ch
Feedback
ABDII SABAA

ABDII SABAA

前往频道在 Telegram

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! @Abdii_Sabaa 💬Contact Us💬 @AbdiiSabaaDm 🎯BARNOOTAAF @abdii_sabaa_university 🎯MARIIF @Garee_Abdii_Sabaa

显示更多
2025 年数字统计snowflakes fon
card fon
561 195
订阅者
-4424 小时
-1327
-1 00130
帖子存档
照片不可用在 Telegram 中显示
Itoophiyaatti hojiin ijaarsa daandii saffisaa Moojoo hanga Hawaasaa, kan qulqulinaa sadarkaa olaanaa qabuu fageenya kiiloo meetira 202 dheeratu xumuraaf gahuu Baankiin Addunyaa beeksise. Dabalata daandiin kuni qaama daandii guddichaa Kaayiroo Keephii Tawoonii kan ardii Afrikaa wali qunamsiisuu ta'uu Baankichi dabalataan ifoomseera. Daandiin saffisaa kun guutummaatti xumuramee yoo hojiirra oole qisaasamaa yeroo hanga dhibbeentaa 40 kana hir’isuu fi baasii konkolaataa dhibbeentaa 15 –20 tti gadi buusa jedhameera. Kunis namoota miliyoona 1.5 ol daandii kanarra tajaajila argataniif qaqqabummaa gabaa fi tajaajilaa industirii kan fooyyeessuuf ta’uu baankiin addunyaa ibseera. Daandiin Saffisaa Moojoo – Hawassa daandii kaffaltii Itoophiyaa 2ffaa fi sadarkaa daandii saffisaa idil-addunyaa kan guute ta’uu isaatiin sadarkaa jalqaba gubbaatti argama. Daandichii Finfinnee irraa gara kibbaatti diriiruun wiirtuuwwan magaalaa fi industirii ijoo kanneen akka Moojoo ,Baatu, Shaashamane fi Hawaasaa kan walii qunaamsiisuudha jedhame. Daandiin saffisaa kun, daldala biyya keessaa fi alaatiif koridoorii baayyee murteessaa akka ta’ee himameera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
显示全部...
529👍 93🤯 15👏 10😱 1
照片不可用在 Telegram 中显示
TPLF waraanni Wallaggaa Ministirri muummee Dr Abiyyi akka wal bira qabanii itti fayyadamaanis akka dhaabbatu waamicha dhiyeessera. Erga waraanni Tigraay Sadaasa 2020 jalqabee hanga Sadaasa 2022 waliigalteen xummuramutti lammiileen nagaa kuma dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamanii, hedduunis madaa'aniiru. Waldhabdeefi wal himannaan mootummaa federaalaa fi hooggantoota TPLF jidduutti erga eegalee bubbuleera. Ministeerri dhimma alaa Itiyoophiyaa baatii Fulbaanaa darbe xalayaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif erge irratti TPLF fi Ertiraan humna waloo hundeeffachuun waraana Itiyoophiyaa irratti banuuf sochiirra akka jiran himachuun ni yaadatama. Haa ta'u malee, lamaan isaanii himata sana haaluun, gama Itiyoophiyaatiin waraanni irratti banuuf akka jiru deebisuun himatan. Lammileen Tigraay fi xiinxaltootnillee, waraanni marsaa biraa Tigraayitti ka'uu maluuf yaaddoo qaban, naannichi lola waggaa lamaatiin gaaga'amee ture, waldhabdee hidhannoo biraa dandamachuu hin danda'u jechuun ibsaa jiru. Mootummaan federaalaa hidhattoota TPLF leenjisee fi meeshaan waraanaa adeemsa DDR'n hiikkachuu osoo qabanii akka hin hiikkanne dhoysuun himata. Hoggantoonni TPLF ammoo hariiroon hoggantoota Eertiraa waliin qaban, ummata Tigraay fi ummataa Ertiraa jidduutti hariiroo nagaa cimsuu malee, akka mootummaan himatu Ertiraa waliin qindaa'uun lola gaggeessuuf akka hin taane haale. Ibsichi dubbiin kun "maqaa balleessii fi doorsisa hoggantoonni waraanaa fi siiviilii mootummaa Itiyoophiyaa Tigraay irratti facaasaa turan itti fufuu agarsiisaa" jedheera. ''Balaa lola marsaa biraa mootummaan Itiyoophiyaatiin gaggeeffamaa jiru gama maraan baay'ee kan hammaatu waan ta'eef, qaamni dhimmi ilaallatu hundi dafee dhaabuuf ga'ee isaa bahuu qaba,'' jedhe. "Qaamoleen mariichaa Gamtaa Afrikaa fi dhaabbileen idil-addunyaa dhimmi kun ilaalu, haala jiru qorachuun waliigalte Piriitoriyaa balaa jala jiru baraaruuf ga'ee isaanii akka ba'an waamicha goona," jechuun ibsi TPLF baasee beeksiseera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
显示全部...
