ABDII SABAA
前往频道在 Telegram
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! @Abdii_Sabaa 💬Contact Us💬 @AbdiiSabaaDm 🎯BARNOOTAAF @abdii_sabaa_university 🎯MARIIF @Garee_Abdii_Sabaa
显示更多2025 年数字统计

561 225
订阅者
-4424 小时
-1327 天
-1 00130 天
帖子存档
01:02
视频不可用在 Telegram 中显示
📣 ADS
Gaarii Uffachuun Ofittii Amanamumma Nuuf Dabala
Maarree Pirotokoolii Hacaaluu waliin Pirotokoolii keessan eeggadhaa, eebba keessan miidhagsadhaa 🌸
Hacaaluu Protocol
📍 Teessoo: Magaalaa Shaashamannee, Buufata Konkolaataa Haaraa – Gamoo Biiftuu Fuuldura
📞 Bilbila: 0900000095
📲 Teeleegiraama: @hachaluprotocol1
Beeksisa, oomisha ykn tajaajila keessan miidiyaa Abdii Sabaa irratti beeksisuu barbaaddaa?
👉 @AbdiiSabaaDm irratti nu qunnamaa!
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
IMG_0579.MP422.05 MB
❤ 92👍 4
Tiraamp BBCn maqaa kiyya balleesse jechuun beenyaa dolaara biliyeena tokkoon himachuufi.
Dookumentarii BBCn hojjatee ture keessatti haasaan Tiraamp akka hin taanetti dhiyaatee ifa bahuu booda Tiraamp beenyaa dolaara biliyeena tokkoon BBC akka himatu beeksise.
Abukaatonni Tiraamp himannaa BBC irratti akka banuuf akka jedhan miidiyaaleen US gabaasaa jiru.
Haasaa Tiraamp akka hin malletti dhiyeessuu isaaf BBCn ifatti dhiifama gaafatus, Tiraamp tarkaanfii seeraa fudhachuu akka barbaadu ibse.
BBC Panaroomaa waggootan dura dookumentarii hojjate keessatti haasaa Tiraamp walitti suphuun akka hin taanetti dhiyeessee akka ture miidiyaan UK ifa baasuu hordofee gaggeessaa ol'aanaa BBC kan ta'e Tiim Deeviis fi itti gaafatamtuu ol'aantuun damee oduu Deeboraa Turnes fedhiisaaniin aangoo gadi dhiisaniiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 189😁 188👍 25🔥 2👏 1🤯 1
照片不可用在 Telegram 中显示
Ajjeechaan kun “amantaa fi gosummaan osoo adda hin fooyin kan raawwatame” -Manni Maree Manneen Amantaa Itoophiyaa.
Ajjeechaa Godina Arsii raawwatame kan balaaleffate Manni Maree Manneetii Amantaa Itoophiyaa qorannoo gaggeessuun ajjeechichi, kan “amantaa fi gosa osoo adda hin qoodiin kan taasifame” ta’uu adda baasuu ibsa guyyaa har'a baaseen ifoomse.
Manni Maree Manneen Amantaa Itoophiyaa garee dhimma ajjeechaa dhiyeenya Godina Arsii Aanaa Gunaa, Martii, Sharkaa, fi kaan keessatti raawwate Sadaasa 04, 2025 garasitti erguu yaadachiiseera.
Gartuun qorattootaa kun gara aanota hundaatti bobba’ee erga guyyoota shanan darbaniif qorannoo gaggeessaa tureen booda har'a Sadaasa 10, 2025 gabaasa isaa sadarkaa duraa ifa taasiseera.
Kanaanis Aanota kanneen akka Gunaa, Shirkaa, fi Honqooloo Waabeetti namootni ajjeefamuu, butamuu, fi qabeenyi manca’uu jiraattota naannoo irraa adda baafachuu ibse.
Qorannoo geggeeffame irratti hundaa'ee Namootni ajjeefaman, kan miidhaan qaamaa irra gahee fi qabeenyi duraa mancaafame, tajaajiltoota mana amantaa tokkoo qofa akka hin taane kan ibsee yoo ta'u “ajjeechaan ifatti raawwatames kan amantaa fi gosa adda foo’ee hin taasifamne ta’uu ibsa” jedhe.
