministeera barnootaa Pirofeeser Birhaanuu naggaan qabxii Barattoota qabxii qormaata kutaa 12ffaa bara 2017 dhibbeentaa 49.50 - 49.99 fidan qabxiin isaanii gara dhibbeentaa 50tti siqsamuun akka darbaniif murtaa’uu isaa beeksisuun xalayaa Yuunivarsitiileef erganiiru. Bifuma kanaanis qabxiin darbiinsaa 600 irraa 300 ture gara 297tti gadi kan siqe yommuu ta’u barattoonni 297 fidan gara dhaabbilee barnoota olaanootti ramadamuun barumsa isaanii ka itti fufan ni ta’a. πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡ https://otieu.com/4/8938642 https://otieu.com/4/8938642 Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa! SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
Photo unavailableShow in Telegram
lakkoofsi namoota dhukkuba onneen qabamanii dabalaa jiraachuun ibsame. Itiyoophiyaatti lakkoofsi namoota dhukkuba Onneen qabamanii dabalaa jirachuu Mineesteerri Fayyaa beeksise. Deetaan Ministeera Fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa guyyaa Onnee Addunyaa ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniin "qorannoo yeroo gara garaatti taasifameen Itiyoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota dhukkuba onneen qabamanii dabalaa jira" jechuun dubbataniiru. Sababni ka'umsa dhukkuba kanaas dhugaatii Alkoolii, Tamboo xuuxuu, Nyaata soogiddi itti baay'ate fayyadamuu, to'annoo dhabuu dhukkuba sukkaaraafi dhiibbaa dhiigaa akka ta'es himan. Kanaafi dhugaatii Alkooliifi Tamboo xuuxuu dhiisuu, nyaata soogiddaafi coomni itti baayyate fayyadamuu dhiisuu, sosochii jabeennaa qaamaa yeroo yerootti taasisuun dursanii ittisuun akka dandaa'amu Dr. Darajjee ibsicha irratti eeraniiru. Guyyaan Onnee akka Addunyaatti yeroo 27ffaaf, akka Itiyoophiyaatti yeroo 11ffaaf Fulbaana 20 irraa eegalee hanga Onkoloolessa 2 tti sirnoota garagaaraan akka kabajamus kaasaniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
❀ 439😭 74πŸ‘ 34πŸ’” 26😒 25πŸ•Š 14πŸŽ‰ 10πŸ”₯ 8πŸ‘ 6πŸ₯° 4🀯 2
Qaala’iinsi gatii yeroo dhaa gara yerootti hir'achuun dhibbantaa 13.6 irra ga'uun ibsame. Koreen Imaammata Maallaqaa Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa ibsa kenne.qaala'insi gatii yeroo dhaa gara yerootti hir'achuun dhibbantaa 13.6 irra ga'uun ibsame. Kanaafis imaammatni maallaqaa fooyya'uu, tarkaanfii mootummaan gabaa tasgabbeessuuf fudhate akka sababaatti eereera. β€Ž β€ŽGama sochii diinagdeetiin oomishtummaan biyya keessaa dabaluufi sharafni alaa akkasuma jijjiirama agarsiisuu ibseera. β€Ž β€ŽDaangeffamni imaammata maallaqaa irra ture akka laafu taasifamuun sochiin maallaqaa akka dabaluuf sababa akka ta'e baankichi ibsa isaa kenneen hubachiiseera. β€Ž β€ŽBaankichi hojiilee hojjataman qoratee yaada furmaataa kaa'uun, mariin korichaa itti aanu Muddee bara 2018 akka adeemsifamu ibse. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
😁 342❀ 338πŸ‘ 45😭 34😱 16🀬 12🀯 9🫑 9πŸ‘ 2πŸ₯° 1
Photo unavailableShow in Telegram