323👍 29🔥 11🤯 11😁 7😱 3
照片不可用在 Telegram 中显示
Konkolaattonni mootummaa (Koodii 4) seera tiraafikaa cabsuun rakkoo uumaa akka jiran himame. Magaalaa Finfinneetti konkolaattonni mootummaa ykn 'Koodii 04' seera tiraafikaa cabsuun magaalichaa jeeqaa jiraachuu biiroon to’aannoo tiraafikaa beeksiseera. Akkasumas konkolaachiftoonni Koodii 04 yaada "akka barbaanne gochuu dandeenya" jedhu qabatanii seera tiraafikaa cabsuun adeemsa seeraa fi dambiiwwan kabachiisuu keessatti gufuu guddaa uumaa akka jiran ibseera. Sababa kanaanis ji'oota sadii keessatti konkolaachiftoonni konkolaataa mootummaa 270 ol adabamuun isaanii gabaafame. Hoggansa Tiraafikaa magaalaa Finfinneetti, Daarektarri To'annoo Tiraafikaa Obbo Ayyaalee Iteessa, akka jedhanitti "Seera kabachiisuuf bu'uurri seera, seera duratti namni hundi waliqixa jedhaniru, garuu, qondaaltonni tokko tokko karaa hin eeyyamaneef irraa konkolaachisuu" ibsanii kanaanis adabamaa jiraachuu himan. Obbo Ayyaaleen itti dabaluudhaan konkolaachiftoonni kunneen daandii otoobisoota qofaaf eeyamamee gubbaa konkolaachisuun akka filatan himuun,kunis balaa tiraafikaa dabalaa jira jedhan. Waajjirichi yeroo ammaa qondaaltotaa fi konkolaachiftoota seera cabsan kanneen ibsaa tiraafikaa fi daandii hin eeyyamnee gubbaakonkolaachisan kamiyyuu adabaa akka jiru hubachiisuun, akkasumallee Lakkoofsa gabatee konkolaataa seera cabse galmeessuun qaama dhimmi ilaallatuuf gabaasuun to’annoo fi hordoffiin cimaan kan raawwatamu ta’uu ibsaniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
显示全部...
341👍 44🥰 17🔥 13💔 13❤‍🔥 6🤯 4
照片不可用在 Telegram 中显示
Lakkoofsi namoota obomboleettii Meeliisaanin lubbuu dhabanii dabala jiraachuun ibsam. hangam hojiin lubbu bararuu cimee itti fufus Jamaayikaatti yoo xiqqaate namootni 19 obomboleettii Meeliisaanin lubbuu dhabuu Ministeerri Odeeffannoo biyyattii beetsiseera. ministeerichi Akka himetti Hojiin namoota barbaaduufi lubbuu baraaruu ulfaataa ta’aa dhufuu ibseera. gargaarsa nyaataa waliin ga’uufillee Ibsaan addaan cituufi manca’ina daandiitiin dhoqqeen ceesisuu dhoorkuun haalli jiru rakkisaa ta’uun himameera. Suuraaleen Saataalaayitiin kaafaman gamoowwan garri caalu manca’uu mul’isaniiru. Balaan dhaqqabe hammam hammaataa akka ta’e ibsuuf jechootni akka hanqatan jiraattotni dubbataniiru. Haaluma wal fakkaatuun, Heeyitiittis sababaa Meeliisaa lubbuun namoota 30 caalanii darbuu anga’ootni biyyattii ibsaniiru. Keessumaa lagni Peetit Gowave jedhamu guutee dhangala’uun sababaa du’a namoota hedduu ta’uu yoo himamu, jiraattota qe’ee isaaniirraa buqqisuun da’oo yeroo keessa akka turan taasisuun isaa eerameera. Yaaddoo Meeliisaan gara Kuubaanis deemuu mala jedhuun lammiileen Miiliyoona 3 caalan of eeggannoo akka taasisan yoo akeekkachiistu, lammiilee Kuma 735 ol akka bakka biraa qubatan taaasisteetti. Maddi:BBC fi Reuters SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
显示全部...