“balaa kana kan geessisan qaamota maqaa gara garaatiin of waaman kan yeroo rakkoon nagaa yoo mudatu sochii qaamolee nageenyaa naannochaa ilaaluun haleellaa dhaqqabsiisanii battala dhokatan” ta’uu ibse.
Manni Amantaa Ortoodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa Onkoloolessa 29, 2025 ibsa baaseen, Godina Arsii Aanotii adda addaa keessatti kan ajjeechaa kanaan miidhaman “hordoftoota mana amantichaa” ta’uu ibsuunsaa ni yaadatama.
Mana Amantaa Ortoodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa dabalatee ajjeechaa kana booda mootummaan lubbuu namoota nagaa badaa jiru akka tiksu gaafachuun isaaniis ni yaadatama.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 435😭 96😁 43🤬 16🫡 16👍 8🤯 8🕊 5
照片不可用在 Telegram 中显示
ajjeechaan kun “amantaa fi gosummaan osoo adda hin fooyin kan raawwatame” -Manni Maree Manneen Amantaa Itoophiyaa.

Komii
Barattootni mana barumsa addaa Yuunivarsiitii Amboo rakkoo keeysa jirra jechuun mooricha komatan
Haaluma kanaan Barattootni kunneen akka jedhanitti nuti barattoota aanoota baadiyyaa godinichaa bakka garagaraa irraa walitti dhufne waan taaneef moorichatti bakka jireenyaafi nyaata qulqulluu dhabuurraa kan ka'e rakkachaa jirra jedhan.
Keeysattuu yeroo jireenyi qaalaa'ee jiru kanatti qarshiin maatiin keenya nuuf ergaa jiru kiraa manaa nurraa kafaluu hanga dadhabuu bira geenyee jirra jedhan aanoota akka Noonnoo, Fi gindabarat faa rakkoo nageenyaaf jecha maatiin akka itti birrii nuuf ergullee dhabanii rakkataa jirra jedhan.
Gaafa 28/2018 walitti qabamnee marii hoggansa moorichaa waliin gaggeeysina jennee qophooynuus qaama nuti hin beeynetu dhufee gaafii keeysan isiniif ol dabarsina jedhanii callisan jechuun komii isaanii miidyaa Abdii Sabaatiif dhiyeeysan.
Miidiyaan Abdii Sabaa komii kana adda baasuuf hogganaa mana barumsichaa obbo Bekele Merga bilbilaan dubbisnee turre. Isaaniis gama isaaniitiin akkas jedhan. Barattoota kana gaafii isaanii qabannee qaama ol'aanaa moorichaa gaafachaa jirra.
Haa ta'u malee barattoota kana deeggaruuf jecha Yuunivarsiitiin keenya waan baayyee godhaa ture inumaa barattoota naannoo baadiyyaa lafa fagoo akkasumaas maatii harka qalleeysaa fi haalli nageenyaa gaarii hin taane keeysaa dhufan maqaa isaanii adda baafnee Yuunivarsiitiif kennaa turre Yuunivarsiitichiis gargaarsa gaodhaafi ture jedhan ammaas jabeeysinee kan itti fuufnu taha barattootniis barnoota isaanii barachaa gaafii isaanii karaa nagayaatiin gaafachuu akka qaban dhaamsa qaban dhaaman.
Miidiyaan Abdii Sabaatiis dhimma kana maal irra akka gahe gara fuula duraatti hordofnee kan isin biraan geenyu taha.
Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa!
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 404👍 32😱 31😢 29🫡 13🔥 11🥰 8👏 2
📣 ADS
Yuunivarsitii Amboo – Eebba Bara 2018
Barattoonni Yuunivarsitii Amboo – Mooraa Guddichaafi Maammoo Mazammir,
Dhaabbanni “Haacaaluu Protocol” eebbifamtoota Bara 2018 waliin Eebba keessan miidhagsuuf qophaa’ee mooraa keessan dhufaa jira! 🌟
📅 Guyyaa: Kibxata, 2/3/2018
📍 Bakka: Mooraa Guddicha,
Barattoonni mooraa Maammoo Mazammiris mooraa guddhichatti affeeramtaniittu.
✨ Waggaa hedduuf dadhabbii fi qormaata hedduun dabarsitanii amma yeroon milkaa’ina keessan kabajuu gaheera.