Hidhataan tokko waldaa amantoota Kiristaanaatti dhukaasa banuun ibidda itti qabsiisuun ibsame. Mishigaanitti hidhataan tokko waldaa amantoota Kiristaanaa Church of Jesus Christ of Latter-day Saints jedhamu konkolaataadhaan cabsee seenee dhukaasa banuun ibidda itti qabsiise namoota afur galaafatee namoota biroo saddeet ammoo madeesuun ibsame. Haleellaa kana kan raawwate nama maqaansaa Toomaas Jaakoob jedhamu kan umuriin isaa ganna 40 ta'e akka ta'e ibsameera. "Kaayyoon gocha kanaa maal akka ta'e ammatti ifa hin taane"jechuun kan ibse Poolisiin Mishigaa ;Ammoo haleellaa xiyyeeffannoon raawwatame ta'uu fi Hidhataan kun dhukaasa erga banee booda Poolisii dafee naannicha qaqqabeen itti dhukaafamee akka ajjeefame beeksise Jira. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
❀ 388😭 121πŸ‘ 54😁 33😒 25❀‍πŸ”₯ 18πŸ₯° 10πŸ‘ 8πŸ”₯ 7🀯 1😨 1
Finfinneetti balaan lolaa fi sigiga lafaa muudachuu danda'a jedhame. guyyoottan itti aanan kana keessa finfinneetti balaa lolaa fi sigiga lafaa mudachuu akka danda’u Raagi Haala Qilleensaa akeekkachiise. Dhaabbanni Raaga Haala Qilleensaa Itoophiyaa guyyoota itti aanan keessa Ityoophiyaa naannoolee garagaratti rooba idilee ol ta’e kan roobu ta’uu fi kunis balaa lolaa hamaa uumuu akka danda’u beeksisee Jira. Obbo Dasiisaa Xoonaa, Daarektarri qorannoo balaa dhaabbatichaa haaluma kanaan sababa rooba idilee ol ta’u maluun balaan lolaa fi sigiga lafaa dabaluu akka danda’u akeekaniiru. Kanaafuu lolaa fi sigiga lafaa dabalatee balaawwan biroo hawaasa muudachuu danda'an irraa of eeguun fi balaa hir’isuu irratti hubannoo bal’aa kennuun barbaachisaa ta’uu fi kanuma irratti hojjetamaa akka jirus ibsan. β€œBalaa irraa barachuu hin qabnu” kan jedhan Obbo Dasiisaa Xoonaa, hawaasni qajeelfamaa fi of eeggannoo qooda fudhattoonni dhimmi ilaallatu kennan fudhatanii hojiirra oolchuu akka qaban dhaamani jiru. Balaa hir’isuu malee, guutummaatti dhabamsiisuun akka hin danda’amne cimsanii kaasuun; haa ta'u malee sababa bokkaan guddaan guyyootan as deeman roobuu maluuf balaawwan mudachuu danda'u jedhamanii eegamaniif of eeggannoowwan bal'aan taasifamaa akka jiru himuun isaanii gabaafameera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
❀ 311😱 30πŸ‘ 17πŸ₯° 16πŸ•Š 14🀯 8😨 8😁 5
Photo unavailableShow in Telegram
Hidha Haaromsaatiin walqabatee himannaa Ijipti dhiheessiteef Itoophiyaan, himannaan dhihaate dhugaa hinqabu jettee deebii kennite. Himannaa Ijipti Walgahii Waliigalaa Biyyoota Gamtoomaniirratti Dhiheessite Itiyoophiyaan Dhara Jettee Deebii Kennite. Ijipti yeroo hedduu irra deddeebiin Itoophiyaan waa’ee Hidha Haaromsaa kophaa murteessiti yookaan murtii gamtokkee kenniti, biyyoota bishaanicharraa haajaa qaban hin hirmaachistu, seera itti fayyadama bishaanii addunyaa kabajaa hinjirtu; waliigaltee jaarraa 19ffaafi 20ffaa keessa mallattaahe fa’a hinkabajju jechuun Itoophiyaa himatti. Itoophiyaan gara ishiitiin waliigaltee itti fayyadama bishaanii baroota dhihoo kan biyyoonni yaa’a bishaanii keessa jiran hundi quba qabaniifi