uz
Feedback
ABDII SABAA

ABDII SABAA

Kanalga Telegram’da oβ€˜tish

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! @Abdii_Sabaa πŸ’¬Contact UsπŸ’¬ @AbdiiSabaaDm 🎯BARNOOTAAF @abdii_sabaa_university 🎯MARIIF @Garee_Abdii_Sabaa

Ko'proq ko'rsatish
2025 yil raqamlardasnowflakes fon
card fon
561 168
Obunachilar
-4424 soatlar
-1327 kunlar
-1 00130 kunlar
Postlar arxiv
Photo unavailableShow in Telegram
Itiyoophiyaan xiyyaarota waraanaa Su-35 ja'a Raashiyaa irraa fudhachuuf waliigaluu sanadoonni miliqanii ba'an nii agarsiisu. Itiyoophiyaan xiyyaarota waraanaa sadarkaa olaanaa qilleensa fi lafarratti qolachuu danda’u Su-35 ja’a Raashiyaa irraa fudhachuuf waliigaltee mallatteessuu sanadoonni garee buttootaa Bilaak Miirariin ba’ee Onkololeessa 03 fuula intarneetaa irratti maxxanse ni agarsiisa. Sanadni miliqee ba’e kun, faayiloota keessoo dhaabbata waraanaa Raashiyaa Roostek, dhaabbata meeshaalee waraanaa oomishuu fi alatti ergu, 300 ol qabaachufi odeeffannoowwan dabalataa kanneen akka gatii meeshaalee waraanaa fi yoom alatti ergamuuf akka karoorfaman ibsu ofirraa qabaachuun ibsame. Biyyoonni xiyyaaraa waraanaa Raashiyaa irraa fudhatan lakkoofsi addaa akka kennamuuf kan ibse sanadichi, kanaanis β€œ231” jechuun Itoophiyaa, β€œ364” fi β€œ012” duraa duuban Iraan fi Aljeeriyaa ta’uu eere. Iraan xiyyaarota waraanaa Su-35 afurtamii saddeet ajajachuu kan eere sanadichi, Aljeeriyaan gama isheen Su-57 kudha lama ajajachuu eere. Waliigalteen kun hariiroon tumsa waraanaa Itoophiyaafi Raashiyaa cimaa dhufuu akka agarsiisu himame. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
❀ 526πŸ‘ 64😭 42😁 40🀯 16πŸ”₯ 6πŸ₯° 4πŸ‘ 4😱 3πŸ•Š 3πŸ’” 1
Photo unavailableShow in Telegram
#ADS Haala salphaan Doolaara 200 injifadhaa. Karaa salphaa namni kamuu muuxannoo tokko malee hojii hojjechuu doolaaraan kaffalamuu danda’u @ASBEKSPLATFORM ASBEKS hojjechuu eegalaa. Asbeks yeroo hojjettan doolaara tokko yeroo geessu kallattiin β€œWithdraw” taassifattee baafachuu dandeessa. Asbeks guyyaa guyyaan siif kafala. Dabalataan Doolaara 200 injifadhaa! Asbeks sagantaa badhaasaa Doolaara 200 qopheessee jira , hojii kee hojjechaa, wanta dalagde baafachaa sadarkaa keessa kan baatu taanaan injifataa ni taata. @asbeksplatform hordofuun hirmaadhaa. Karaa Teeligiraamii @asbeksplatform hordofuun hojjechuu eegalaa. Hojjechuu eegaluuf https://t.me/asbeksbot/start/?startapp=myadrefNjMwNzk2NTQ2Mg
Hammasini ko'rsatish...