Gaarii Uffachuun Ofittii Amanamumma Nuuf Dabala
Maarree Pirotokoolii Hacaaluu waliin Pirotokoolii keessan eeggadhaa, eebba keessan miidhagsadhaa
🌸
Uffata bareedaa, qulqullinaa fi dizayinii ammayyaa qabuun guyyaa keessan adda taasisaa!
Haacaaluu Protocol uffata eebbifamtootaaf qophaa’e kan:
• Qulqullina olaanaa qabu,
• Fakkeenya ammayyaa ta’e,
• Gatiin madaalawaa ta’e,
• Yunivarsitii ykn Kolleejjii keessan waliin qindeessinee dhufna!
Eebba keessan bareechuuf, gammachuu keessan waliin qooddachuuf isinii dhufaa jirra.
Miidhagina, ofitti amanamummaa fi seenaa eebba keessanii waliin galmeessina!
Hacaaluu Protocol
📍 Teessoo: Magaalaa Shaashamannee, Buufata Konkolaataa Haaraa – Gamoo Biiftuu Fuuldura
📞 Bilbila: 0900000095
📲 Teeleegiraama: @hachaluprotocol1
Beeksisa, oomisha ykn tajaajila keessan miidiyaa Abdii Sabaa irratti beeksisuu barbaaddaa?
👉 @AbdiiSabaaDm irratti nu qunnamaa!
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
IMG_0511.MP416.68 MB
IMG_0510.MP411.54 MB
❤ 62👍 7🥰 4
照片不可用在 Telegram 中显示
Somaalilandiin Imala Viizaa Somaaliyaan Baafte Didde
Somaalilaandiin viizaan ykn hayyamni imala Somaaliyaan kennitu gara naannoo ishee seenuun seera qabeessa akka hin taane beeksiste.
Akka ibsa Ministeera Immigireeshinii fi To’annoo Daangaaatti, sanadoonni akkasii daangaa Somaalilaandi kamittuu hin fudhataman.
Qajeelfamni haaraan kun, namoonni gara Somaalilaandi imalan viizaa seera qabeessa buufata xiyyaaraa Hargeessa Egaal (HGA) yookaan Berberaa (BBO) irratti argachuu danda’u, yookaan immoo dura dhaabbilee Somaalilaandi biyya alaa jiranitti iyyachuun argachuu akka qaban ibseera.
Komishinar Mohaammad Huseen Faraahiin mallatteessuun, Labsii Immigireeshinii fi To’annoo Daangaa Lakk.109/2025 irratti hundaa’uun ajajni kun hojii irra ooleera.
Somaalilaandiin bara 1991 Somaaliya irraa bilisa baatee mootummaa, waraanaafi maallaqa mataa ishee qabdu taatee, amma immoo beekamtii idil-addunyaa argachuuf tattaaffii itti fufte jirti.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 190🔥 18👍 5😁 3👏 1🤯 1😱 1
Raashiyaan misaa’ela niwukilaraa furguggifte jechuun yaaddoon guddachaa dhufeera.
Raashiyaan hanga US Waliigaltee Uggura Qormaata Niwukilaraa hin cabsinetti ''seera ni kabajna'' Jettee.
Dubbi himaan Kremlin Dimitiri Peeskov meeshaaleen waraanaa Raashiyaan dhiheenya kana qoratte ''qormaata niwukilaraa'' miti jedhan.
Gama biraatiin ammoo Raashiyaan misaa’ela niwukilaraa furguggifte jechuun yaaddoon guddachaa dhufeera.
Moskoo uggura yaalii niwukilaraa idil addunyaa akka hin cabsine ibsiteetti.
Biyyoonni biroo yoo akkas godhan garuu ''dubbii malee hin teenyu'' jedhan Peskov.
Prezidaant Doonaald Tiraampis Beejiingii fi Moskoo dhoksaan yaalii niwukilaraa gaggeessaa jiru jechuun himataniiru.
Dhugaadha, Chaayinaanis ta’e Raashiyaan himannaa Tiraamp irra deddeebiin haaluun, dhugaa jiru jallisuu jechuun haalaniiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 170👍 9🤩 5👏 4🤯 2
Maallaqa biyya keessaa baasuuf ariifachuu fi dantaan invastaroota biyya alaa gabaan gurraachaa akka dabalu sababa ta'uu himame.