mariifi mallatteessuu keessaa harka qaban irratti hundooftnee mari’achuu qabna, waliigalteewwan Itoophiyaa looguun jaarraa tokkoon dura mallattaahaniin hinbullu, bishaan nu hundaa nigaha haqaan yoo itti fayyadamne, bishaan nu qofti itti haa fayyadamnu isin biratti rakkadhaa jechuun sirrii miti; bishaan harki caalu maddi isaa Itoophiyaa keessa ta’e fayyadamuurraa nu dhoorguuf yaaluun dogongora, jechuun falmaa turte. Amma Walgahii Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniirratti komii walfakkaatu kaastee jirti Ijipti. Itoophiyaan deebii β€˜himannaan dhiheessaa jirtu haqummaa hinqabu; waan Itoophiyaan hinqabneen maqaa balleessaa jirti’ jechuun bakka bu’aa ishiitiin deebii kennitee jirti. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
❀ 660πŸ‘ 75πŸ‘Œ 44😁 40πŸ₯° 18πŸ‘ 14πŸ€— 14πŸ”₯ 8🫑 8🀯 3
Photo unavailableShow in Telegram
Madda Wal dhabdee US fi chaayinaa kan ture Dhimmichi Miidiyaa hawwaasuma TikTok' gara furmaatatti dhufeera jedhame. TikTok'n US keessatti hojii isaa itti fufuuf waliigaltee irra gahuun isaa ibsameera Dhaabbilee Ameerikaatiin hogganamuuf deemas jedhamera. Dhaabbanni miidiyaa hawaasaa TikTok waggootaaf Ameerikaa fi Chaayinaa jidduutti madda waldhabdee uumaa ture US keessatti hojii isaa itti fufuuf waliigaltee irra gahuun isaa ibsameera. Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp ajaja hojii raawwachiiftuu waliigaltee TikTok kan dhaabbilee Ameerikaatiin qabamee fi hojjetamu taasisu deeggaru mallatteessaniiru. Waliigaltee kanaan gareen invastarootaa Ameerikaan durfamu TikTok dhibbeentaa 80 dhaabbata Chaayinaa ByteDance irraa kan bitu yoo ta’u, US keessatti TikTok ni to’ata. Waliigalteen waliigalaa kun guyyoota 120 itti aanan keessatti akka xummuramu kan beeksisan Doonaald Tiraamp, dhimma kana irratti pireezdaantii Chaayinaa Shii Jiinping waliin mari’achuun waliigalteerra ga’uu isaanii ibsaniiru. TikTok irra deddeebiin mootummaa Ameerikaatiin daataa dhuunfaa lammiilee Ameerikaa dabarsee kennuun himatamaa ture, akkasumas filannoo dhoorkamuu ykn qooda US keessaa qabu lammiilee Ameerikaatti gurguruu akka qabu jedhamuun ni yaadatama. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
❀ 434πŸ‘ 50😁 37πŸ™ 22πŸ‘ 13πŸ”₯ 11πŸ₯° 10🀯 5😱 2
Photo unavailableShow in Telegram
#ADS Karaa salphaa namni kamuu muuxannoo tokko malee hojii hojjechuu doolaaraan kaffalamuu danda’u @ASBEKSPLATFORM ASBEKS hojjechuu eegalaa. Asbeks yeroo hojjettan doolaara tokko yeroo geessu kallattiin β€œWithdraw” taassifattee baafachuu dandeessa. Asbeks guyyaa guyyaan siif kafala. Dabalataan Doolaara 200 injifadhaa! Asbeks sagantaa badhaasaa Doolaara 200 qopheessee jira , hojii kee hojjechaa, wanta dalagde baafachaa sadarkaa keessa kan baatu taanaan injifataa ni taata. @asbeksplatform hordofuun hirmaadhaa. Karaa Teeligiraamii @asbeksplatform hordofuun hojjechuu eegalaa. Hojjechuu eegaluuf https://t.me/asbeksbot/start/?startapp=myadrefNjMwNzk2NTQ2Mg
Hammasini ko'rsatish...