202😢 35👍 6🔥 6🤯 3😱 2
照片不可用在 Telegram 中显示
EZEMAn Paartiin Badhaadhinaa hojjattoota mootummaa dirqamsiisee miseensa godhataa jira jechuun komate. Paartiin Lammiileen Itiyoophiyaa Walqixxummaa Hawaasaatiif (Ezema) paartiin biyya bulchaa jiru, Paartii Badhaadhinaa, hojjattoonni mootummaa fedhii isaanii miseensa dhaabichaa gochuuf dhiibbaa irraan geessisaa jira jechuun ibsa Onkoloolessa 28/2025 baaseen komateera. Gochi kun heera biyyattii kan cabsuufi dimokiraasii kan dadhabsiisudha kan jedhan paartiin kun, aanga'oonni yoo miseensa ta’uu baatan akka guddina hin dhabne yookan hojiiraa akka hin gaggeeffamne sodaa keessa jiru jedhan. Gochaan akkanaa kun bara 2013 kaasee akka jiru eeruun, dararri akkanaa mirgoota namoomaa kanneen akka mirga walga’uu, mirga of ibsuufi walqixxummaa akka cabsu ibsan. Itti dabaluunis, dirqama Itiyoophiyaan waliigalteewwan idil-addunyaafi naannawaa kabajuu qabdu yaaddoo keessa galcha jedhan. Komishinii Mirgootaa Namoomaa, Dhaabbata Abbagaarifi Dhaabbileen Hawaasa Siivilii gidduu galuun darara kana akka dhaaban waamicha dhiyeesse. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
显示全部...
529😁 133👍 60🆒 25👏 14🔥 13🤯 12🫡 5
照片不可用在 Telegram 中显示
"Uummata Ertiraa waliin fedhii waraanaa gonkumaa hin qabnuu"MM Dr Abiy Ahimad. MM Dr Abiy Ahimad "Dhimma Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuu waan hin oollee"jedhan. Walgahii idilee 2ffaa bara hojii 5ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummata 6ffaa kaleessa gaggeeffamerratti gaaffilee miseensonni mana marichaa kaasaniif Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad deebiifi ibsa kennaniiru. Ibsasa kennaniinis, dhimmi Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuu waan hinoolle jedhaniiru. Dhimmicharratti biyyoota hedduu waliin mariin taasifameera kan jedhan Ministirri Muummee, dhimmicharratti nagaafi mariid dursi waan kennamuuf mariidhaan furmaanni akka dhufu gaafataniiru. Ummanni Ertiraa ammallee ummata obbolaadha; ummata biyyasaa dhiisee godaanaa jirudha; ummata kana waliin hojjechuun fedhii keenya; fedhii waraanaa gonkumaa hinqabnu jedhaniiru. Dhimmi Galaana Diimaa kan ka'e dhimma keessoo haguuguufi, kunis sirrii akka hintaane, dhimmi keessoo haguugamu akka hinjirre, kan jiru misooma ta'uu eeraniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
显示全部...
684👍 124🥰 34🔥 29🤯 18😁 13🕊 12🏆 10👏 2
照片不可用在 Telegram 中显示
Erga filannoon Onkoloolessa 12 eegalee Kaameeruun keessatti mormii muudateen yoo xiqqaate namoonni afur ajjeefamaniiru jedhame. Sababa jeequmsa kanaa kan ta'e Maanguddoon waggaa 92 yeroo 8ffaaf filannoo mo'achuu yoo ta'u Kaameeruun jeequmsa hamaa keessa galtes jedhame Erga managuddoon waggaa 92 Pool Biyaa yeroo saddeettaffaaf walitti aansuun aangoo qabachuusaanii labsatanii biyyattii keessatti hookkarri hammaateera. Dursaan paartii mormituu Shiroomaa Bakarii ammallee filannoo kana injifachuusaanii falmataa jiru. Paartiin Pool Biyaa, Sochii Dimokiraatawaa Uummata Kaameeruun (CPDM) jedhamu garuu himata kana kuffiseera. Poolisii fi aanga'oonni nageennaa biyyattii mormitoota humnaan cabsuun isaanii addunyaarratti ijoo dubbii ta'eera. Hawaasi idiladdunyaa, UN, Gamtaan Afrikaa fi Gamtaan Awurooppaa hookkarri kun hatattamaan akka dhaabbatu waamicha dhiheessaniiru. Bara 1982 erga aangoo qabatani hanga ammaa Kaameeruun bulchaa kan jiran Pool Biyaa umriidhaanis, yeroo aangoorra turaniinis addunyaarratti qondaala umrii dheeraati. Filannoo Onkoloolessa 12 gaggeeffameen sagalee kenname keessaa dhibbeentaa 53.7 argachuun injifatan. Morkataan isaanii Shiroomaa Bakarii ammoo dhibbeentaa 35.2 fiduun injifataman. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
显示全部...