❀ 191πŸ’” 24πŸ‘ 17πŸ•Š 16🀯 15πŸ”₯ 6😁 6πŸ‘ 4
Manni Mareen ajjeechaa gara jabinaa raawwatame balaaleffate. Manni Maree Dhaabbilee Amantaa Oromiyaa Ajjeechaa gara Jabinaa Abbootii Amantaa fi tajaajiltoota Masjiida Nuur Magaalaa Mekane Selaam keessatti raawwate balaaleffate Manni Maree Dhaabbilee Amantaa Oromiyaa Naannoo Amaaraa Godina Addaa Oromiyaa Zoonii Wolloo Kibbaa magaalaa Mekaane Selaamitti Masjiida Nuur keessatti ajjeechaa gara jabinaa Abbootii amantaa fi tajaajiltoota amantaa irratti raawwatame Ibsa gaddaa baaseen cimsee balaaleffatee jira. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
❀ 386😭 212πŸ‘ 33πŸ’” 21😁 12🀯 12πŸ† 10πŸ₯° 8πŸ”₯ 4πŸ™ 2
Naannoo Oromiyaatti dhaabbata barnootaa barattootni qaxaleen qofti saayinsii hawaa, nukilaraa, fi AI kaan itti barachuuf jedhan  hojii baruufi barsiisuu eegaluuf qophii xumureeraa jedhame. Inistiitiyuutiin Teknoloojii Shaggar (SIT) hojii baruu fi barsiisuu Saayinsii fi Teknoloojii irratti xiyyeeffate barsiisuufi qorachuuf Mootummaa Naannoo Oromiyaan Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Kooyyee Facceetti ijaaruun bara kana barattoota simachuun hojii baruufi barsiisuu eegaluuf qophii xumureera jira. Inistiitiyuutiin Teknoloojii Shaggar kun barattoota qaxalee ta'anii fi qabxii olaanaa galmeessisan keessaa ulaagaan filachuun Kaarikulamii Barnoota Idil-Addunyaatiin dameewwan barnootaa akka Saayinsii Hawwaa, hubannoo nam-tolchee/Artificial Intelligence, Baayooteknoloojii, Baayoo Injiineringii, Makaanikaalaa fi Maateriyaalii akkasumas Niwukilaar Fiiziksiin barsiisuuf hojjechaa jira. Kana malees, Inistiitiyuutichi barnoota gochaa fi Kalaqa irratti xiyyeeffate kennuun sagantaa kenninsa barnootaa dhaabbilee biroo irraa adda taasisuu irra dabree, saayintistoota Wiirtuu qorannoofi laaboraatoorii dhabaniif carraa kan uumudha. Hojiiwwan Kalaqa Saayinsiifi Tekinooloojii akka Biyyaattis ta'ee Afriikaatti milkeessuuf ergama guddaa qabachuun hojjechaa kan jiru yoo ta'u, bara kanattis haal-duree simannaa barattootaaf taasiseen Inistitiyuutichi barattoota 300 fudhachuuf karoorse keessaa hanga ammaatti barattoota 106 calaluun affeerraa taasiseera. Piroojeektichi wayita guutummaan guutuutti xumuramutti laaboraatooriiwwan 130 kan qabaatu yoo ta'u, kunis xiyyeeffannoo kennuun barattoota ofirra dabranii biyyaaf bu'aa buusan horachuuf murteessaadha. Ijaarsi Inistitiyuutii Tekinooloojii Shaggar fageessanii dhalootaafi  Egereef yaaduu Mootummaan Naannoo Oromiyaan Egeree Dhalootaa milkeessuuf qabatamaan agarsiisedhas jedhamera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
❀ 442πŸ‘ 64πŸ₯° 14πŸ™ 14πŸ”₯ 9πŸ‘ 8🫑 4πŸ†’ 4🀯 3
Photo unavailableShow in Telegram
Ruubiyoon Hamaas Gaazaa Bulchuu hin qabu jedhan. Karoora waraana boodaa Gaazaa dabalatee karoora nagaa Tiraamp irratti Hamaas qajeelfamaan walii galuu Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa gaazexeessitootaaf ibsaniiru. Falasxiinonni Gaazaa bulchuu qabu, Israa’el yaada kana irratti walii galti jedhan Ruubiyoon; garuu dhimma Gaazaa gaggeessuu furuuf yeroo fudhata. Waliigaltee Israa’el fi Hamaas irratti mariin karoorfame gaggeeffamaa akka jiru Maarkoo Ruubiyoon itti dabaluudhaan himaniiru jechuudhaan kan Ispuutnik gabaaseera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
❀ 134πŸ‘ 38
Photo unavailableShow in Telegram