❀ 310πŸ‘ 72😭 16πŸ”₯ 13πŸ‘ 8🀯 2
Ayyaanni Daamaraa Masqalaa sagantaalee gararaan guutuu biyyattiitti haala hoo'aa ta'een kabajamaa jira. sagantaalee garaagaraan kabajamaa kan jiru Ayyaanni Kun bifa hedduu haawwataa fi namatti toluun Itti fufee Jira. Sagantaa Daamaraan dhaabbachuu fi hidhamuun kadhannaa, faaruwwanii fi lallabawwan adda addaan kabajamaa jira. Dureewwan amantaalee, hordoftoonni, barsiisonnii fi kutaaleen hawaasaa garaagaraa daawwattoonni biyya alaa fi biyya keessaa bakka argamanitti akkaataa duudhaa amantichaa eegeen kabajamuurratti argama SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
❀ 535πŸ‘ 73😁 38πŸ₯° 36🀯 6πŸ‘ 2🀬 1
uggurri imalaa Beeniyaamiin Netaaniyaahuu irra kaa'ame. Biyyi baha Awurooppaa Isloveeniyaan Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu biyyashi akka hin seenne uggura imalaa irra keesse. Sababni isaas waraana Israa'el Gaazatti gaggeessituun wal-qabatee ta'uu maddi oduu Rooyitars gabaaseera. Isloveeniyaan Waxabajjii darbe qondaalota olaanoo mootummaa Israa'el leellistoota ta'an lama irra uggura imalaa kaa'uunshii nii yaadatama. Bara darbe ammoo Filisxeemiis beekamtii biyyummaa kennuu beeksifteetti. Barreessaa Ministeera Dhimma Alaa Islooveeniyaa Neevaa Giraasiik akka beeksisanitti, ugguri Netaniyaahuu irra kaa'ame akkaatuma seera idiladdunyaa jiddu galeessa godhateeni. Biyyi miseensa Gamtaa Awurooppaa taate Islooveeniyaan Hagayya darbe qoqqobbii dhiyeessii meeshaa waraanaa Israa'el irra keessee turte. Akkasumas omishaalee Israa'el omishte akka hin binnes beekysifte. Mootummaan Islovaaniyaa Netaaniyaahuu irra uggura kan kaa'eef yakka waraanaa raawwachuusaa Mana Murtii Haqaa Idiladdunyaatti himatamuurraa kan ka'e ta'uu ibsan qondaalli Isloveeniyaa kun. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
❀ 343πŸ‘ 57🀩 14πŸ‘Œ 11🀯 2🀬 2😱 1
Photo unavailableShow in Telegram
Ministirri Muummee Dr Abiy Ahimad walta'iinsa Raashiyaa waliin imala gabbisa Niiwukilaraa ishee eegalteettis jedhan. MM Dr Abiy Ahimad "Itoophiyaan imala ishee qabatamaan eegaltee jirtii jedhan. "Biyya keenya Itoophiyaadhaaf Ejensii Inarjii Atoomikii Idil-addunyaatiin deeggarsi guddaan nuu taasifamaa jira"jedhan. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
star reaction 1❀ 553πŸ‘ 116🀯 37πŸ‘ 36😁 23πŸ”₯ 21πŸ₯° 19
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU SPOORTII:Taphataan Arsenaal duraanii guyyaa har'aa lubbuun isaa darbe. Taphataan Kun sababa miidhama sammuu isaarra gaheen lubbuun isaa darbuun ibsame. Akkaadaamii Arsenaal keessatti kan guddate Biilii Viigaar, tapharra otoo jiruu miidhama sammuu isaarra gaheen boqotee Jira. Taphataa Chiichistar kan ta'e Biilii Viigaar, tapha Sanbata darbee irratti sababa miidhama cimaan sammuu isaarra gaheen of wallaaluudhaan Hospitaala erga seenee booda, otoo waldhaansarra jiruu har'a lubbuun isaa darbuudha kan himame. Umuriisaa waggaa 14tti Akkaadaamii Arsenaalitti kan makame Biilii Viigaar, bara 2022tti Kilabii Kaaba Landan wajjin erga gargar bahee booda Chiichistariif taphachaa tureera. Taphataan kun miidhama isarra gahe kanaan umuriisaa waggaa 21tti lubbuun isaa dabarteetti. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