Dhiheenya kana qaala'iinsi jireenyaa ol'aanaan sharafni gabaa gurraacha Itiyoophiyaa keessatti mul'ate, erga gatiin doolaara Ameerikaa birrii 180 ga'ee booda, amma xiqqoo gadi bu'ee birrii 174 ta'eera.
Haa ta'u malee, safartuun jijjiirraa kun gabaa idilee (official) keessatti jiddu galeessaan doolaara tokkoof birrii 153 ture irraa garaagarummaa guddaa qaba.
Jijjiirama kanaaf sababoonni gurguddoon maallaqa biyya keessaa baasuuf ariifachuu fi fedhii invastaroota Itiyoophiyaa keessattuu invastaroota Eeshiyaa Doolaara irratti qaban ol’aanaa ta’uu ogeeyyiin damee kanaa ibsaniiru.
Sababa walitti bu’iinsa tibbana naannoo Affaaritti uumameen namoota dhuunfaa qabeenna isaanii biyya keessaa baasuuf barbaadan doolaaraaf ariifachuun qaala’iinsa jireennaa kanaaf gumaacha guddaa akka taasise ogeeyyiin ibsaniiru.
Akka Kaappitaal gabaasetti; Kana malees, mootummaan albuuda warqee gatii gabaa addunyaa ol ta’een bituun isaa daldaltoonni warqee maallaqa biyya keessaa (birrii) baay’inaan akka qabatan taasiseera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 240👍 13😁 4🤯 2🔥 1👏 1😱 1🤬 1
📣 ADS
Yuunivarsitii Amboo – Eebba Bara 2018
Barattoonni Yuunivarsitii Amboo – Mooraa Guddichaafi Maammoo Mazammir,
Dhaabbanni “Haacaaluu Protocol” eebbifamtoota Bara 2018 waliin Eebba keessan miidhagsuuf qophaa’ee mooraa keessan dhufaa jira! 🌟
📅 Guyyaa: Kibxata, 2/3/2018
📍 Bakka: Mooraa Guddicha,
Barattoonni mooraa Maammoo Mazammiris mooraa guddhichatti affeeramtaniittu.
✨ Waggaa hedduuf dadhabbii fi qormaata hedduun dabarsitanii amma yeroon milkaa’ina keessan kabajuu gaheera.
Gaarii Uffachuun Ofittii Amanamumma Nuuf Dabala
Maarree Pirotokoolii Hacaaluu waliin Pirotokoolii keessan eeggadhaa, eebba keessan miidhagsadhaa
🌸
Uffata bareedaa, qulqullinaa fi dizayinii ammayyaa qabuun guyyaa keessan adda taasisaa!
Haacaaluu Protocol uffata eebbifamtootaaf qophaa’e kan:
• Qulqullina olaanaa qabu,
• Fakkeenya ammayyaa ta’e,
• Gatiin madaalawaa ta’e,
• Yunivarsitii ykn Kolleejjii keessan waliin qindeessinee dhufna!
Eebba keessan bareechuuf, gammachuu keessan waliin qooddachuuf isinii dhufaa jirra.
Miidhagina, ofitti amanamummaa fi seenaa eebba keessanii waliin galmeessina!
Hacaaluu Protocol
📍 Teessoo: Magaalaa Shaashamannee, Buufata Konkolaataa Haaraa – Gamoo Biiftuu Fuuldura
📞 Bilbila: 0900000095
📲 Teeleegiraama: @hachaluprotocol1
Beeksisa, oomisha ykn tajaajila keessan miidiyaa Abdii Sabaa irratti beeksisuu barbaaddaa?
👉 @AbdiiSabaaDm irratti nu qunnamaa!
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
IMG_0510.MP411.54 MB
IMG_0511.MP416.68 MB
❤ 195👏 19😁 10🤬 9👍 7🤗 3
照片不可用在 Telegram 中显示
Bidiruun dhidhimuu hordofee lubbuu namootaa baraaruuf tattaaffiin godhamaa jira.
Naannawaa daangaa Maaleezyiyaa fi Taayilaanditti Bidiruun dhidhimuu hordofee lubbuu namootaa baraaruuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu gabaafame.
Namoonni 300 ta'an Bidiruu guddaa tokkoon Maayinaamaar Magaalaa Butiidaangii erga ka'an naannawaa daangaa akkuma gahanii bidiruuwwan 3tti qoodamuun akka imalan taasifamuu Abbaan Taayitaa Mariitaayimii Maaleezyiyaa beeksiseera.