354🤯 24🥰 23👍 6👏 6
照片不可用在 Telegram 中显示
Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa Fayyadamiinsa Anniisaa,Lakkooftuu fi Meeshaalee Elektrikii Ilaalchisee Qajeelfama baaseera. Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa tajaajila maamiltoota isaatiif kennu ilaalchisee wantoota gufuu itti ta’an ittisuuf jecha qajeelfama Qorannoo fayyadamiinsa anniisaa,lakkooftuu fi meeshaalee elektirikii Qorachuuf oolu hojiirra oolcheera. •Qajeelfamni kunis qabxiiwwan armaan gadii of jalatti hammaata:- ➡Maamilli anniisaa elektirikiio irratti hanna raawwatee kan mirkanaa’e yoo ta’e tajaajilli anniisaa utubaa/madda anniisaa irraa yeroodhaaf adda akka citu ta’a. ➡Hanna anniisaa raawwate hordofee dhaabbatichi himata banuun dhimmichi qorannoo fi murtii qaama seeraatiin darbe irratti hundaa’uun kaffaltiin raawwatamuu qabu hanga raawwatuu fi sanadni mallattaa’uu qabu hanga maallattaa’utti tajaajilli adda citee kan turu ta’a. ➡Maamilli hanna anniisaa raawwatee argame waliigaltee waan cabseef adabbiin akka hordofu qajeelfamichi ni eera. Adabbiiwwan Hanna Anniisaa Elektirikii Kanneen Armaan gaditti eeramaniidha: ➡Maamilli mana jireennaa yeroo jalqabaaf hanna anniisaa raawwatee argame qarshii kuma 20 adabama. ➡ Maamilli tajaajila waliigalaa yeroo jalqabaaf hanna raawwatee argame qarshii kuma 500 adabama. ➡Maamilli industirii xiqqaa yeroo jalqabaaf hanna anniisaa raawwatee argame qarshii kuma 750 ni adabsiisa. ➡Maamilli industirii jiddu-galeessaa hanna anniisaa elektirikii raawwate yeroo jalqabaaf qarshii miiliyoona tokko kan adabamu ta’a. Akkasumas, maamiltoonni taarifa industirii gadi aanaa fi jiddu galeessaa yeroo lammataaf hanna anniisaa irratti hirmaatan maallaqa wabiif Qarshii miiliyoona lama, maamiltoonni taarifa waliigalaa ammoo maallaqa wabii Qarshii miiliyoona tokko kaffaluu akka qaban qajeelfamni kun ni hubachiisa. ➡️Maamiltoonni maallaqa galchanii turan qajeelfamaa fi dambii dhaabbatichaa kabajanii waggaa lama walitti aansuun anniisaa haala sirrii ta’een yoo fayyadaman kuufamni isaanii ni deebi’a. ➡️Hojjettoota tajaajila elektirikii Itiyoophiyaan alatti namni dhuunfaa kamiyyuu waa’ee qaama hanna anniisaa raawwachuu isaa odeeffannoo yookiin eeruu yoo kenne adabbiin dhibbantaa digdamii shan (25%) ni argata. ➡️Eennummaan nama hanna anniisaa eeree iccitii ta’ee kan eegamu yoo ta’u, Lakkooftuu ammayyaa (smart meter) ilaalchisee odeeffannoo gahaan siistama irraa argachuu waan danda’amuuf kaffaltiin kennamu hin jiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
显示全部...