#ADS Haala salphaan Doolaara 200 injifadhaa. Karaa salphaa namni kamuu muuxannoo tokko malee hojii hojjechuu doolaaraan kaffalamuu danda’u @ASBEKSPLATFORM ASBEKS hojjechuu eegalaa. Asbeks yeroo hojjettan doolaara tokko yeroo geessu kallattiin β€œWithdraw” taassifattee baafachuu dandeessa. Asbeks guyyaa guyyaan siif kafala. Dabalataan Doolaara 200 injifadhaa! Asbeks sagantaa badhaasaa Doolaara 200 qopheessee jira , hojii kee hojjechaa, wanta dalagde baafachaa sadarkaa keessa kan baatu taanaan injifataa ni taata. @asbeksplatform hordofuun hirmaadhaa. Karaa Teeligiraamii @asbeksplatform hordofuun hojjechuu eegalaa. Hojjechuu eegaluuf https://t.me/asbeksbot/start/?startapp=myadrefNjMwNzk2NTQ2Mg
Hammasini ko'rsatish...
❀ 184😁 40πŸ‘ 29πŸ₯° 13🀯 4
Photo unavailableShow in Telegram
Namni dhuunfaan Pireezidaantii Tuuniziyaa qeeqe duuti itti murtaa'e. Manni murtii Tuuniziyaa nama waggaa 51 Pireezidaantii Kaayis Saayid Feesbuukii irratti qeeqeerratti murtii du’aa itti murteessuu isaa TRT Africa gabaaseera. Himatamaan maqaan isaa hin ibsamne kun himannaa sadii mootummaa kuffisuuf yaaluu, pireezidaanticha arrabsuu fi odeeffannoo sobaa toora interneetii irratti tamsaasuun yakkamaa ta’uun isaa gabaasni kun ni mul’isa. Himatamaan kun Jimaata darbe murtii argachuuf mana murtiitti kan dhiyaate yoo ta’u, abbaan murtii seera adabbii Tuuniziyaa keewwata 54 fi seera yakka saayibarii bara 2022tiin jeequmsa kakaasuu fi walitti bu'iinsa kakaasuun yakkamaa ta’uu isaa murteesse. Gabaasni kun murtiin du'aa akka Itti murtaa'e ibseera. Abukaatoon himatamaa kun akka jedhetti namichi waggaa tokko mana hidhaa keessa akka ture, abbaa ijoollee sadii akka ta’ee fi miidiyaa hawaasaa irratti beekumsa xiqqaa akka qabu ibseera. ''Barreeffamoonni inni ittiin himataman harki caalaan isaanii kan isaa osoo hin taane, waraabanii fuula biroo irratti maxxansaniiru,'' jedha abukaatoon kun. Namichi kun nama miidiyaa hawaasaa irratti dhiibbaa guddaa geessisu akka hin taane, akkasumas barreeffamoonni inni himatame tokko tokko like tokkollee akka hin arganne dubbateera. Kun murtii du'aa Tuuniziyaa keessatti miidiyaa hawaasaatiin walqabatee yeroo jalqabaati. Gabaasni kun manneen murtii Tuuniziyaa yeroo baay'ee murtii du’aa akka murteessan kan ibsu yoo ta’u, carraan murtiin isaanii yeroo baay’ee hojiirra ooluu isaa garuu xiqqaadha jedhan. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
❀ 367😁 71🀬 36πŸ‘ 30😱 28πŸ₯° 4πŸ‘ 4🀯 3
Irrecha Hora Harsadee bara 2018 suuraan. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
❀ 249πŸ‘ 30πŸ”₯ 26πŸ‘ 17❀‍πŸ”₯ 9🀯 3🀬 3πŸ₯° 1
Photo unavailableShow in Telegram
#ADS Haala salphaan Doolaara 200 injifadhaa. Karaa salphaa namni kamuu muuxannoo tokko malee hojii hojjechuu doolaaraan kaffalamuu danda’u @ASBEKSPLATFORM ASBEKS hojjechuu eegalaa. Asbeks yeroo hojjettan doolaara tokko yeroo geessu kallattiin β€œWithdraw” taassifattee baafachuu dandeessa. Asbeks guyyaa guyyaan siif kafala. Dabalataan Doolaara 200 injifadhaa! Asbeks sagantaa badhaasaa Doolaara 200 qopheessee jira , hojii kee hojjechaa, wanta dalagde baafachaa sadarkaa keessa kan baatu taanaan injifataa ni taata. @asbeksplatform hordofuun hirmaadhaa. Karaa Teeligiraamii @asbeksplatform hordofuun hojjechuu eegalaa. Hojjechuu eegaluuf https://t.me/asbeksbot/start/?startapp=myadrefNjMwNzk2NTQ2Mg
Hammasini ko'rsatish...