Bidiruu tokkorra balaan dhidhimuu qaqqabuufi hanga ammaatti namoonni 10 lubbuun argamuu ibsame.
Balaan kun kan muudate guyyoota sadi dura yoo ta'u, haalli bidiruuwwan lamaan irra jiran kan hin beekamnee fi lubbuu namootaa dhabamanii baraaruuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru abbaan taayitichaa himeera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
#ADS
Yuunivarsitii Amboo mooraa Walisoo Gaafaa Guyya 29/2/218/ Dhabbanni Keenyaa Hacaluu Pirotokool Waan Dhufuuf Ebbifamtoonnii Bara 2018 Hundi Kessan Qophiin Nu Eegaa👌
Yuunivarsitii Amboo Mooraa guddicha Wiixata Gaafa Guyyaa 1/3/2018
Yuunivarsitii Amboo mooraa Maammoo Mazammir/Gudar 2/3/2018 gaafa Guyyaa kibxataa kan dhufnu ta’a.
Pirotokoolii Hacaaluu waliin Pirotokoolii keessan eeggadhaa!
Waggaa hedduuf dadhabdanii barattanii Firii dadhabbii keessanii yeroo itti argitanitti Bareeddanii iftanii akka mul’attan … ’Pirotokolii Haacaaluu …Filadhaa !!
Eebba keessan miidhagsuuf gammachuu keessan qooddachuuf ‘
Uffannaa dhiiraa Ammayyaa , dizaanii jaallattaniin, Qulqullina olaanaan Barattootaaf …. Hirrifama Gatii Madaalawan…. Yunivarsiitii ykn Kolleejjii keessanitti wal qindeessuun yoo nu affeertan dhufnee safara keessan fudhachuun …. Eebba keessan miidhagsuuf as jirra.
Pirotokoolii Haacaaluu!!
Teessoon: Magaalaa Shaashamannee: Buufata Konkolaataa Haaraa Gamoo Biiftuu Fuuldura. Lakk. Bilb:0900000095
Karaa Teelegiraama mu hordofaa @hachaluprotocol1
Tajaajilaafi oomisha keessan miidiyaa Abdii Sabaa irratti beeksifachuuf @AbdiiSabaaDm qunnamaa.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
IMG_0510.MP411.54 MB
IMG_0511.MP416.68 MB
❤ 81👍 5🥰 1👏 1
Gamtaan Afrikaa Preezdaant Tiraampiif deebii kenne.
Gamtaan Afrikaa Ameerikaan Naayijeeriyaa keessatti humna caalaa dippilomaasii dursa akka kennitu gaafateera.
Komishiniin Gamtaa Afrikaa ibsa kenneen, Pireezidaanti Tiraamp dhiheenna kana Naayijeeriyaa keessatti ajjeechaa Kiristaanota irratti raawwatamaa jiru balaaleffachuu isaanii fi Naayijeeriyaa irratti tarkaanfii waraanaa akka fudhatan doorsisuu isaanii hubachiiseera.
Gamtichi dhimmicha irratti ibsa ejjennoo qabxii jaha qabu baasuuf akka dirqamees ibseera.
Qabxiileen kunniinis:-
1•Naayijeeriyaan miseensa Gamtaa Afrikaa yeroo dheeraa fi gatii guddaa qabdu yoo taatu, tasgabbii naannoo, farra shororkeessummaa, hojii nagaa eegsisuu fi ida’amuu ardiilee keessatti gahee ol'aanaa taphatti.
2•Gamtaan Afrikaa mirga abbaa biyyummaa Naayijeeriyaa dhimma keessoo ishee dabalatee nageenna isii, bilisummaa amantii fi mirga namoomaa, akkaataa heera mootummaa fi seera addunyaa isaatiin gaggeessuuf qabdu guutummaatti ni kabaja.
Jidduu seenuun alaa kamiyyuu abbaa biyyummaa Naayijeeriyaa, qulqullina naannoo fi tokkummaa ummata isii kabajuu qaba.
3•Komishiniin Gamtaa Afrikaa Heerri Naayijeeriyaa bilisummaa amantii akka mirkaneessu fi mootummaan cunqursaa amantaa bifa kamiinuu akka mormu ni hubata.