276😁 16👍 15🤯 10🔥 9🥰 3😱 2👏 1
照片不可用在 Telegram 中显示
Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad “Namni karaa nagaan dhufee seeraa fi sirna kabaju yoo jiraate araara qofa osoo hin taane waliin hojjechuuf qophiidha” jedhan. MM Dr Abiy Ahimad qaamni karaa nagaa dhufee seeraa fi sirna kabaju yoo jiraate araara qofa osoo hin taane waliin hojjechuuf qophiidha jechuun, “warreen nu faana araaramuuf jedhan akka hin araaramne qaamni godhanis jiraachuu” eeran. Ministirri Muummee ibsa kana kan kennan walgahii idilee lammaffaa bara hojii 5ffaa, guyyaa kaleessaa, gaggeeffame irratti gaaffii fi ibsa miseensota mana maree bakka bu’oota ummatootaa irraa ka’aniif yeroo deebii kennanidha. Ibsa isaanitiin, “ biyyoonni Itoophiyaan dadhabduu taatee akka jiraattu, miila lamaan akka hindhaabanne barbaadaniifi irratti hojjachaachaa jiran yeroo jiranitti lammiileen Itoophiyaa kana adda baasanii beekuu yoo hin dandeenye, galtee siyaasaaf qofa fedhiifi gaafii diinaa dabarsanii yoo kennan nageenya guutuu fiduun rakkisaadha” jedhan. “Biyyoonni Itoophiyaan miila lamaan akka hindhaabanne barbaadan lolaan akka nu injifachuu hin dandeenye ni beeku, humna Itoophiyaa inni [ergamtoota] ergaa jiru ni beeka, ergamtoonni garuu adaduma itti himamu utaalee as dhufuu waan danda’u itti fakkaatee gojomaa’a” jechuun ibsan. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
显示全部...
335👍 47😁 38👏 17🥰 14🔥 6😱 2
照片不可用在 Telegram 中显示
qarqara Keeniyaatti Xiyyaarri namoota 12 qabatee deemaa ture kufee caccabuun ibsame. Xiyyaarri namoota 12 qabatee balali'aa ture Kaawontii Kiwaalee kan qarqara Keeniyaatti argamtutti kufee caccabuu, Abbaan Taayitaa Aveeshinii biyyattii beeksise. Xiyyaarri kun magaalaa qarqara galaanaa Keeniyaa Diyaanii jedhamturraa gara rizoortii paarkii taphaatti akka sa'aatii naannoo sanaatti 05:30 (02:30 GMT) osoo balali'aa jiruu kufee caccabuu Abbaan Taayitaa Sivil aveeshinii Keeniyaa (KCAA) himeera. Xiyyaaricha keessa kan ture turistoota ta'uu Maddi oduu tokko tokko kan himan yoo ta'u Miidiyaaleen Keeniyaa bakka xiyyaarri kun itti kufeetti caccabaa xiyyaarichaafi gubataa jiraachuus agarsiisaniiru. ejensiiwwan mootummaa bakka xiyyaarri kun itti kufee caccabe dhaqqabanii balaa kanaaf sababiin maal akka ta'eefi miidhaa dhaqqabe qorataa jiraachuu KCAAn hime. Haaluma kaanan Reuters fi CNN dabalatee miidiyaaleen kaan lubbuun namoota 11 darbuu gabaasaniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
显示全部...
336😢 124😱 40👍 34💔 23🔥 10👏 8😁 8🫡 8💯 6🤯 1
照片不可用在 Telegram 中显示
MM Dr Abiy Ahimad “Liqaan waliigalaa Itoophiyaarra jiru doolaara biiliyoona 23 hin caalu, biyyattiin liqaa irra jiru kaffaluuf rakkoo homayyuu hinqabdu” jedhan. gaafilee miseensota mana mareerraa dhiyaataniif deebii kennaniin kan Ibsan Dr Abiy Waliigalaan liqaan Itoophiyaarra jiru doolaaraa biliyoona 23 ta’uu himuun, kanas ofirraa kaffaluuf rakkoon tokkoyyuu akka hin jiraanne ibsan. Kana malees Mariin liqaa Yuurooboondii ilaalchisee taasifamaa ture waliigalteen irra akka hinga'amne mirkaneessuun, kunis liqeessitoonni dinagdeenifi alergiin keessan saffisaan guddachaa jira waan ta’eef liqaa isinirra jiru kaffaluu dandeessu jechuun waliigalticha raawwachuu dhiisu dubbate. Idaan doolaara biiliyoona afurii haga 4.5 ta’u yeroon itti kaffalamu akka dheeratu taasifamuu himuun, jijjiirama biyyaalessaa waliin walqabatee mootummaan liqii daldalaa doolaara tokkollee hin fudhanne jedhan. “Itoophiyaan idaa keessatti argamti kan jedhu sirriidha” jechuun,garuu birqabaafi lakkoofsaan yoo ilaalame biyyoonni diinagdee gurguddaa qaban liqaa Itoophiyaa “dachaa heddu caalu” akka ofirraa qaban himan. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
显示全部...