❀ 209πŸ‘ 30πŸ‘ 11😭 11🀯 4😱 4
Hoggantoonni Istiraateejikii Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa nageenya Irreecha Hora Finfinnee Giddugala Too'annoo Koomaandii irraa yeroo hordofan. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
star reaction 1❀ 467πŸ‘ 88πŸ‘ 7πŸ₯° 6🀯 5
ODUU: Pireezidaantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp Israa'el Gaazaa barbadeessuu akka dhaabdu akeekkachiisan. Hamaas namoota uggure gadhiisuuf waliigallaan Tiraamp Israa'el Gaazaa barbadeessuu akka dhaabdu akeekkachiisan. Hamaas Israa'eloota uggure keessaa kanneen hafan gadhiisuuf waliigaleera. Garuu karoora nagaa Tiraamp baasan irratti mariin dabalataa ni barbaachisa jedhe. Hamaas karoora nagaa kana fudhachuu erga ibsee akkasumas namoota uggure hunda gadhiisuuf erga waliigalee booda Pireezidaant Tiraamp Israa'el haleellaa Gaazaa irratti raawwattu akka dhaabdu akeekkachiisaniiru. Pireezidaantichi Hamaas karoora nagaa kana hin fudhatu taanaan ''azaabatu isa eeggata,'' jechuun itti dhaadataa ba'an. Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamin Neetaaniyaahuu boqonnaa jalqabaa karoora nagaa kana hojiirra oolchuuf qophii ta'uu ibsaniiru. Hamaas ''nageenya waaraa fiduuf qophiidha'' kan jedhan Tiraamp, Israa'el garuu ammarraa kaastee Gaazaa barbadeessuurraa akka of qusattu dhaamaniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
❀ 275πŸ™ 35πŸ₯° 7😁 7πŸ‘ 5🀯 3πŸ‘ 1😭 1
Agarsiisa Diroonii Irreecha bara 2018 sababeeffachuun dhiyaate. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
❀ 601πŸ‘ 78πŸ₯° 37πŸ”₯ 26🀯 24πŸ‘ 17πŸ’― 17😱 5
Hirmaattonni ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee baranaa jala bultiitti simboo horaa kan jiran yoo ta'u biyyoota garaagaraa irraa dhufuun magaalaa finfinnee keessatti argamu. Namoonni irreeffachuu dhufan faaya aadaa Oromoo garaagaraan kuulamanii qe'ee bareechaas jiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
❀ 508πŸ‘ 74πŸ’― 24🀬 23πŸ”₯ 18πŸ₯° 18😁 16πŸ‘ 8🀯 8πŸ’” 2❀‍πŸ”₯ 1
Photo unavailableShow in Telegram
Itiyoophiyaan ramaddii sirna to'annoo fayyaa addunyaa kan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa baaseen "Sadarkaa 3" irra gahuun himame. Itiyoophiyaan ramaddii sirna to'annoo fayyaa addunyaa kan Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiin baaseen "sadarkaa 3" ykn level -3" irra gahuu ishee Daarektarri Ol'aanaa Dhaabbatichaa Dooktar Teediroos Adihaanoom beekisaniiru. "Sadarkaa 3ffaa" irraa gahuun kuni kan argasiisu biyyi tokko caasaa sirna fayyaa tasgabbaa'aa fi bilchinaan hojjachuuf akka qabdu kan agarsiisu yoo ta'u, Daarektarri Ol'aanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Doktar Teediroos Adihaanoom, Itiyoophiyaan sadarkaa 3ffaa irra akka geesseef fuula