4•Naayijeeriyaan qormaata nageennaa walxaxaa gareewwan amantaa hunda ilaallatu kan mudate yoo ta’u, Gamtaan Afrikaa yakka kana raawwatan seeratti dhiyeessuuf tumsi idil-addunyaa fi naannoo akka ta’u gaafatee jira.
5•Gamtaan Afrikaa amantii akka meeshaa waraanaatti fayyadamuu fi dubbii qormaata nageennaa xiqqeessuu ni dide.
Waldhabdee kamiyyuu kaka’umsa amantiitiin walqabsiisuun furmaata bu’a qabeessa ta’e gufachiisuu fi hawaasa tasgabbii dhabsiisuu danda’a.
6•Ameerikaa dabalatee michoonni biyya alaa hundi Naayijeeriyaa keessatti jidduu seensaa waraanaa gama tokkoon bobba’uuf doorsisuun marii dippilomaasii, odeeffannoo nageennaa, fi ijaarsa dandeettii irratti bobba’uu qabu kanneen jedhaniidha.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 295👍 34👏 18🫡 14🥰 7💔 6😁 5🤯 5
Biiroon Dhimma Dargaggoota Tigraay Baqattoonni Itiyoophiyaa Yaman keessa jiraatan hatattamaan akka eegamu fi gara biyyaatti akka deebifaman gaafate.
Biiroon Dhimma Dargaggoota Bulchiinsa Yeroo Tigraay Dhaabbata Godaantota Addunyaa (IOM) fi Waldaa Fannoo Diimaa Itiyoophiyaatti waamicha hatattamaa dhiyeessee, baqattoonni Itiyoophiyaa Yaman keessa jiran “rakkoo namoomaa hamaa fi hammaataa dhufe” keessa akka jiran ibseera.
Biiroon kun xalayaa dhaabbilee lamaan kanaaf barreesseen dargaggoonni Tigraay hedduu dabalatee baqattoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman haala lubbuu namaa balaarra buusu keessa akka jiran ibsuun, xalayaa kana kan barreesse “ariifachiisaa fi yaaddoo guddaa irraa kan ka’e” ta’uu ibseera.
Baqattoonni kun harki caalaan isaanii carraa fooyya’aa barbaaduuf imala balaa irra kan turan yoo ta’u, amma “balaa guddaa” keessa akka galan xalayaan kun ibseera.
Baqattoonni Yaman keessa jiran humnaan gara biyyaatti akka deebi’an, doorsisni jeequmsaa, hidhaa fi “adabbii bifa balaafamaa” mirga namoomaa isaanii sarbuu fi mirga namoomaa bu’uuraa isaanii sarbuun akka raawwatamaa jiru waajjirichi ibseera.
Xalayaan kun keessumaa shamarranii fi daa’imman faayidaa fi jeequmsaaf saaxilamoo ta’uu ibseera.
Dhaabbanni Godaantota Idil Addunyaa fi Fannoo Diimaan Itiyoophiyaa tarkaanfii hatattamaa fudhachuun nageenna qaamaa baqattootaa mirkaneessuu fi kabajaan gara biyya isaaniitti akka deebi’aniif haala mijeessuu akka qaban waajjirichi dhaamaniiru.
Bulchiinsi yeroo Tigraay namoota gara Itiyoophiyaa galan deebi’an simachuuf akkasumas deebisanii dhaabuu isaanii deeggaruuf michoota qarqaarsa namoomaa waliin walitti dhiyeennaan hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessee jira.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 170🥰 4💔 4👍 3🔥 2👏 1🕊 1
照片不可用在 Telegram 中显示
WBO’n ajjeechaa tibbana Arsiitti raawwatameef “qaama mootummaa” komachuu ibse.
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)’n mootummaan federaalaa haleellaa dhiheenya kana godina Arsii keessatti raawwatame “Waraana Bilisummaa Oromootti maxxansuun sirrii miti’’ jechuun himatee, rakkoo biyyattii keessatti gadi fageenyaan mul’achaa jiruuf bulchiinsii Muummee Ministiraa Abiyitti “waraana biraa qabsiisaa jira” jechuun akeekkachiiseera.