😭 344❀ 197😒 46πŸ’” 35πŸ‘ 18πŸ•Š 11πŸ₯° 9😱 6πŸ”₯ 5πŸ‘ 4
Photo unavailableShow in Telegram
ODUU:Itiyoo teeleekoom tarkaanfii fudhachuuf Akka jiru hime. Itiyoo teeleekoom maamiltootaa Teelee birr irraa liqii fudhachuun hanga hammaa hin deebisne irratti tarkaanfii seeraa fudhachuuf Akka jiru beeksise. Itiyoo teeleekoom maamiltoonnii Teelee birr irraa liqii fudhatan hanga torbee Itti anuu kanaattii Akka kaffaluu qaban beeksisuun hin taane taanaan seeraan himata Akka Banu himeera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
😁 209❀ 152😭 17πŸ‘ 16πŸ‘ 10😱 8πŸ₯° 2
Photo unavailableShow in Telegram
chaayinaan hobomboleettii haamaadhaan rukkutamaa jiraachuunshee ibsame. Yeroo hammaa kana Hobomboleettii hamaa Raggaasaa jedhamu Chaayinaa, Taayiwaanii fi Hong Koong rukutaa jiraa jedhame. Kanuma hordofee Chaayinaa bulchiinsa Guwaangdong keessaa qofa namoonni gara miiliyoona lamaa baafamaniirus jedhame. Hobomboleettii rooba cimaa makate kun Filiippiinsi erga rukutee gara Kibba Chaayinaattis darbee  Miidhaa guddaa geessisuu qondaalonni Chaayinaa himaniiru. Filiippiinsitti,Magaalota kaaba Filiippinsi lolaadhaan yeroo fudhataman lubbuun nama tokkoo darbeeras jedhame Taayiwaanitti ammoo, Rooba cimaan sababa hobomboleettii Raggaasaa jedhamu kanaan roobe haroon guutuun akka magaala keessa dhangala'an taasise. Namoota 14 galaafachuun namoonni 120 achi buuteen isaanii dhabameera. Haroon kun sigiga lafaa sababa hobomboleettii ji'a Waxabajii keessa ture ''Taayifuun Wiippaa'' jedhamuun uumame. Hong Koongitti,Manneen barnootaa fi buufanni qilleensaa idil-addunyaa sodaa bubbee fi rooba kanaan cufamaniiru. Chaayinaa;Kutaa bulchiinsa Guwaangdong keessaa qofa namoonni gara miliyoona lamaa mana isanaiitii baafamanii bakka biraatti geeffamaniiru. Magaalonni Kibba Chaayinaa akka Zhuhaayii, Sheenzheen fi Guwaangizhuu galaanni itti garagaluun miidhaa guddaa keessa jirus jedhame SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
❀ 430😒 54πŸ‘ 45😁 32πŸ•Š 18πŸ”₯ 10πŸ’” 8πŸ₯° 6🀯 4πŸ‘ 3
Photo unavailableShow in Telegram
#ADS Karaa salphaa namni kamuu muuxannoo tokko malee hojii hojjechuu doolaaraan kaffalamuu danda’u @ASBEKSPLATFORM ASBEKS hojjechuu eegalaa. Asbeks yeroo hojjettan doolaara tokko yeroo geessu kallattiin β€œWithdraw” taassifattee baafachuu dandeessa. Asbeks guyyaa guyyaan siif kafala. Dabalataan Doolaara 200 injifadhaa! Asbeks sagantaa badhaasaa Doolaara 200 qopheessee jira , hojii kee hojjechaa, wanta dalagde baafachaa sadarkaa keessa kan baatu taanaan injifataa ni taata. @asbeksplatform hordofuun hirmaadhaa. Karaa Teeligiraamii @asbeksplatform hordofuun hojjechuu eegalaa. Hojjechuu eegaluuf https://t.me/asbeksbot/start/?startapp=myadrefNjMwNzk2NTQ2Mg
Hammasini ko'rsatish...
❀ 207😁 31πŸ‘ 28πŸ‘ 18πŸ”₯ 11πŸ₯° 11😭 10🀯 3