tiwiitarii/X isaa irratti ibsuun carraa kanaanis Itiyoophiyaadhaan baga gammaddan jedhaniru. Itti dabaluunis Itiyoophiyaan biyyota kanneen akka Masrii, Gaanaa, Naayijeeriyaa, Afrikaa Kibbaa, Taanzaaniyaa, Zimbaabuwee, Senegaal fi Ruwaandaa wajjin toora tokkotti akka makamtee ibsaniiru. Dabalataan sadarkaa kana irraa gahuun guddinni Afrikaan qorichaa fi oomishaalee yaalaa qorichaa kan nageennaafi qulqullina ol'aanaa qaban omishuutti gara fooyyessuutti dhihaataa kan jirtu ta’uu kan agarsiisu akka ta’es hubachiisaniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
❀ 510πŸ‘ 45😁 33πŸ”₯ 25πŸ₯° 22🀯 14πŸ‘ 13
Photo unavailableShow in Telegram
Dooktar Abiy Ahimad Ayyaana Irreechaa Sababeeffachuun Ergaa Baga Geessanii Dabarsan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ayyaana Irreechaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru. Baga Irreecha Malkaa nagaan geessan jedhan. Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera. β€ŽIrreechi sirna galateeffannaa Oromooti. Oromoon β€˜Sanyiin namaa horee kan baay’atu, kan faca’e du’aa ka’ee ija kan godhatu, atoomsaafi gargaarsa humna waaqaatiini’ jedhee dhugeeffata. Irreechi yoo gahu Waaqa Leemmoo garaa Taliilaa waan isaa godheef galateeffatee; kan dhufuuf araaraafi wagii gaafachuuf β€˜hoo quba’ kan jedhuuf kanaafi. β€ŽAkka falaasama Oromduriitti, Oromoon bishaaniif iddoo guddaa qaba.Bishaan madda qulqullinaa, bu’uura uumamaafi jireenyaa godhee dhugeeffata. Yoo kadhatus β€˜Waaqa uumaa, Waaqa uumamaa, Waaqa Burqaa Walaabuu’ jedha. β€ŽIrreechi bara kanaa wayita Itiyoophiyaan bishaan laga Abbayyaa fedhii Anniisaa lammiilee ishee guutuuf ,Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa eebbifattetti, kabajamuun isaa gammachuu keenya dachaa taasisa.Baga gammaddan! Baga gammanne ! ’Sabni malkaa hin qabne, Saba mataa hin qabne’! akkuma Oromoon jedhu, biyyi ulaa galaanaa hin qabne, biyya jiruu hin qabne jennee, uummata keenyaaf badhaadhina fiduuf; Hulaa Galaanaa karaa seeraafi nagaa bu’uureffateen qabaachuuf hojjachaa jirra. Tattaaffiin roga Kanaan gochaa jirrus addunyaa biratti fudhatama argachaa jira. Waggoottan darban keessatti; ilaalama haaraa, falaasama ida’amuutiin masakamnee; qabeenya, muuxannoofi beekumsa biyyi qabdu,uummata keenya waliin hooggansa bilchaataafi kutannoon guutame kenninee, Waaqnis nu gargaaree rakkoowwan heddu keessatti jijjiiramoota raajii ta’an galmeessinee jirra. β€ŽBara 2018ttis, duudhaalee Irreechaa; nagaa, araaraafi tokkummaa kudhaammannee, olka’iinsa biyya keenyaa mirkaneessuuf, qormaataaf osoo hin jilbiiffatin cichinee akka hojjannu dhaamuun barbaada. β€ŽIrra deebiin Irreechi kan milkii nuuf yaa ta’u! Qarruu Malkaa oofkalaa ! Gadaan Quufaaf Gabbina. β€ŽItiyoophiyaan tattaaffii ijoollee ishiitin sodaatamtee, kabajamteefi badhaatee bara baraan haa jiraattu ! β€ŽWaaqni Itiyoophiyaa fi ummattoota ishee haa eebbisu ! SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