579😁 163👍 64👏 45😱 34🔥 4🥰 3🤯 1
Waraanni Bilisummaa Oromoo 43 ajjeefamuu aanga'oonni ibsan. Tarkaanfii Humni Nageenyaa Waloo kan Kutaa Bahaa Itoophiyaa fudhateen Waraana Bilisummaa Oromoo 43 ajjeesuu Biiroon Komunikeeshinii Dirre Dhawaa ibse. namoota 43 ajjeese keessaa hoggantoota garichaa Jaal Harargee fi Jaal Bobbaasaan ajjeefamuufi Itti-Aanaan Hoogganaa Garichaa kan Jaal-Raasaa jedhamu ammoo yeroo Waraanni gaggeefamu madaa'ee booji'amuu” Ajajaan Qajeelcha Poolisii Waliigala Dirree Dh awaa Koomishinar Alamuu Magiriyaa Humni Nageenya waloo kan Kutaa Baha Itoophiyaa bakka bu’uudhaan ibsa Gaazexeesitootaaf laataniin, ibsaniiru. Dabalataanis Koomishinar Alamuu Magiriyaa ibsaniin garee kanaa waliin hariiroo adda addaa namoonni ni qaban jedhamuun shakkaman 34 too’annoo jala oolchuun galmeen himannoo sagal irratti banuuf gara Abbaa Alangaatti erguuf ta’uu dubbachuu gabaasichi eereera. Gama biraan, Godina Harargee Bahaa naannawaa Daarimoo Qilee, ganda Qarsaa keessa socho’aa turan reejimantii achi jiruun rukutamuu Raayyaan Ittisa Biyyaa beeksise. Tarkaanfii fudhatameen, miseensonni Waraana Bilisummaa Oromoo 17 barbadaa'uufi 14 immoo meeshaalee waraanaa guutuu waliin to’annaa jala ooluus ibsi Raayyaa Ittis Biyyaa eereera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
显示全部...
509😭 314👏 38😁 21🕊 16👍 11💔 10🔥 9😢 9🤯 4😱 1
照片不可用在 Telegram 中显示
照片不可用在 Telegram 中显示
Lammiileen Itiyoophiyaa biyya Arabaattii du'aan adabamuun ittii fufe. Sa'ud Arabiyaan lammiilee Itiyoophiyaa murtii du'aa itti murteessite du'aan adabuu itti fufte. Lammiilee Itiyoophiyaa 47 mana hidhaa bulchiinsa Naajiraan Sijnaal Ammii hidhaa jiran kan adabbiin du'aa itti murtaa'e keessaa yeroowwan garaagaraatti 42 irratti adabbii du'aa raawwachuu maddeen irraa odeeffanneerra. Akka maddeen ibsanitti kanneen hafan 5 keessaa kaleessa nama 3 baasuun murtii du'aa irratti raawwachuu himan. Kanneen adabbiin du'aa irratti raawwatame jedhame Najiib Mahaammad Zeeynii, Kadiir Ibsoo Qaanqoo fi Ahmad Hasan Ahmad kanneen jedhaman ta'uu himaniiru. Namoonni sadanuu dhalattoota Oromoo ta'uu maddeen ni ibsu. Lammiileen Itiyoophiyaa duuti itti murtaa'e hedduun imala seeraan alaatiin karaa Yamaniitiin gara Sa'ud Arabiyaa wayita seenan dallaalotaan baala sammuu namaa adoochu baachifamanii osoo deemanii waliin qabaman. Hedduun isaanii waanuma baatanii akka hin beekne kan himan maddeen, erga mana murtii dhaqanii achitti baala sammuu namaa adoochu ta'uu akka baran himan. Mana murtiitti falmanii haqa ofii akka hin kabajsiifne biyya sanaaf haaraa ta'uu fi afaan Arabaa wallaaluun danqaa guddaa akka itti ta'e warri yaada kennan ni dubbatu. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
显示全部...
😭 471 339👍 46😱 22🔥 8❤‍🔥 7💔 4🥰 2😁 2🤯 1