Gareen hidhate kun ibsa kaleessa baaseen, Paartiin Badhaadhinaa (PP) ejjannoo siyaasaa jechaa, waraanaa hammeessaa jiruu kanaanis “odeeffannoo sobaa tamsaasuun, haleellaa bakka bu’ummaafi haleellaa eenyummaa irratti hundaa’e raawwataa’’ jira jechuun himate.
Haaluma wal fakkaatuun ‘’bara darbe Mootumaan waraana bal’aa Jimmaa fi Arsii keessatti uumuuf yaaluus hin milkoofne jedhe. Dhiheenya kanas “godina Arsiitti Kiristaanota mana kadhannaa Ortodoksii keessatti sagantaa kadhannaa gaggeessaa turan irratti haaleellaa raawwatee” jechuun WBO himate. Haaluma wal fakkaatuun naannoo Amaaraafi Tigraay keessatti gocha wal fakkaatu dalaguun qaama biraati yakka kan raawwate maxxansaa jira jechuun himate.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 463😁 41👍 31😨 21🥰 17🤯 17😱 4👏 1🕊 1
Ajajni hidhaa Netaaniyaahuu irratti ba'e.
Manni murtii ol'aanaa Turkiyyee duguuggaa sanyii Gaazaa keessatti raawwatame ilaalchisee ajaja hidhaa Netaaniyaahuurratti baaseera.
Manni murtii Turkiyyee Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa Itamar Ben-Gvir dabalatee qondaaltonni ol'aanoo Israa’el 35 irratti himanni banamuu beeksiseera.
Manni murtichaa himannaa kana kan baase, duguuggaa sanyii loltoonni Israa’el ajaja Netaaniyaahuun lammiilee Falasxiin kuma 70 ol irratti raawwatan hordofeeti.
Ministeerri Dhimma Alaa Turkiyyee murtee mana murtii Turkiyyee kanaan itti gammaduu ibsuun, Turkiyyeen biyya haqaaf dhaabbattu ta’uu ibseera.
Biyyoonni biroos qondaaltota Israa’el irratti tarkaanfii barbaachisaa akka fudhatan dhaamaniiru jechuun CNN, Al Jazeera fi miidiyaaleen kaan gabaasaniiru.
Manni murtii yakkaa idil-addunyaa (ICC) bara 2024tti hogganaa Israa’el Netaaniyaahuu fi Ministira Ittisaa Israa’el duraanii Yuav Gallant ajaja hidhaa baasee turuun isaa kan yaadatamuudha.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 259😁 61👍 33🥰 7😱 5🏆 4🔥 2👏 2
照片不可用在 Telegram 中显示
"Afrikaan Kibbaa Garee G20 keessaa haqamuu qabdi; waanuma Garee jedhamu keessaa haqamuu qabdi. Sababni isaas wanti biyya sanitti ta'aa jiru gaarii miti. Ani biyya keenya bakka bu'ee walgahii Sadaasa 22-23/2025 irratti hin hirmaadhu" -Doonaaldi Tiraampi.
Tiraampi"Hooggansi Ameerikaa Walgahii G20 Irratti Hirmaatu Wahiituu Hinjiru Afrikaan Kibbaa Lafaafi Qabeenya Warra Adaadii Humnaan Irraa Fuudhaa Jirti " jedhan.
Prezidaantiin Afrikaa Kibbaa Cyril Ramaphosan ammoo "Walcaalmaan Addunyaa keessatti babal'ataa jiru,
hawaasni akka gitaan walqoodu gochuun tasgabbii dhabuu hammeessaa jira" jedhan.
Walcaaluun diinagdee yookaan walqixxummaan carraafi diinagdee jiraachuu dhabuun, nagaafi tasgabbiif gaarii waan hintaaneef, deebii muddaa barbaada jedhan Pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa, Cyril Ramaphosa. Dhimmi kun gabaasa G20 keessattis gatii jabduu argachuu dubbatan.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 252👍 43😁 34😱 9🔥 8👏 6💔 5🤯 4
#ADS
Yuunivarsitii Amboo mooraa Walisoo Gaafaa Guyya 29/2/218/ Dhabbanni Keenyaa Hacaluu Pirotokool Waan Dhufuuf Ebbifamtoonnii Bara 2018 Hundi Kessan Qophiin Nu Eegaa👌
Yuunivarsitii Amboo Mooraa guddicha Wiixata Gaafa Guyyaa 1/3/2018
Yuunivarsitii Amboo mooraa Maammoo Mazammir/Gudar 2/3/2018 gaafa Guyyaa kibxataa kan dhufnu ta’a.