❀ 398πŸ‘ 49😁 11πŸ”₯ 10πŸ₯° 9😱 5🀯 3❀‍πŸ”₯ 1

Fooyya’iinsa miindaa hojjettoota baatii Fulbaanaa 2018 irraa eegalee hojiirra oolu ifoome. Iskeeliin mindaa hojjettoota mootummaa inni haaraan ifoomeera. Dhiimicharratti Komiishinarri Komiishinii Siivil Sarvisii Itiyoophiyaa Dooktar Makuriyaa akka himanitti, fooya'iinsi miindaa kun baatii Fulbaanaa 2018 kana irraa eegalee hojiirra oola. Komiishiniin Siivil Sarvisii kan ifoomse Iskeelichi akka itti akka armaan gadiittii dhiyaateera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
star reaction 1❀ 450πŸ‘ 127😁 27πŸ‘ 25🀯 13πŸ”₯ 8πŸ₯° 2
Photo unavailableShow in Telegram
Gaazii uumamaa Itoophiyaatti oomishamu Pirojektiin waggaatti gaazii uumamaa liitira miiliyoona 100 fi miiliyoona 11 oomishuu danda’u Dooktar Abiy Ahimadiin eebbifame. Pirojektii waggaatti gaazii uumamaa liitira miiliyoona 100 fi miiliyoona 11 oomishuu danda’u Dooktar Abiy Ahimad eebbisaniiru. Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Naannoo Somaalee Kaalubitti Pirojektii gaazii uumamaa dhangala’aa Ogaadeen marsaa jalqabaa waggaatti gaazii liitira miiliyoona 100 fi miiliyoona 11 oomishuu danda’u eebbisneerra jedhan. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
πŸ‘ 667❀ 440πŸ† 41😱 30🫑 27πŸ•Š 13πŸ‘ 12πŸ₯° 8🀯 8πŸ”₯ 5
Photo unavailableShow in Telegram
Qorichi dhibee HIV Eedsii ittisuuf gargaaru gatii salphaan dhihaachuuf. Dawaa kana argachuuf namni tokko waggaatti doolaara kuma 28 kaffala, akkaataa waliigaltee amma irra ga'ameen garuu gatiin dawaa kanaa doolaara 40tti gadi bu'eera. Hanga bara 2027tti dawaan kun gatiinsaa hir'atee biyyoota galii gadi aanaa fi giddugaleessaa qaban 120 keessatti ni raabsama. Akka saayintistoonni jedhanitti dawaan kun vaayirasiin HIV/AIDS akka of hin baayyisne ni ittisa. Lammiileen biyyoota diinagdeensaanii gadi aanaa ta'e keessa jiraatan kanneen HIV qaban gatii salphaadhaan akka dawaa kana argataniif waliigaltee mallattaa'e keessatti Pirezidantiin duraanii US Biil Kilintan qooda olaanaa gumaachaniiru. Dawaan dhibee HIV Lenacapavir jedhamuu fi lilmoodhaan kennamu kun xumura bara kanaatti dhihaachuu eegala. Dawaan kun namoonni akka vaayirasichaan hin qabamne gochuun alatti kanneen qabaman wal'aanuufis ni tajaajila. Dawaan haaraan kun to'attoota qorichaa Ameerikaa fi Awurooppaa irraa eeyyama argateera. Bara darbe ji'a Waxabajjii keessa jaarmiyaan US dawaa oomishu- Gilead jedhamu dawaa haaraa kanarratti qorannoo gaggeesseen harka 100 keessaa 100 bu'a qabeessa ta'uusaa mirkaneesseera. Ji'oota 18 booda dawaan kun fayyadamtoota bira akka ga'u eegama. Dawaan haaraan kun yeroo ammaa dawaa HIV hojiirra oolaa jiru PrEP ykn pre-exposure prophylaxis jedhamu bakka bu'a jedhameera. Namoonni dawaa kana argachuuf dhuunfaadhaan waggaatti doolaara 40 qofa kaffaluutu irraa eegama. Dawaan kun guyyuu kan fudhatamu waan ta'eef dhukkubsattootaaf mijachuu dhiisuu danda'u ykn miira gaarii uumuufii dhiisuu danda'a. Yeroo kamuu caalaa akka adda of baasanii turanis kan dirqamsiisu ta'a. Guyyuu kan fudhatamu ta'uunsaa qorumsa biraas qaba- salphaatti akka hin argamne isa taasisa. Akka Geetis Faawundeeshin jedhutti namoota dawaan kun isaan qaqqabu qabu keessaa dhibbeentaa 18 qofatu argataa jiru. Qorannoon tokko akka mul'isetti dawaan kun dhibbeentaa afur yoo walga'e carraa namoota HIVn qabamanii dhibbeetaa 20n hir'isa. Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp deeggarsa dhibee HIV/AIDS'f taasisan wayita hir'isanittidha dawaan haaraan kun kan hojiirra oole. Ragaan UN farra AIDS irratti baase namoonni miiliyoona 40 ta'an vaayirasii kana qabaachuu mul'isa. Bara 2000 irraa eegalee facaatii HIV/AIDS hir'isuuf sadarkaa addunyaatti tattaaffiiwwan hedduun taasifamaa jiru. Haata'u malee bara darbe qofa namoonni miiliyoona 1.3 ta'an vaayirasichaan qabamaniiru. kuma 600 kan caalan vaayirasii kanaan du'aniiru. Gabaasi kan BBC ti SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
❀ 750πŸ‘ 128😁 28πŸ‘Œ 26🀬 14😱 11πŸ”₯ 9😒 9🀯 8πŸ’― 5πŸ₯° 2
Photo unavailableShow in Telegram
Mootummaan namoota lubbuun darbaniif GADDAA Itti dhagaahame ibse. Riqichi ijaarsaa jiguun balaa lubbuu namaa irra ga’een mootummaan gadduu ibsee Jira. Naannoo  Amaaraa godina Shawaa Kaabaa magaalaa Arartiitti Mana Amantaa Arartii Maariyaa ijaaramaa jiru irra riqichi ittiin olba’uuf tolfame jiguun lubbuu namootaa darbeef mootummaan gadda itti dhaga’ame ibseera. Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa balaa kanaan namoota lubbuu isaanii dhabanii fi miidhaan cimaa fi salphaan kan irra ga’e hedduu ta’uu eeree, miidhaa qaqqabeef gadduu isaa  ibseera. Tajaajilichi ibsa gaddaa dabarseen maatiiwwan miidhaan qaqqabeef jajjabina, warreen yaala irra jiraniif ammoo ariitiin  akka bayyaannatan hawwii qabu ibseera. Itiyoophiyaan ijaarsa hunda galeessarra jiraachuu  eeree, hidhawwan gurguddoo irraa eegalee hanga ijaarsawwan dallaa manaa nama dhuunfaatti jiran yeroo ijaaraman nageenyaaf dursa kennuun barbaachisaa ta’uu Tajaajilichi hubachiiseera. Daawwannaawwan bakkeewwan ijaarsaatti geggeeffamanis qajeeltoowwan nageenya hojiirraa akka kabajan gochuun barbaachisaa ta’uu akeekkachiiseera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! πŸ“‘ MIIDIYAA @ABDII_SABAA πŸ“‘
Hammasini ko'rsatish...
❀ 199😭 130πŸ’” 27😁 25πŸ‘ 17🀯 6😱 3πŸ”₯ 2😒 2