Pirotokoolii Hacaaluu waliin Pirotokoolii keessan eeggadhaa!
Waggaa hedduuf dadhabdanii barattanii Firii dadhabbii keessanii yeroo itti argitanitti Bareeddanii iftanii akka mul’attan … ’Pirotokolii Haacaaluu …Filadhaa !!
Eebba keessan miidhagsuuf gammachuu keessan qooddachuuf ‘
Uffannaa dhiiraa Ammayyaa , dizaanii jaallattaniin, Qulqullina olaanaan Barattootaaf …. Hirrifama Gatii Madaalawan…. Yunivarsiitii ykn Kolleejjii keessanitti wal qindeessuun yoo nu affeertan dhufnee safara keessan fudhachuun …. Eebba keessan miidhagsuuf as jirra.
Pirotokoolii Haacaaluu!!
Teessoon: Magaalaa Shaashamannee: Buufata Konkolaataa Haaraa Gamoo Biiftuu Fuuldura. Lakk. Bilb:0900000095
Karaa Teelegiraama mu hordofaa @hachaluprotocol1
Tajaajilaafi oomisha keessan miidiyaa Abdii Sabaa irratti beeksifachuuf @AbdiiSabaaDm qunnamaa.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 102👍 3
照片不可用在 Telegram 中显示
Bulchiinsi Traamp imaammata haaraa viizaa dhoorkuu danda'u kan baase yoo ta'u Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa Kamisa darbe qajeelfama haaraa baaseera.
US namoota dhukkuba sukkaaraa, dhukkuba onnee fi furdina garmalee qabaniif viizaa dhoorkachuu akka dandeessu ibsame.
Bulchiinsi Traamp namoota haala fayyaa akka dhukkuba sukkaaraa ykn furdina garmalee qabaniif imaammata haaraa viizaa dhoorkuu danda'a jedhu baase.
Qajeelfamni kun akka jedhutti iyyattoonni haala fayyaa akkasii qaban akka “ba’aa ummataa” ykn diinagdeen US irratti dhangala’utti kan ilaalaman yoo ta’u, gara US dhufuu isaanii dura qorannoof kan saaxilaman ta’uu ibseera, sababiin isaas “ba’aa ummataa” ykn qabeenna mootummaa irratti diinagdee kan balleessu ta’uu danda’a.
Qajeelfamni kun gara Imbaasiiwwanii fi Qoonsilaa Ameerikaatti ergame jechuun miidiyaan oduu Waashingitan keessa jiru KFF Health News gabaaseera.
Kanaan dura adeemsa iyyannoo viizaa Ameerikaa keessatti dhukkuboota daddarboo, seenaa talaallii, fayyaa sammuu fi dandeettii qaamaa qofatu ilaalama ture.
Haa ta’u malee imaammanni haaraan kun dhukkuba onnee, dhukkuba sirna hargansuu, kaansarii, dhukkuba sukkaaraa, rakkoo meetaabolii, niwurooloojikaalaa fi sammuu dabalatee haalawwan fayyaa biroos kan hammatu ta’a.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 227😁 44👍 23😢 16🔥 7🤯 6👏 2
ABUT Mootummaa Federaalaa haleellaa dirooniin himate.
Addi Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT), mootummaan federaalaa Waliigaltee Piriitooriyaa cabsuun haleellaa diroonii narratti raawwateen humnoota Tigraayifi namoota nagaa irra miidhaa geessise jechuun ibsa Kamisa galgala baaseen himate.
Ibsa Kamisa baasaniin, mootummaan halkan kamisaa, Sadaasa 06/2025 haleellaa diroonii raawwateera jedhan.
Haleellaa raawwatame jedhan kanaanis miseensonni humnoota Tigraayifi namoonni nagaa naannawaa sana jiran miidhaman jechuun ibsan.
Mootummaan himannaa kanaaf amma gabaasni kun qindaa’etti deebii kan hin kennine yoo ta’u, Addi Bilisummaa Uummata Tigraayis bal’ina haleellaa raawwatame jedhee hin kennine.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤ 218👍 26😁 21🔥 9🕊 5😱 3💔 3👏 1